Waamicha misoomaa Magaalaa Sulultaa

Oromiyaan qabeenyaa humna namaafi uumamaatiin badhaatuu yoo taatuu, hanga ammaa misoomaarra hinoolle.   Biyyattii keessa humna namaa ogummaa garagaraatiin leenji’eefi qabeenya uumamaa jiru misooma walirraa hincinneetti jijjiiruun eegalamuus hanga barbaadame akka hintaane ragaaleen ni mul’isu.

Hojileen gama hawaasummaafi dinagdeetiin Oromiyaatti raawwatamaninis  ummatichi fayyadamaa ta’eera. Keessumaa guddina misoomaa indastiriifi magaaloota naannichaa saffisiisuun Oromiyaa jireenyaafi hojiif mijattuu taasisuuf sochii bal’aan eegalameera. Gama kanaan sochiin Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti taasifamaa jiru akka fakkeenyaatti kan eeramu.

Dhimmuma kanaan walqabatee dhiheenya kana Hoteela Sharaatan Addisitti karoora misooma indastirii Magaalaa Sulultaa ilaalchisuun qamoolee adda addaa jidduutti mariin adeemsifameera.

Misoomni indastiriiwwan magaalaa carraa hojii babal’isuun hoji dhabdummaa dhabamsiisuuf  akka riqichaatti tajaajilan keessaa indastiriiwwaan maanufaakchariingii giddugaleessaafi xixiqqaan ni eeramu. Dameen kun guddina dinagdee biyyoota akka Chaayinaa, Kooriyaa Kibbaa, Jaappaaniifi kanneen biroof bu’uura ta’uus ragaaleen ni mul’isu.

Marii kanarratti kan argaman Kantiibaan Magaalaa Suluultaa Aadde Roozaa Umar akka jedhanitti,  Itoophiyaatti keessumaa Oromiyaa keessatti muuxannoon kun babal’achaa dhufuun yeroo ammaa indastiriiwwan maanufaakchariingii giddugaleessaafi xixiqqaan magaalootaa babal’achaa dhufaniiru.

Kun ammoo guddina dinagdee biyyattiin galmeesisuuf tattaafachaa jirtuuf bu’uura ta’uun darbee damee maanufaakchariingii biyyattiin irratti xiyyeeffattee hojjechaa jirtuufis gumaachaa olaanaa taasisaa jira jedhu.

Bulchinsi Magaalaa Suluultaas dhimmachaaf xiyyeeffannaa kennuun babal’ina damee kanaaf bakkeewwan mijatan adda baasuun investaroonni akka irratti hirmaataniif affeeraa jiraachuus ni kaasu. Magaalattiin haala qilleensaa mijataafi teessuma lafaa hawwataa waan qabduufis filatamtuu ta’uu ibsu. Kana malees, Sulultaan magaaloota Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee keessaa tokkoofi gara kaabaatti Finfinneerraa kiiloo meetira 18 waan argamtuuf magaaloota daandii guddinaarratti argaman keessaa tokko akka ishee taasise Aadde Roozaan ni eeru.

Magaalli tun  kana caalaa akka guddattuuf Bulchiinsi magaalattii karaa maraanuu tattaaffii addaddaa gochaa akka jiru kan himan kantiibaan tun, yeroo dheeraaf misomni irra ce’ee gara biraatti babal’achaa tureera jedhu. Har’a garuu yeroon ga’ee magaalattiin bu’uuraalee misoomaa hedduu keessummeessaa akka  jirtu dubbatu.

Akka ibsa Aadde Roozaatti, Sulultaa magaalaa misoomtuu gochuuf dolaarri miliiyoona 70 kan barbaachisu yoo ta’u, kunis waggoota sadii keessatti mootummaafi qaamoolee arjoomtoota addaddaarra kan argamu ta’uu ibsu.

Misoomni magaalattii kun lafa heektaara kuma 14 irratti akka hojjetamu eeranii, magaalaa qulqulluufi magariisa gochuufis balfawwan keessatti argaman qulqulleessuuniifi biqiltuuwwan adda addaa dhaabuun jireenyaaf mijattu gochuun akka irraa eegamu ni addeessu. 

Magaalaa Sulultaatti warshaaleen adda addaa ijaaramaa jiraachuu kaasanii, keemikaalli kanneen keessaa ba’uus bishaan magaalattii akka hinfaalleef to’achuun akka barbaachisu Aadde Roozaan ni ibsu.

Ummanni magaalattiifi naannawaashee meeshaalee adda addaa kan argatu Finfinneedhaa ta’uu kaasanii, omishoota Sulultaatti omishamanis garasitti geessuuf  walitti hidhamiinsa gabaa uumuun, magaaloonni lamaan fayyadamoo akka ta’aan gochuuf akka hojjetamu addeesaniru. Akkasumas jiraatoota magaalattiifi hawaasa qonnaan bulaa naannawasheef bishaan qulqulluu, mana barumsaa, mana yaalaa, ibsaafi geejiba akka argatuuf kan hojjetan ta’uus ni eeraniru. Dargaggoonnis bakka hintaanee akka hinoolle gochuuf carraa hojii addaddaa uumuun ofii fayyadamanii maatiisaaniis akka gargaaraniif karoorri qabamuusaa Aadde Roozaan ni addeessu.

Qilleensi magaalattii mijattuu ta’uusaatiin atileetonni beekamoo addunyaa achitti shaakaluu eegaluusaanii kaasanii,  magaalaan Sulultaa Itoophiyaa qofa osoo hintaane ummata addunyaatiinu filatamtuudha jedhu. Kanaafuu Sulultaa magaalaa miidhagduu lammiileen hundi jaallatan gochuuf abbootiin qabeenyaa, investaronni, dhalattoonni magaalattiifi naannichaa hundi misoomasheerratti akka hirmaatan waamicha dhiheesaniru.


Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Ebla 18/2011

Recommended For You

2 Comments to “Waamicha misoomaa Magaalaa Sulultaa”

  1. Pingback: researchers

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *