“Oromoofi Gumuz waljibba hinqaban”-Aadde Dirribee Lammaa

Sabni Oromoofi Beenishaangul Gumuz saboota malkaa tokko daakan, sabootaa gaddaafi gammachuu waliin hirmaatan, hawaasummaan walmakan, saba walfuudhanii ilmaan walirraa horatan jaarraa hedduu obbolummaan dabarsaniifi wajjummaan guddataniidha.

Dhalattoonni naannolee lamaanii kunneen aadaan, duudhaan walmakanii wajjummaan jiraachaa turuusaaniirraa kan ka’e dandeettii afaanota sadiifi isaa ol beekuus walirraa dhaalaniiru.

Ta’us hundaa’uu mootummaa haaromsaa as harcaatonni jijjiiramichi liqimfamuufii dide shira jibbaa xaxuun saboota kanneen walitti buusuun ergamasaanii dhokataa milkeeffachuuf carraaqqii taasisaniin miidhaan hawaasa lameenirra gahe gaddisiisaa ture.

Yaa ta’uutii hawaasni aadaafi duudhaa walii qooddatee waliin jiraachaa ture kun shira harcaatotaatti bishaan naquun jaarsaan araaramanii hariiroonsaanii bakka duriitti deebi’eera.

Gaazexaan Bariisaas marii saboota kenneen gidduutti tibbana Asoosaatti gaggeeffamerratti argamuun dubartii Oromoo dhalataa Gumuzitti heerumuun ijoollee jaha horatan, Aadde Dirribee Lammaa wajjin gaafdeebii taasise akka armaan gadiitti dhiyeessa.

Bariisaa: Abbaa warraa keessan wajjin akkamiin walitti dhuftan?

Aadde Dirribee: Ani jaaladhee Oromoo hintaane. Abbaan manaakoos filatee Gumuz  hintaane. Lamaan keenyayyuu waaqa tokkichatu uume. Darbees lamaan keenyayyuu sanyii Addaamirraa dhufne. Kan walitti nufidemmoo jaalala.

Bariisaa: Akkamiin walfuutan, amma maalirra jirtu?

Aadde Dirribee: Abbaa warraa koo wajjinFinfinneetti walbarre. Yeroo walitti dhufnu ani Warshaa Huccuu Aqaaqii keessan hojjedha ture. Waljaalannee walitti dhufnee gaa’elatti galuu dandeenye.  Booda keessa abbaan warraa koo jijjiirraa hojiitiin gara biyya dhalootasaa, Matakkalitti waan jijjiirameef  dhufnee waggoota 20 ol jiraanne.

Bariisaa: Mee yeroo isin dhalataa Gumuzitti heerumtan matiis ta’e namoonni biro maal jedhan?

Aadde Dirribee: Akkam gurraachatti heerumta jechaa turan. Anis yoon isaaniif deebisu gurrachas ta’e diimaa akkasumallee adii yoo murame dhiigni hundaa diimaa waan ta’eef garaa garummaan dhala namaa gidduu akka hinjirre agarsiisaa ture. Kun waan naa galeefin itti heerume. Isinis hanga isiniif galutti taa’aa jedheen deebisuufiirra darbeen gaa’ilakoo ho’ifachuutti seene.

Jaaladheen itti heerume. Isatti heerumuu koo yoo jibbitan dhimma keessani. Yoo isiniif galemmoo walkabajnee wajjin jiraanna jedhee gaa’ilakoo jajjabeessaa kunoo har’a waggoota dheeraa lakkoofsisneerra.

Bariisaa: Sana booda hoo?

Aadde Dirribee:Abbaan manaakoo nama jaalala namaa qabu, nama safuu beeku, nama warrisaa seeraan guddisaniifi amala qabeessa.

Erga maalummaasaa itti siqanii baranii isa dinqisiifachaa turan. Akkuma abbaa warraa kamuu nama manasaatiif, ijoolleesaaf, ollaasaatiif yaadu ta’ee arguusaaniin bay’ee akka isa kabajan nattimaa turan. Isa namni duubaan namatti malu, shira lafa jala xaxamullee takkaa hinbeeku. Kunimmoo filannoonkoo sirrii akka ta’e naa mirkaneesse.

Bariisaa: Yeroo walitti bu’insi Oromoofi Gumuz gidduutti uumame akkamiin dabarsitan? Isin Oromoo, abbaan warraa keessan ammoo Gumuz.  Ilmaan keessan wajjin rakkoon isin hinmudannee?.

Aadde Dirribe: Inni yeroo sanaa baay’ee nama gaddisiisa. Sabni barootaaf waldandahee wajjin jiraachaa ture shiraan walitti deebi’ee walajjeesuunsaa, walbuqqisuunsaa baay’ee ajab nu jechisiisaa ture.

Yoo dhimmicha ilaallus rakkoon ka’umsa dubbichaa saboota kanneen lamaan miti. Kanneen gidduutti abidda qabsiisan kumaatama. Kun ta’us aadaa araaraa kanaan dura itti jiraachaa turreen ganda ganda keessatti jaarsota  saboota lamaan keessaa babbahan akka koreetti ijaarree walitti bu’insichi akka dhaamu hojjetaa turre.

Anaafi abbaan warraa koo wajjin dulloomneerra. Gaaf tokkollee ija jibbaatiin walilaallee hinbeeknu. Gaafa sanas haalichatti waan gaddineef nagaa buusuuf tattaaffii gochaa turre

Sosochii gama kanaan taasisaa turreen Matakkal keessatti hagas mara sadarkaa yaaddessaarra waan gahe miti. Anaafi abbaan warraa koos akkasumallee ilmaan keenyas dhiibbaan gama lachuun isaanirratti qaqqabe hinjiru.

Matakkal keessa Oromoon Gumuz fuudhe akkasumas dhiirri Gumuz dubartii Oromoo fuudhee ilmaan horatan hedduudha. Kanarraa kan ka’e rakkinicha hamma tokko dhaamsuun danda’ameera.

Bariisaa: Akkuma beekamu rakkina uumame kanaan qabeenya baay’eetu barbadaa’e, lubbuu baay’ees bahera. Har’a erga araarri bu’ee hawaasni saboota lamaanii maal jechaa jira?

Aadde Dirribee: Saboonni lamaanuu wanta uumame kana abaaraa jiru.  Takkaa waldhabdeen sadarkaa kanarra isaaniin gahu mudatee hinbeeku. Isa darbeef boohaa, amma jireenya hawaasummaa wajjummaan gaggeeffataa jiru. Gabaa tokko dhaabataa jiru.

Bariisaa: Maddi rakkinichaa eessa akka ta’e hawaasni bareeraa laata?

Aaadde Dirribee: Eeyyee bareechee beeka. Warra faayidaan saamichaa isaan jalaa gu’etu shira xaxuun saboota kanneen walitti buusaa ture. Saboonni kunnniin walitti bu’anii halkan tokko osoo hinbuliin jaarsa biyyaatiin araaramaniiru jechuun miira keessa galanii imiimmaan harcaasan

Bariisaa: Sochii mootummaan qaamota shira kana xaxan to’achuuf taasisa jiru akkamiin ilaaltumee?

Bariisaa: Mootummaan ammaa kun kan ummata bal’aati. Uummatatu kaawwate. Warri kaleessa hanna baranimmoo jeequmsa uumuun nageenya ummataa jeequun garaa sabootaa booressaa jiru. Obsi mootummaan jarreen kanaaf qabu gahuu qaba.

Oromoos ta’e sabni Gumuz takkaa waljibba hinqabu. Ta’us gidduu seenanii olola sobaatiin warri abidda qabsiisan ammas waan jiraniif mootummaan hordoffii cimaa gochuu qaba.

Jarreen kun ija uummataa jalaa dhokatanii lafa seenan hinqaban. Tarkaanfii barsiisaan humnoota badii kanneenirratti yoo hinfudhatamne gochichi ni dhaabata jedhamee hinyaadamu. Sababnisaas humni kaleessa faayidaa saamtotaa eegsisaa ture har’a wayita ugguramu wixxirfachuunsaanii waan hinoolleef irratti duulamuu qaba.

Kana malees dargaggootaaf carraan hojii uumamuu qaba. Kun ta’uu baannaan hattoonni sababa uumanii jeequmsichi akka ka’u gochaa waan jiraniif dargaggootarratti hojjechuun dirqama.

Waasihun Takileetiin

Bariisaa Ebla 11/2011

Recommended For You

2 Comments to ““Oromoofi Gumuz waljibba hinqaban”-Aadde Dirribee Lammaa”

  1. I like how well-written and informative your content is. You have actually given us, your readers, brilliant information and not just filled up your blog with flowery texts like many blogs today do. If you visit my website QN5 about Airport Transfer, I’m sure you can also find something for yourself.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *