“Miidiyaa biyyattiif sarara diimaa barbaachisa” -Gaazexeessaa Mohaammad Adamoo

Finfinnee: Miidiyaan Itoophiyaa sababa dhiibbaa waggoota darban irra tureen hanqina sadarkaa, qulqullinaafi naamusasaa qaban ta’uu Gaazexeessaa Mohaammad Adamoo ibse.Gaazexeessaa Aljeziiraa kan tureefi hundeessaan marsariitii ‘Opride’ Mohaammad guyyaa pireesii addunyaa sababeefachuun gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa wajjin Finfinneetti taasiseen akka jedhetti, biyyattii keessa miidiyaan mootummaafi dhuunfaa malee gidduu keessa homtuu hinturre.

Kanarraa kan ka’e sadarkaan, qulqullinniifi naamusnisaa daran gadi bu’aadha.

Waa tokko qoratanii dhiheessuurratti dandeettiin jiru gadaanaadha. Akkuma Afrikaattuu kan Itoophiyaa fagoo jira. “Haala sana keessatti amma callisee dirreensaa baname. Kana keessatti karaa miidiyaa mootummaa yoo ilaalame, “mootummaa hammam dhiibuu dandeenya, hamma tokko gaaffii jabaa gaafachuu dandeenya” isa jedhurratti ammas yaaliirra jirama.

Miidiyaalee biyyaalessaafi naannoo tokko tokko yoo ilaalalle dhimmoota tokko tokko dhiigsanii hojjechuurratti hanqinni ni mul’ata. Miira “Yoo akkas jenne mootummaan maal jedhaatiin socho’uutu mul’ata” jedha.Warri gama dhuunfaatiin jiranis babal’achuun isaanii gaarii ta’uufi ummata miliyoona 100tti siquuf kan amma jiru ga’aa akka hintaane kaasee, innumti jiruyyuu Finfinneetti koluu galee waan jiruuf miidiyaa Itoophiyaa jechuun akka nama rakkisu ibsa.

Kunneen immoo garee ykn ilaalcha tokko tumsuudhaan, dhugaarra jette jettee gabaasuun ummanni sodaafi yaaddoo keessa akka seenuuf naamusa gaazexeessummaan ala socho’aa jiraachuu dubbata.“Hoteelota guguddoo biyya kanaa keessa gaazexaa hinragattu. Saatalaayitii warri magaalaa keessaa argachuu danda’u, baadiyyaa yoo deemtu bakka raadiyoon, televizyiniifi gaazexaan hinjirre baay’eedha. Kanaaf ummanni Itoophiyaa irra jireessi ammayyuu uwwisaafi qaqqabiinsa miidiyaa hinaraganne” jedha.

Rakkoolee eeraman kunneen miidiyaa walabaafi giddugaleessa ijaaruuf dhiibbaa uumuu kan eeru gaazexeessaa Mohaammad, kanaaf seerri miidiyaa qophaa’aa jiraachuun furmaata ta’uu mala jedha. Hundumtuu seeraan socho’uu waan qabuuf akkasumas, mirgis daangaa qabaachuusaatiin sararri diimaan sljiraachuu qaba.

Ta’uu baannaan garaan ummataa walirraa fagaachuun, walitti bu’uun, tokkummaafi jaalallisaa diigamuufi miirri idaa’amuu sharafamuun waan oolu akka hintaane ibsa. Guutuu gaafdeebii kanaa maxxansa keenya torbee dhufuurratti isin dubbisiisna.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Ebla 11/2011

Recommended For You

3 Comments to ““Miidiyaa biyyattiif sarara diimaa barbaachisa” -Gaazexeessaa Mohaammad Adamoo”

  1. Pingback: คายัค

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *