Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa muudama ministirootaa raggasise

Finfinnee: Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’iisaa idilee kaleessa ademsiseen muudama ministiroota sadii dhihaatan irratti mari’achuun raggaaseera.

Haaluma kanaan Obbo Lammaa Magarsaa Ministira Ministeera Ittisa Biyyaa, Obbo Gadduu Andaargaachoo Ministira Ministeera Dhimma Alaa, Injiinar Ayishaa Mahaammad Ministira Ministeera Misooma Manneeniifi Konistiraakshinii ta’uun muudamaniiru.

Muudamni kunis mormii  tokko, qoqoobbii sagalee shaniifi sagalee caalmaatiin ragga’eera

Muudama ministirootaa, pirezdaantii naannoo Oromiyaafi ittigaafatamaa waajjira Giddugaleessaa ODP kaleessaa ilaalchisuun xiinxalaa siyaasaa Jawaar Mohaammad akka jedheetti, muudamichi caasaan federaalaa humnoota dandeettii siyaasaasaanii jijjiiramaaf oolchanii hanga har’aa tursaniin akka cimuuf kan yaadamedha.

Obbo Lammaan Ministira Ittisaa ta’aanii muudamuun isaanii yeroo isaaniifi dandeettiisaanii Oromiyaaf qofa osoo hintaane federaalaafis qoodaa waan turaniif damichi ni cimsa malee hinlaaffisu jedheera.

Obbo Gadduunis muuxannoo qabaniin ministira nageenyaa osoo ta’aanii caalaa gaarii turuusaa kaasee, bakka amma itti muudamanittis muuxannoo waan qabaniif ni milkaa’u abdii jedhu akka qabu ibseera.

Muudamtoota Oromiyaafis carraa gaarii hawwuudhaan jijjiiramaaf sabboonummaadhaan waliin kan hojjetan ta’uu addeessa.

Durataa’aa Ittaanaan Paartii Kongirasii Federaalistii Oromoo ‘KFO’ Obbo Mulaatuu Gammachuu Bariisaaf akka ibsanitti, seenaan muudama ADWUI jalqabumarraayyuu seera federaalizimii kan hordofe waan hintaaneef waan haaraa eegan akka hinqabne dubbataniiru.

“Silaa ta’uu kan qabu bakka bu’aasaa kan filatu ummata malee yaa’iidhaan taa’ame miti. Kan buusuu qabus ummatuma. Kanaachii yeroo barbaadanitti muudanii yeroo barbaadanitti kaasuun sirrii waan hintaaneef wantichi nutti hinho’uus nutti hinqorrus” jedhu.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Ebla 11/2011

Recommended For You

2 Comments to “Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa muudama ministirootaa raggasise”

  1. Pingback: Beretta 92f

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *