Manni Maree ADWUI ji’oottan ja’an darban dirreen siyaasaa bal’achuusaa ibse

Finfinnee: Manni Maree Adda Demokraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI)n walga’iisaa Ebla 7-8 bara 2011 taa’een haala yeroo biyyaafi raawwii hojii baatiiwwan darbanii qorachuun kallattii kaa’eera.

Waggaa tokkotti, keessumaa yaa’iin ADWUI 11ffaa erga gaggeeffamee baatii Fulbaanaatii eegalee kallattiiwwan yaa’ichaan kaa’aman bu’uureffachuun dirree siyaasaa bal’isuuf hojjetamuusaa qorateera.

Paartileen obbolaafi deggartootaa sochiin waliin eegalan sadarkaa gaariirra jiraachuu, walii galteen waadaa paartilee morkattoota waliin mallattaa’e dirree demokraasii Itoophiyaa bal’isuuf hojiin hojjetamu akka agarsiisu qorateera.

Jaarmiyaaleen siyaasaa bifa heera biyyattii kabajeen sochii nagayaa akka taasisanis dhaameera.

Jaarmiyaalee morkattootaa waliin demokraasii keessoo bal’isuuf hojjetamuu, paartilee obbolaa jidduutti walshakkiin uumame hiikamee tokkummaan akka uumamu kallattii kaa’eera.

Haaluma kanaan dhimmoota sirreeffamuu qaban irratti karaa demokiraatawaa ta’een yaadni irratti ka’ee dhumarratti biyyaafi ummata giddu galeessa godhachuun walii galteen taasifameera.

Tarkaanfiin sirreeffamaa gama dinagdeen fudhataman dinagdee biyyaa qorre fooyyessuu irratti gahee olaanaa qabaachuu kan ilaale manni marichaa keessattuu kuufama sharafa biyya alaa guddisuu irratti hojiin hiikoo qabu hojjetamuun qoratameera.

Gama kanaan fooyya’iinsi kan jiru ta’u, hoji dhabdummaan olaanaa, hanqinni sharafa alaa, dhiibbaan liqii haalaan kan hinfuramne waan ta’aniif furmaata laachuuf hirmannaan akka barbaachisu manni marichaa jala mureera.

Fayyadamummaafi hirmaattummaa dargaggootaa keessattuu hoji dhabdummaa furuuf tattaffiin hanga yoonaatti taasifame jiraatus bal’inafi fedhii guddaa jiruun ammas jijjiirama kanarraa kan hinfayyadamne ta’uun eerameera.

Dabalataanis hirmaannaa dargaggoonni siyaasa biyyaa keessatti qaban kan hin deebine ta’uu ilaaluun, Fayyadamummaan dargaggootaa ilaalchisee bara bajataa dhufutti xiyyeeffannoon addaa itti kennamuun ajandaa addaa ta’ee giddu gala hirmaannaa hundaa ta’uu akka qabu murtaa’eera.

Rakkoolee bulchinsa gaarii iddo tokko tokkotti mul’atan ilaalchisee, gaaffii ummataa deebisuuf hojiin jalqabame cimee itti fufuu akka qabus dhaamee jira.

Dhimma buqqatoota iddoo tokko tokko jiraataniis gadi fageenyaan mari’achuun buqqatonnii gara mana isaaniitti akka deebi’aniif wanti barbaachisu hundii taasifamuu akka qabu kaa’amee jira.

Walitti dhufeenya biyyoota ollaa waliin biyyattiin qabdu hojii gaariin hojjatamuu isaa lafa kaa’ee, keessumattuu walitti dhufeenyi Ertiraa waliin jalqabame cimee itti fufuu akka qabu kallattii kaa’ee jira.

Dhaabbileen sab-qunnamtii jijjiirama amma biyyattii keessatti adeemsifamaa jiru ummataaf ibsuuf, rakkooleen jijjiirama waliin jiranis kaasuu keessatti ga’ee isaanii bahaachaa jiraachuus manni marichaa kaaseera.

Ta’ees miidiyaaleen tokko tokko waan darbe irraa ummanni barumsa akka fudhatu gochuu dhiisanii, rakkoo mootummaa irratti qofa xiyyeeffachuun ummata raasaa jiraachuu isaanii irraa of qusachuu akka qabanis akeekkachiiseera ibsichi.

Yaada ofii bilisaan ibsachuu irratti ga’een miidiyaa hawaasaa guddaa ta’e osoo jiruu, dimokiraasii gadi qabuufi akka dimokiraasiin hinguddanne gochuu keessatti wanti baay’een muldhachaa waan jiruuf karaan kun ittiin sirreeffamu kaa’uun akka barbaachisu himamee jira.

Dhumarrattis manni marichaa sanada dhiyaateefi gabaasa dhiyaate irratti gadi fageenyaan mari’atee sagalee caalmaan raggaasiseera.

Bariisaa Ebla 11/2011

Recommended For You

3 Comments to “Manni Maree ADWUI ji’oottan ja’an darban dirreen siyaasaa bal’achuusaa ibse”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *