“Indastiriin uffata aadaa Oromoo hanga fedhii ummataa hinguddanne” -Diizaayinar Moyii Xilaahuun


Finfinnee: Indastiriin uffata aadaa Oromoo ammayyuu fedhii ummataa wajjin kan walsimuu waan hintaaneef caalaatti beeksisuufi irratti hojjechuu akka barbaachisu namoonni damicharratti bobba’an ni ibsu.

Hundeessituun Mana Uffata Aadaa Oromoo Moyii Finfinneetti argamuu, Artiistiifi Diizaayinar Moyii Xilaahun ibsa Kibxata darbe Bariisaaf kenniteen, biyyattiin haala mijataafi qabeenya uumamaa leecalloo uffata omishuuf barbaachisu qabaattus hanga barbaadame itti hinhojjenne jetti. Keessumaa uffata aadaa Oromoo fedhii sabichaa waliin yommuu ilaalamu ammayyuu caalaatti irratti hojjetamuu akka qabu dubbatti.

Kanuma ilaalchisuun Dilbata dhufu Hoteela ‘Iskaayilaayitiitti’ agarsiisa faashinii uffata aadaa Oromoo kan qopheessite yoo ta’u, kanaanis aadaa Oromoo beeksisuurra darbee uffanni Oromoo bifa ammayyaawaafi hojii guyyuutiif mijatuun illee uffatamuu akka danda’u agarsiisuu akka yaaddes ibsiteetti.

Yeroo baay’ee uffanni aadaa guyyaa ayyaanaafi qophiilee addaddaarratti qofa akka uffatamu kaastee, agarsiisa kanaan garuu bakka hojiittis ta’u bakkawwan hundatti Oromoonis ta’u sablammileen biroo uffachuu akka danda’anitti qophaa’ee kan agarsiifamu ta’uu ibsiti.

Saganticharratti bakka bu’oonni aanga’oota mootummaa, aartistoonniifi Oromoo hedduun akkasumas, dippiloomaatonniifi lammiileen biyya alaa biroo ni argamu jedhamee waan eegamuuf aadaa Oromoo sadarkaa addunyaatti illee beeksisuuf akka gargaaru kan eertu Moyiin, fuuldurattis gara Ameerikaa deemuun qophii walfakkaatu adeemsisuuf karoora akka qabdu himti.

Uffannaawwan aadaa yommuu qopheessitu duudhaasaanii ganamaa akka gadi hindhiisne, faayaalee qabatamuu qaban, kan dubartiifi durbi uffattuufi kkf irratti namoota beekan gaafachuun xiyyeeffannaadhaan akka hojjettu kaastee, agarsiisa kana qopheessuuf erga yaaddees waggoota sadii caaluufi dhimmoota eeraman adda baafachuuf akkasumas, ispoonsara dhabuun yeroo itti fudhachuu addeessiti.

Agarsiisichi Dilbata dhufu waaree booda 10:00 irratti akka eegalamuufi tikeetiin seensaa gurguramaa jiraachuu kan ibsitu Dizaayinar Moyiin, dhaabbileefi namoota dhuunfaa deggarsa taasisaniif galateeffatteetti.

Saamraawiit Girmaatiin 

Description: C:\Users\Samrawit\Desktop\Ebla 11\54353396_1113810058812050_6190555596035457024_n.jpg

Recommended For You

5 Comments to ““Indastiriin uffata aadaa Oromoo hanga fedhii ummataa hinguddanne” -Diizaayinar Moyii Xilaahuun”

  1. Pingback: cat888

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *