
Finfinnee: Fiigicha Maaraatoonii Olompikii Riyoo ALA bara 2016 adeemsifametti lammaffaa ba’uun Itoophiyaaf meedaaliyaa meetii kan argamsiise Atileet Fayyisaa Leellisaa beekamtiinsaa turee kennamuufis itti gammadusaa ibseera.
Atileet Fayyisaa shaampiyoonaa Riyoorratti dorgommiisaa wayita xumuru harkasaa olkaasee qaxxaamursuun hacuccaa ummatasaa irra ture addunyaatti saaxila baasusaatti biyyaa fagaate waan tureef beekamtiisaa hinfudhanne.
Beekamtiisaas kan torban darbe Pirezdaanti Itoophiyaa Saahilawarqi Zawudeetiin kan kennameef yoo ta’u, Ministirri Muummee Doktar Abiyi Ahimadis sirnicharratti argamaniiru.
Fayyisaan wayita badhaasa kana fudhatu akka ibsetti, beekamtichi turee kennamuufiyyuu kaayyoonsaa galama ga’uusaatiin gammaduusaa dubbateera. Qabsoon yeroo sana taasifamaa tures fiixaan ba’ee arguusaatti gammachuunsaa dacha ta’uu ibseera.
“Beekamtiin kun haarawaa miti. Haaraa kan taasisu ummanni Oromoo kan yeroo sana qabsoo guddaa gochuun biyya itti dhalate keessatti guddate baqachuun biyyaa ba’e, har’aa biyyatti deebi’usaati” jedha.
Bu’aa qabsoo argame kanaan duubatti akka hindeebine qeerroofi qarreen Oromoo kunuunfachuun akka nageenya argame kana eeguurrattis mootumaa maddii dhaabbachuun misoomaaf akka tumsan dhaamsa isaa dabarseera.
Seenaan kanaan dura hojjetame kabajaan galmaa’ee akka taa’uufi dhalooti har’aa fuulduraaf seenaa haarawaa hojjechuun akka irraa eegamu eeree, hunduumtu bakka jirutti bu’aa buusuu akka qabus Atileet Fayyisaan gaafateera. Akkasumas nageenya biyyattii eeguuf Oromoon hundi akkuma kanaan duraa sabaafi sablammii wajjiin jiraatu kabajuun tokkummaadhaan biyya guddisuu akka qabu ergaasaa dabarseera.
Mootummaan Itoophiyaa yommuu jilli Olompikii Riyoo yeroo biyyatti deebi’u Atileeti Almaaz Ayyaanaaf konkolaataa, Fayyisaafi Ganzabeef qofa qofaatti qarshii kuma 500, Koreen Olompikii Itoophiyaa ammoo dhuunfaasaaniitti qarshii kuma 250 badhaasuun isaa kan yaadatamuudha.
Tashoomaa Qadiidaatiin
Bariisaa Ebla 11/2011
I’m not sure why but this weblog is loading extremely slow for me.
Is anyone else having this issue or is it a issue on my end?
I’ll check back later on and see if the problem still exists.
It’s the best time to make some plans for the future
and it is time to be happy. I have read this post and if I could I wish to suggest you some interesting things or tips.
Maybe you can write next articles referring to this article.
I desire to read even more things about it!