Dhaabbata Siinqee Oromoo: Dhaaba ititaa Oromummaarratti hundaa’e

Siinqeen ulee qal’oo, sorooroo muka harooressaarraa muranii tolchan, dubartiin heerumte qabattuun ibsama. Mukti harooressaa qaqal’aafi sorooroo wanta qabuufi kan laayyootti hincabne, waan ta’eef filatama. Siinqeen hojjaa (dheerina) dubartii qabattu akka gitutti muru. Siinqeen akka diimattee bareeddu baaxii manaa jala bakka aara argatutti suuqu.

Siinqee akka uleetti hinfayyadaman, horii ittiin hinhaleelan. Yeroo qabatanillee akka dhadhaabbataatti hinfayyadaman. Dubartiin siinqee qabatte hawaasa keessatti kabajaa guddaa qabdi. Ishee hinqaxxaamuran, ishee fuuldura laga hince’an, fardarra taa’anii bira hindarban.

Inni biraa siinqeen,  araarsituudha. Haatii siinqee siinqeeshee qabattee lola gidduu yoo seente lolli sun nidhaabbata. Walumaa galatti siinqeen kabajaafi ulfina olaanaaqaba. Haatiillee kanaaf intala ishee heerumtuuf akka kennaatti kan kennitu.

Barreeffama kanaan waa’ee siinqee gabaabinaan kan kaasneef barreessituufi qabsooftuun mirga namummaa Seenaa Jimjimoo dhiheenyatti Dhaabbata Siinqee Oromoo (Oromo Siinqee Institution) hundeessuuf qophii xumurtee waan jirtuufi kanumaan walqabsiisuufi. Kaayyoofi ergama dhaabbatichaas Gaazexaa Bariisaaf ibsiteetti.

Akka isheen jettutti, haasawa siyaasaa yeroo ammaa keessatti dubartiin maqumaaf jirti. Dubartiin 50 illee haataatu dirreen ititaa ta’e hinjiru. Gaaffiileen dubartootaa  tokko lama jedhamanii sirriitti secca’amanii hinjiran. Dubartiin waliigaltee kana gargaarti kan jedhu hinjiru.  Asumaa achii dhaabatamee ilaalama malee wanti dhaabbataan hinjiru. Fuuldurattis kanarratti hojjechuuf yaada qabdi.

Irreecha dura Waldaan Abbootii Gadaa, ‘Urjii dubartootaa’ jedhanii akka ishee muudan eertee, kanaaniis waldaa siinqee akka ijaartuuf ittihimuusaanii ibsiti. Isheenis durumaa waan yaadaa turteef walitti akka dhufeef ibsiti. Kanarraa ka’uun haadha siinqee dubbistee ragaalee garagaraa walitti sassaabbachuuseefi amma wantoonni hedduu xumuramanii gara dhaabbata hundeessuutti seenuuf ta’uu eerti.

Akka seenaan jettutti, Dhaabbanni Siinqee Oromoo akkuma abbootiin Gadaa addunyaarratti beekamoo ta’an haadha siinqee beeksisuuf nihojjeta. Abbaa Gadaa miidiyaan addunyaas namoonnis nibeeku. Haadha siinqee garuu yoo isheen nama bira dabartellee kan beeku namoota muraasa. Gaafa Irreechaa utuu haati siinqee ishee wajjin deemtuu isheefi namoota biraaf gaafiif deebii godhu. Mootummaan akka abbootii Gadaatti isheef bakka hinqabu. Abbaan Gadaallee gaafa suuraaf ta’u dursa kennaaf.

Kanaaf dhaaba ititaa Oromummaarratti hundaa’e ijaaruun yaada kan jettu barreessituun, Siinqeen jabduudha; jabeenyishee shamarran walitti qabdi. Shamarri tokkollee keessaa ba’uu hindandeessu. Kanaaf akkamitti siinqee deebisnee gaaffiilee shamarranii deebisna? Inni biraa akkamitti haadholii siinqee walitti fidnee tasgabbii Oromoo keessatti uumuu dandeenya? Isa jedhuuf deebii kennuufillee dhaabni kun akka barbaachisu eerti.

“Siinqeen waa guddaa galmeessuu dandeessi. Yoo wal taane rakkoo siyaas-dinagdeefi hawaasummaa dubartootaa darbees kan biyyaa hiikuu dandeenya. Waldaan hundaa’uu kun akka paartiilee siyaasaa har’a jiraatee bor kan darbu osoo hintaane dhaaba ititaa bor dhaabni kamuu dhufee yoo darbe fayyadamummaa dubartootaaf hojjetu ta’ee hundaa’a. Kana malees siyaasarraa bilisa ta’uun kan hojjetu ta’a’’ jetti.

“Haati siinqee niijaaramti; ni utubamti. Yeroon ishee yoo dhume nama biraatu dhufee bakka bu’a. Akkasitti dhaaba sagaleefi human qabu hundeessuuf qophii xumurree jirra; ganna dhufu hojiitti ni seena abdii jedhutu jira.

Sirni |Gadaa haqinoota tokko tokko niqaba. Fakkeenyaaf dubartiin Gadaa hingaggeessitu. Kun sirrachuufi yeroo wajjin ammayyaa’aa akka deemuuf dhiibbaa taasisuuf nisochoona. Gadaan jaarraa 15fa keessa ture jaarraa kanatti akkuma jiruun haadeemu jechuun rakkisaadha. Shamarraniifi haadha siinqee of jalatti qabatee akka deemuuf waantota barbaachisan hunda nitaasifna. Jechuun addeessiti.

Dhaabbanni kun yommuu hundaa’u yeroo jalqabaatiif dubartoonni 500 guutuu Oromiyaarra babba’an kan hirmaatan ta’uu kan eertu Seenaan, dubartoota kanneen Federeeshiniin Dubartoota Oromoo kan fidu ta’uufi kunneenis yoo xiqqaate hoggansarra kan jiraniifi deebi’anii dhiibbaa uumuu kan danda’an ta’u himti. Achirratti waa’ee daldalaa (business), teknolojii, hojii uumuu, siinqee, gaggeessummaafi nageenya eeguurratti leenjiifi barnoonni akka kennamu eerti.

Dubartoonni kunniin yommuu gara dhufanitti deebi’an isaan ammo dubartoota of jalatti gurmeessuun isa leenji’an leenjisu. Haala kanaan dhawaata dhawaataan guddataa akka deemus nikaasti.

“Kaayyoon koo dhufanii waltajjicharratti hirmaatanii harka dha’anii qofa akka deeman miti. Bu’aa wayii buusuu qaba. Hariiroon dubartootaa cimuu qaba; jireenyi isaanii qabatamaan jijjiiramuu qaba.Yoo kana ta’e gaafa filannoo dhufe shamarran of dandeessee abbaa barbaadde filachuu dandeessi” jetti.

Akka ibsa Seenaatti, kanarraa darbee ammo siinqee addunyaarratti beeksisuudhaan ‘UNESCO’rratti galmeessisuun kaayyoo ijoo dhaabbatichaati. Sanaa booda namoonni hundi, miidiyaan akkuma gaafa abbaan Gadaa dhufu beeku haadha siinqees beekee akka kabaju barbaadama. Haati siinqee adda ba’uu qabdi. Amma kan wayyaa aadaa uffatte hundi haadha siinqee kan ittifakkaatu baay’eedha. Haadha siinqee ta’uuf adeemsa akkamii keessa akka darbamus agarsiisuu  akka yaadames ni ibsiti.

Kanarratti waldaan dubartootaafi federeeshiniin dubartoota Oromiyaa baay’ee ishee deggaraa jiraachuu kaastee, isa biyya keessaa waan danuu mijeessuufi himti. Isheen immoo biyya alaatii haala siinqeen ittiin beekamtuufi fandii barbaachisu argachuurratti kan hojjettu ta’uu eerti.

Dimshaashumatti siinqeen kan dhaabni kamuu asiifi achi dha’u, osoo hin taane dhaaba of dandeessee Oromummaarratti hundooftee, soda Waaqaatiin hojjettu taati jettee akkaabdattu kaaste. Kanaaf dhaaba kana hundeessuufi jabeessuun kan Oromoo hundaa ta’uu qaba jetti. Namoonni, hayyoonniifi beektonni dhimma kanarratti waa gumaachuu barbaadanis akka gumaachaniif waamicha dhiheessiteetti.

Saganticharratti barreeffamoota garagaraalle dhiheessuu kan barbaadan waldaafi federeeshinii dubartootaa ykn kallattiidhaan ishee quunnamuu akka danda’an ibsiti. Baniinsa hundeessa dhaabichaarrattis namoonni beekamoon biyya keessaafi alaa muuxannoo qooduu danda’an kan argaman akka ta’e nidubbatti.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Ebla 11/2011

Recommended For You

3 Comments to “Dhaabbata Siinqee Oromoo: Dhaaba ititaa Oromummaarratti hundaa’e”

  1. Pingback: suicide bombing

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *