Guyyaa saafaa biiftuun lixxee hinbeektu. Guyyoota 15f garuu lukkuun guyyaayyuu iyyuueegaluusaatiin daa’imni dirree burraaqu yeroon sassaabame, saawwan horaaf malkaatti yaatu of duuba deebitee gaadiif taate, kan qoonqoon wajagsee manaa baate miila Bakar Waaree taate, kaan takaallaa keessa seentee waanti nyaatamu dhabamuusaatiin mar’attee gadooddee sagaleenshee duudeera. Mudannoo addaatu ta’e.
Okoleen dur aannan cabbii fakkaatuun guutee garaa daa’immaniifi jabbilee jiisu guyyoota15f buufata titiisaa ta’e. Jabbilee garaan qooqe mar’achuu dadhabuun rukuttaa hamaa mudate kanaaf kan harka laatan fakkaatu. Loon yaasanii elmachuun, jabbilee dirreetti bobbaasuun ilmaan barnootatti ergachuun abjuu taate.
Oromoon kan hireesaa malee osoo muree nama nyaachisuu, orma hammatee guddisuu, duulli gara jabummaa guyyoota 15f Asoosaa keessatti irratti banamee Oromoof waan malu hin turre.
Magaalaa Asoosaafi baadiyyaasaa keessatti manni jireenya ilmaan Oromoo dur saaqamee keessummaa fagoofi dhiyoo simatee ‘anaa dhufu’ jechaa booka unachiisu, aannan obaasu guyyoota 15f gaagura kanniisni keessaa godaante ta’ee lubbuu hedduu of keessatti hammatee qaqawweessa hamaan fide jalaa miliquuf kan riphe fakaata.
Saboota irra jireessaan Naannoo Benishaangul Gumuz keessa jiraataniifi jiruufi jireenyasaanii bara dheeraa achitti dabarsan keessaa sabni Oromoo isa tokko.
Sabni kun saboota buleeyyii shanan Beenishaangul Gumuz Bartaa, Gumuz, Shinaashaa Maa’oofi Komoo wajjin gaa’elaan hawaasummaan, dinagdeen walkeessa jira. Kun ta’us shira mufattoota mul’atni siyaasaa harkaa badeen xaxameen waldhabdee uumameen gaaga’amni guddaan lubbuufi qabeenyarra qaqqabaa tureera.
Keessumaa wayita jeequmsi ka’e sanarraa eegalee guyyoota 15f Oromootni magaalaa Asoosaa keessa jiraatan mana cufatanii du’aafi jireenya gidduu dabarsaniiru. Tibbuma kana marii hawaasa Oromoofi Benishaangul Gumuz gidduutti Magaalaa Asoosaatti gaggeeffamerratti argamuun hawaasa Oromoo achi jiran wayita dubbisnetti guyyoonni 15 Oromoof yeroo dukkanaa akka ture eeran.
Aadde Zannabachi Tasfaayee jiraattuu magaalattiifi hojjituu biiroo siivil sarviisii naannichaa yoo ta’an, gama kanaan dubbii dubbataniin yeroo jeequmsi magaalattiitti uumametti hojii idileesaaniirra akka turan himu. Deeggarsa humni ittisaa isaaniif taasiseen gara mana jireenyaasaaniitti deebi’uus ni eeru.
Kun ta’us yeroo sanaa kaasee dhimmi lubbuun jiraachuusaanii gaaffii keessa akka tureedha kan dubbatan.
Mudannoon kun kanaan dura takkaa qaqqabee hinbeeku kan jedhan Aadde Zannabachi, gadi bahanii du’aaf of kennuurra mana cufatanii ilmaan ofii wajjin murtee filannoo hinqabne eegaa turaniiru.
Sabni Oromoos ta’e saboonni Beenishaangul Gumuz waldhibanii sadarkaa kanarra walgahanii argee hinbeeku jedhanii, inni yeroo sanaa shira diinni xaxeen ta’uu himaniiru.
Kun kan jedhameefis humnoonni jeequmsa kana qindeessuun lola Oromoorratti bansiisan leenjii gahaa kennuun kan bobbaasan ta’uu saboota Benishaangul Gumuziin har’allee himamaa jiraachuu eeru.
Wareegamni kaffalame daran kan nama gaddisiisufi xiinsammuu sabichaa kan miidhe ta’uufi haalichi erga darbee as hariiroon saboota lamaanii fooyya’uu ibsu.
Kun ta’us mootummaan xiyyeeffannoo guddaa kennuufii akka qabu jiraattuun kun himanii, gaaffiin mirgaa Oromootni naannicha keessa jiraatan dhiyeessan murtoo siyaasaa kutannoo qabuun akka deebi’uuf hubachiisu.
Oromoon magaalattii naannicha keessa jiraatu daran hedduudha kan jedhan Aadde Zannabachi, mirgi afaan ofiitiin barachuu hojiirra ooluu dhabuusaallee akka komiitti kaasanii jiru. Dhalataan Oromoo naannicha keessa jiru hojjetaas ta’e dhaloonni haaraan Afaan Oromoo dubbata malee barreessuu hindanda’u jedhu.
Kun kan ta’eefis afaan hojii naannichaa Amaariffaa ta’uusaatiin hojjetaa dirqisiisus ilmaan isaanii carraa afaan isaaniin barachuu dhabuun mirga heerri kaa’u ugguruu waan ta’eef ammallee komii dhaloonni baraaramuu qaba jedhu ka’aa jiraachuu ibsu. Ta’us manneen barnootaa Afaan Oromoo 10 naannichatti eegalamuunsaa bu’aa ciniinsuufi wareegama Oromootaati jechuun nidanda’ama jedhan.
Aadde Haannaa Sanbataas hojjettuu mootummaa magaalaa Asoosaa yoo ta’an, gamasaaniin dubbii dubbataniin guyyoonni hadhooftuu 15n Oromoonni magaalattiitti dabarsan seenaa keessatti takkaa dhaga’amee hinbeeku.
Hawaasa Oromoo hedduutu jiruu idileesaa fooyyeffachuuf oliifi gadi kaata. Wanti ta’aa jiru kun warri isaaf gale manasaatti kata. Kan isaaf hin galle jireenya mo’achuuf oliifi gadi osoo kaatuu kan cite hedduudha.
Guyyaan dukkanaa akkasii kun ni dhufa jedhamee kan eegame waan hintaaneef gaaga’amni akka tasaa lubbuufi qabeenyarra qaqqabe hammaataadha kan jedhan Aadde Haannaan, biiftuu guyyaa har’aa saboonni lamaan itti walargan kana ijaan argina jedhanii abdii akka hinqabne kaasan.
Matiin hedduu walirraa faffaca’uun guyyoota 15f waldheebotaniiru, ijoolleen maatiirraa haati warraa abbaa manaarraa adda bahuun guyyaa biiftuun walabaa kun baatu dheebochaa tureera. Kaan hojiif bahee karaatti hafe, kaan immoo rooba hamaa guyyaaa saafaa dhufe kana jalaa of baraaruuf mana cufatee riphe.
Kan ta’us ta’ee har’a guyyaan walargaa geessee hunduu suuqaa bahee hafuura baafachuu jalqabuusaan mariin saboota lamaan gidduutti gaggeeffameera. Sabni Beenishaangul Gumuz saba Oromoo wajjin walutubee bara waldabarsaa, gaddaafi gammachuu waliin dabarsaa asiin walgahus mudannoo guyyoota 15 ture kun isaaniifillee gaaffii ta’uu eeru.
Akka Aadde Haannaan jedhanitti, humni Oromoorratti duula bane kun leenjii gahaa fudhachuun olola harcaatota mul’atni siyaasaa harkaa badeen gowwomfamee kan dhufeedha.
Agarsiistuun gowwomfamuusaanii har’a erga yerichi darbee wayita gaafataman maallaqaan gowwomfamanii gocha suukanneessaa kana raawwachaa turuusaanii to’atamtoonni kunneen ragaa bahuutti jiru.
Guyyoonni gidiraa 15n akka yaa’a bishaanii darbaniiru. Oromoon qe’eefi qabeenyasaarraa buqqa’eefi gaddaaf saaxilames mataa olqabachuu eegaleera. Lukkun guyyoota 15f guyyaaf halkan wallaalee iyyaa ture amma bari’uu lafaa dhageessisaa waan jiru fakkaata jedhu.
Oromoonni Wambaraa, Matakkal, Baambaasiifi iddoowwan gara garaarraa babahan mudannoosaanii mara osoo hadhaahuu liqimsuun olaantummaa siyaasaa Oromootni galmeessisaa jiran cina dhaabachuun ayyaana injifannoo ODP waggaa 1fa haala ho’aa ta’een Asoosaatti kabajaniiru.
Marii hawaasa Oromoofi Benishaangul Gumuz gidduutti gaggeeffamaa turerrattis argamuun obbolummaafi aantummaa jaarraawwan hedduuf waliif qabaniin walsimatanii bakka Abbootiin Gadaafi jaarsoliin biyyaa jiranitti mijuu tokkummaafi jaalalaa dhandhamaniiru. Haamaa walisaan jifachiises abaaruun garaa gubaniiru. Oromoon ‘haa hafuu ‘beeka haa ‘hafu jedhee’ tarkaanfateera.
Walumaagalatti Oromoon injifannoo olaantummaa siyaasaa argate kana mootummaa cina dhaabatee tikfachuun humnoota shira hamminaa xaxaniifi ammallee ruuqa jiran saaxiluuf saboota obbolootasaa ta’aniifi nagaa barbaadan waliin hiriiree qabsaa’uu kan qabu yoo ta’u, gaaffiin mirgaa ammallee adeemsarra jiru akka milkaa’uuf miira tokkummaatiin socho’uun barbaachisaadha.
Wareegamni olaantummaa siyaasa Oromoof kaffalame akka warqee abidda meeqa keessa darbee kan miidhage yoo ta’u gaaffii mirgaa sabichaaf deebii quubsaa kennuun dirqama ODPti.
Waasihun Takileetiin
Suurri Tsahaay Nuguseetiin
8 Comments to “Ciniinsuun guyyoota 15 Oromoo Asoosaa keessaa nagaan dahame”