Maarqoos Gannatii: Atileetii, miseensa raayyaafi investara

Seenaa atileetiksii fiigicha dheeraa keessatti atileetonni keenya injifachuutti dabalee riikardiiwwan addunyaa heddu harkatti galfachu­un kan qixxaatuun hinjiru.

Atileetota haala kanaan injifan­noo danuu gonfachuun beekaman keessaa tokko atileet, Komaandar akkasumas investar Maarqoos Gan­natii isa tokko. Maxxansa keenya kanaan gaafdeebii Maarqoos wajjin taasisne qindessuun akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Waayyuu Tuqaa, Ganda Guutee jedhamutti bara 1976tti kan dhalate atileetiin kun, dirreewwan dorgom­mii addunyaa adda addaarratti hir­maatee mo’achuun maqaa biyyasaa waamsisaa tureera.

Barumsasaa sadarkaa tok­koffaa bakkuma dhalatetti, sad­arkaa lammaffaaammoo Magaalaa Naqamteetti kan hordofe yoo ta’u, ispoortii atileetiksii wayita  ba­rachaa turetti hirmaachuu akka jalqabe dubbata.

Ji’a Muddee bara 1991 Poolisii Daddafee Qaqqabaa Oromiyaatti makamuusaa kan eeru Komaandar Maarqos, Poolisii Godina Wallag­gaa Bahaa bakka bu’ee shaampi­yoonii poolisoota Oromiyaarratti fi­igicha meetira kuma 1fi 500fi kuma shaniin hirmaatee meedaaliyaaw­wan lama argamsiisuusaa ibsa.

‘’Daa’immummaa kiyyarraa kaasee loltuu ta’uu hawwaa waa­nin tureef leenjiif Hursoo gale. Leenjii kiyya raawwadhee bahee Booranatti ramadame. Takka tureen ammo Poolisii Daddafee Qaqqabaa Oromiyaatti makame.” jedha.

Bara 1993 Aanaa Ada’aa Bar­gaa bakka bu’ee shaampiyoonaa Godina Shawaa Bahaa, magaalaa Baatuutti adeemsifametti fiigicha meetira kuma 1fi 500fi kuma shani­in tokkoffaa bahee meedaaliyaaw­wan lama argachuusaa ni eera.

 Atileet Maarqoos Gannatii dorgommii fiigicha kuma shanii mo’achuutti dabalee riikardii Naan­noo Ormiyaas fooyyeessuusaafi meedaaliyaan kunis hamileesaa waan kakaafteef shaampiyoonaa Oromiyaa guutuu Godina Baalee Istaadiyooma Madda Walaabuutti adeemsifame irra aanuun meedaal­iyaawwan lama argachuusaa hima.

Baruma 1993 shaampiyoonaa atileetiksii Itoophiyaa Finfinneetti adeemsifame Maarqosiifi Qanani­isaa Baqqalaan Oromiyaa bakka bu’anii fiigicha meetira kuma sha­niin hirmaatanii Maarqoos tokkof­faa bahee meedaaliyaa warqii ar­gachuusaa dubbata.

“Sababa nama nagargaaru hin­qabneef dorgommiiwwan kannee­nirratti miila duwwaan hirmaachaa ture. Waanin kilabaan hinham­mataminiif hubannoo gahaas hin qabu ture.” jechuun waan keessa

 darbe duubatti deebi’ee yaadaata Komaandar Maarqoos.

Shaampiyoonaa atileetiksii Itoophiyaa bara 1993 adeemsi­fame mo’achuusaatti garee atilee­tiksii Biyyaaleessaaf filatamuuf carraa argachuusaa kan ibsu ati­leetichi, wayita sana waa’ee dura bu’an (manager) gorfamuurratti hubannoo akka hinqabneefi turtii booda dura bu’an gorfamuun akka barbaachisu gargaarsa Koloneel Daraartuu Tulluutiin hubachisam­uu nutti himeera.

Kanaanis yeroo jalqabaatiif dura bu’aa lammii Ameerikaa, Mistar Maar Biit Moor jedhamuun gorfamee (hammatamee) dorgom­mii biyyoolessaa meetira kuma sadii Kuwaataaritti adeemsifamer­ratti hirmaatee sadaffaa ba’uusaas addeesseera.

Maarqoos shaampiyoonaa ati­leetiksii dargaggoota guddattoota Addunyaa Hangaarii, Budaapeesi­tti adeemsifametti fiigicha meetira kuma sadiin daqiiqaa 7:57n raaw­watee mo’achuusaa malee riikardii iddoo sanaas fooyyessuusaa ni ibsa.

Akkasumas shaampiyoonaa atileetiksi dargaggoota Afrikaatti fiigicha meetira kuma 1fi 500n tok­koffaa, kuma shaniin lammaffaa ba’era. Afrikaa bakka bu’ee ‘Afroo Eshiyaan Geem’ irraatti hirmaatee mo’achuun meedaaliyaa bad­haafamuusaa eereera.

Dorgommiiwwan mana kees­saafi alaa, akkasumas kan daan­diirratti meetira kuma sadiin adeemsifamurratti yeroo baay’ee dabarsuusaas muldhiseera.

Atileetichi ispoortii qofarratti otoo hin daangeffamne investi­meenitti keessattis hirmaachaa kan jiru yoo ta’u, keessumaa gama ba­rumsaatiin Kolleejii Akkaadaamii Oromiyaa jedhamu banee lammii harka qal’eeyyiin akka baratan gochaa jiraachuu Gaazexaa Bari­isaatti himeera.

“Maallaqan qabuun naannoofi lammiikoo gargaaruuf dameew­wan qonaa, geejibaa, ijaarsaa, ho­teelaarratti hirmaachan jira. Ho­jiiwwan kanneeniif ammoo haati warraakoo, Tigisti Baqqalaa haala gaariidhaan nagargaaraa jirti” je­chuun ibsa.

Komaandar Maarqoos am­maan tana miseensa koree raaw­wachiiftuu hojii Waldaa Atilee­tota Itoophiyaa ta’ee hojjechaa jiraachuu eeree, waldaansaanii atileetota Keeniyaa wajjin dhim­moota adda addaarratti hojjechaa jiraachuullee ni ibsa.

 Bariisaa Ebla 4 / 2011

Recommended For You

2 Comments to “Maarqoos Gannatii: Atileetii, miseensa raayyaafi investara”

  1. Pingback: university iraq

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *