Koloneel Rijaaluu Marabbaa: Umuriidhaan jaarsa, qaamaan ga’eessa

Koloneel Rijaaluun bara 1903 abbaasaanii Obbo Marabbaa Diimaafi haadhasaanii Aadde Jimmittii Abbaa Qoyyaas Abbaa Kimbilaarraa Godina Jimmaa, Aanaa Gumaayitti kan dhalatan yoo ta’u, amma maanguddoo waggaa 108ti.

Koloneel Rijaaluun Gaafdeebii tibbana Jimmatti Gaazexaa, Bariisaa wajjin taasisaniin, “Akka ogeessonni seenaakoo qoratan jedhanitti umuriinkoo waggaa 108 nicaala. Haatikoo erga duutee waggaa 55 ta’eera. Abaan koo ammo waggaa 130 jiraatee erga boqotee waggaa 62” jedhu.

Ani maatii kootiif ilma hangafa. Obbolaawwan koo hunda baadhee guddiseen nadura waan dulloomaniif ‘Obbo’ jedheen waamaa ture. Yeroo ammaa obbolaawwankoo lubbuudhaan hinjiran. Quxisuunkoo inni dhumaa dhiyeenya kana waggaa 86fa isaatti du’e.

Akaakuuwwan nyaa taa keessaa muduraa, shorb aa,foon dheedhii, boqqolloofi garbuu nyaa chuun jaaladha. Yeroo ijoollummaakoo hanga umuriinkoo waggaa 20 ta’utti qullaakoon loon tiksaa ture. Sana booda loltuun ta’e. Bara 1932 Magaalaa jimmaa dhufe.Ammas achuman jira.

Ani takkaa mana barumsaa idilee galee hinbeeku. Garuu Afaan Oromoo, Amaariffaaf Ingiliffaa sirriittan barreesse dubbisa. Jalqaba Bataskaana ‘Qiddus Sillaaseettan’ barachuu jalqabe. Yeroon loltuu tures dhunfaakootiin waabarreessuuf tattaafachaan ture.

Ani ilmaan guguddoo danuun qaba. Ilmikoo tokko waggaa 85ttiboqote. Warri kaan ammo hojii mootummaa addaaddaarratti bobba’anii hojjechaa jiru.

 Ilmaankoo kunneen saboota garagaraarraa dhalatan.

Ani bara 1965 ergan soorama bahee booda bara mootummaa Hayilasillaasee waggaa lama dirqisiifameen hojjedhe. Sirna Dargii keessas hojjedheera. Sirna mootummaa ADWUI loltoota leenjiseera; waraana Baadimmeerrattis hirmaadheera. Ani yeroo ammaa sooramaanan jiraadha. Mootummaa Itoophiyaa caalaa kan Kooriyaatu nagargaara. Garuu biyyi keenya hiyyeettii waan taateef hinkomadhu.

Ani jireenya koo keessatti yeroon rasaasaan rukutameefi bara 1954 dhibee ‘abbaakoddaa’ jedhamuun qabameen ala dhukkubsadhee hinbeeku. Fayyummaakoo eeggachuufis yeroo ammaa ispoortii nan hojjedha.

Ummatni addunyaa utuu eenyummaasaa beekee meeshaa waraanaa hinhojjetu ture. Ummatni addunyaa hundi jalqaba Hawaafi Adamirraa dhufe. Yeroo ammaa garuu namni qomoodhaan walqoodaa jira. Kun ammo rakkoo nageenyaa uumaa jira. Rakkoo kana furuuf Tigreen Amaaraa hammatee, Kuulloon Kafaa hammatee, Oromoon durumaanuu hammachuu beeka aadaasaa kana daran cimsee ittifufuu qabu.

Haati warraa koo jalqabaa Tigreedha. Yeroon ishee fuudhuuf jedhu warriishee aadaafi amalakoo nagaafatan malee qomoon kee eenyu jedhanii ana hingaafanne. Ijoollonni koo isheerraa dhalatan. Ilmi kiyya tokko haadha warraa koo dhalattuu Somaaleerraa dhalate. Kanneen Affaar, Oromoo, Silxeefa’irraa dhalatanis jiru.

Yeroo sana namni nama hinbuqqisu. Yoo margarratti walloles deebi’ee araarama. Ummatni Itoophiyaa ilmaan abbaa tokkooti. Afaan dubbannu addaadda ta’us waljaalanna, walmararfanna, walbiraa bareedna jennee yoo walbarsiifne walbuqqisuun nihafa. Nageenya kabachiisuuf ummatni biyyattii hundi nama tokkorraa akka dhufe barsiisuufi hubachiisuun barbaachisaadha.

Yoo kun ta’e tokkummaan keenya jabaatee walbuqqisuun hafee nagaan bu’a. Nageenyi biyyattii kan mirkanaa’u yoo ummatni walmararfannaafi waljaalalaan wajjummaan jiraateedha.

Diina alaa dhufu waraanuuf muuxannoo, dandeettiis ta’e human gahaan qaba. Garuu lammiikoo waraanuurratti hinhirmaadhu. Mootummaanis akka abbaatti nageenya ummataa eeguu qaba. Abbaan ilmasaa adabee sirreessa. Mootummaanis akkasuma ta’uu qaba.

Akkuma, “Dididii keessa sareen diinqa lixxi” jedhamu. Rakkoo nageenyaa biyyattii mudaterratti biyyoonni alaa harka keessaa qabu jedheen shakka. Meeshaan waraanaa seeraan alaa galaa jira. Mootummaan Itoophiyaa dubbii kana calluma jedhee ilaaluu hinqabu.

Ani bara 1980 ergan soorama bahee tajaajilaa jiruu warshaan Beddelleetti argamu tokko saamamuu dhageenyaan Asmaraarraa helekoptariidhaan dhufeen saamtota sana to’annaa jala oolchuun qarshiin kuma 330 saamame akka deebi’u taasiseera.

Mootummaanis kan keessaa balleesse alanga adhaan utuu reebee namni balleessaarraa of qusata ture. Yeroo ammaa namni waa balleesse mana amala sirreessaa taa’ee waan foon nyaatuuf hidhaa sodaachaa hinjiru.

Mootummaan meeshaa waraanaa eeyyamaan kennuunsaayyuu sirrii miti. Kun ummatni walitti garagalee akka walfixu taasisuudha. Meeshaan waraanaa garmalee biyyattii keessa socho’aa jiraachuunis dadhabina mootummaa mul’isa. Namoonni rakkoo nageenyaa uumanis kan duriirra babal’achaa jiraachuun laafina mootummaa agarsiisa. Qabeenya saamaafi barbadeessaa kan jirus hordofamee seeratti dhiyaachaa hinjiru.

Mootummaan qaamolee lammiileen akka buqqa’an taasisan seeraan akka gaafataman gochuurratti laafina qaba. Seera baasuu malee hojiirra oolchuuttis hanqina qaba. Kun ammo buqqaatiin lammiilee akka babal’atu taasisaa jira. Mootummaan utuu ummanni buqqa’uu callisee ilaaluu hinqabu.

Ummatni nagaafi jaalalaan akka waliin jiraatuufis halkanii guyyaa barsiisuu qaba. Ummatnis afaaniifi bulchiinsaan addaadda qoodamus foon tokko waan ta’eef walmararfachuun tokkummaafi jaalalaan waliin jiraachuuqaba.

Waa’een Finfinnee gaaffii siyaasaa ta’uu hinqabu. Finfinneen lafa Oromooti. Magaalattii keessa garuu lammiin Itoophiyaas ta’e lammiileen biyya alaa nagaan keessa jiraachaa turaniiru; jiraachaas jiru. Finfinneen mankuusa saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattiifi lammiilee biyya alaati.

Namni maraatellee Finfinneetti bada. Eenyuyyuu nagaan keessa jiraachuufi yoo du’es keessatti awwaalamuuf mirgisaa eegamaadha. Finfinneen kan Oromiyaa ta’uunshee garuu dagatamuu hinqabu.

Walumaa galatti maan guddoo kanaaf ammayyuu umurii dheeraa hawwina. Gama muuxannoofi kuufama dandeettiisaaniitiin garuu miidiyaaleefi qaamoleen garagaraa maanguddoo kanatti akka maddaatti fayyadamuun waantota heddu waraabbachuu akka danda’an eerra.

 Bariisaa Ebla 4/ 2011

 Natsaannat Taaddasaatiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *