Atileetonni injifannoodhaan deebi’an badhaafaman

Atileet Fayyisaa Leellisaa beekamtii argate

Finfinnee: Jila atileetiksii Itoophiyaa dorgommii qaxx­aamura biyyoolessaa addunyaa 43fa Denmaarki, Magaalaa Ari­husitti torban tokko dura adeem­sifametti meedaaliyaawwan 11 hammaarratee addunyaarraa 1fa bahuun deebi’e Mootummaan Federaalaas Kibxata darbe qar­shii miliyoona 1.4 badhaase.

Sirna beekamtii Masaraa Biyyaalessaatti adeemsifame

 kanarratti argamuudhaan bad­haasa kan kennan Minstira Muummee Doktor Abiyyi Ah­madiifi Pirezidaantii Mootum­maa RFDI, Aadde Saahilawarqi Zawudeeti.

Doktor Abiyyi eddii bad­haasicha kennanii booda haasawa taasisaniin, atileetonni Itoophi­yaa dirreewwan irratti hirmaatan­itti yeroo hundaa ida’amummaan walgargaaraa injifachuun beekamu jedhaniiru. Injifan­noo olaanaa jilichi galmeessisee deebi’etti ummanniifi mootum­maan Itoophiyaa daran kan gam­madan ta’uus eeraniiru.

Sirnicharratti Olompikii Riiyoo 31fa ALA bara 2016 Bi­raazilitti adeemsifametti fiigi­cha maaraatoniitiin meedaaliyaa meetii kan argamsiise gooticha olompikii, Atileet Fayyisaa Leel­lisaas qarshii kuma 500 bad­haafamuun waraqaa beekamtii Pirezidaanti Saahilawarqi Zawu­dee harkaa fudhateera.

Atileet Fayyisaan akkuma dorgommicha xumureen dhiib­baa biyya keessatti wayita sana ummatarratti raawwatamaa ture hawaasa addunyaa hubachiisuuf harkasaa waljala qaxxaamursee mallattoo diddaa agarsiisuunsaa ni yaadatama..  

Bariisaa Ebla 4/ 2011

Recommended For You

5 Comments to “Atileetonni injifannoodhaan deebi’an badhaafaman”

  1. Pingback: page

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *