“Yeroo ammaa sodaa tokko malee jiruu keenya gaggeeffachaa jirra” –Oromoota naannoo Sumaalee jiraatan


Jigjigaa: Ummattootni obbola Oromoofi Sumaalee waggoota dheeraaf nagaan waliin jiraachaa turan shira qaamota alaatiin gidduusaaniitti xaxameen walgaarreffachuu bira darbanii sadarkaa inni tokko isa biraa buqqisuutti ga’anii turan.

Haala kanaan naannoo Sumaalee keessaa Oromoonmiiliyoonatti laakka’amu kan buqqa’e yemmuu ta’u, gama Sumaaleetiinis ummanni hedduu Oromiyaa keessaa buqqa’eera. Cee’umsa siyaasaa waggaa har’aa eegalameen immoo waldhabdeen ture hafee gara obbolummaa dur turetti deebi’aa kan jiran ummatootni lameen, Oromoonni naannoo Sumaalee irraa buqqa’anii turan ammaan tana deebi’anii sodaa tokko malee jiruusaanii gaggeeffachaa jiraachuu ibsu.

Jigjigaa keessa waggoota hedduuf daldala jimaarratti bobbaatee jiraachaa kan turte Aadde Ayshaa Muhaammad, walitti bu’iinsa waggaa tokko dura uumamee tureen gara Harariitti godaanuushee dubbatti. Haalli yeroo sana ture sun ni uumama jettee yaaddee kan hin beekne ta’uu kan himtu Aadde Ayshaan, walitti bu’iinsa tureenis inni tokko obbolaasaarraa inni hafe immoo haadhaafi abbaasaarraa adda bahee buqqa’uusaa dubbatti.

Yeroo ammaa nageenyi ummattoota lamaan gidduutti bu’uusaatiin gammachuun gama lachuu jiru olaanaa ta’uufi isheenis haala uumame kanatti fayyadamuudhaan gara iddoo itti dhalatee guddatte, Jigjigaatti deebitee daldala jimaatiin bulaa jiraachuu himti.

“Ummata Somaalee dirqiifi boo’ichaan addaan baane amma immoo boo’icha gammachuutiin walitti deebineerra” kan jettu immoo shamarree Sofiyaa Aliiti. Duras kan isaan ari’e ummata Sumaalee osoo hintaane qaamota muraasa siyaasa dhuunfaatiif socho’an ta’uus ni dubbatti. Yoomillee taanaan Oromoofi Sumaalee adda baasuun kan hin danda’amne ta’uufi ummatoota dhiigaafi lafeen walitti makaman shira kamiinuu walitti mufachuusuu bira darbee walirraa kutuun akka hindanda’amne ibsiti.

Yeroo ammaa kanas sodaa tokkoon malee hojiisheefi jiruushee gaggeeffachaa jirachuu kan eertu shamarreen tun, ummanni shira xaxamuun achi buqqa’e hundi akka deebi’us ni gaafatti.

 Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 27/2011

Recommended For You

2 Comments to ““Yeroo ammaa sodaa tokko malee jiruu keenya gaggeeffachaa jirra” –Oromoota naannoo Sumaalee jiraatan”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *