Sirna federaalizmii imala waggaa tokkoo keessatti

Itoophiyaan biyya sabaafi sablammiin 75 ol keessa jiraatu yoo taatu, baroota dheeraaf hacuuccaa bulchiinsa olaantummaa saba tokkoon ijaarameen eenyummaan saboota biraa akka  awwaalamu ta’aa tureera

Turtii baroota kanneenii keessattis sabaafi sablammiileen aadaa, afaansaanii, sirnaafi eenyummaasaanii dagatanii afaan saba olaantummaa qabuufi aangoorra jiruutiin akka baratan humnaan dirqisiifamaa turaniiru.

Afaan saba olaantummaa qabuun ala afaanonni biroon akka hinguddanneefi tajaajilarra hinoolleef dhiibbaan taasifamaa tureera.

Dhiibbaafi hacuuccaa sirnoonni darban afaanota biroorraan gahaa turanis du’aatii afaanota Gaafaat fa’iif sababa ta’eera jechuun nidanda’ama.

Dhalli namaa qe’eefi qabeenyasaarratti mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu dhabuun kun yeroorraa yerootti hammaachaa dhufuusaatiin qabsoon diddaa akka finiinu ta’eera.

Qabsoo fincila diddaa hadhaahaa ta’e yeroorraa yerootti taasifamaa tureen aarsaa qaalii hedduun booda sirnoonni olaantummaa saba takkoo labsaa turan dabareesaanii eeggatanii hundeedhaa akka buqqa’an taasiafameera. Sabaafi sablammiin jaarraa tokkoo oliif harqoota gabrummaa baachuun hacuuccaa jala turan boquusaa olqabachuun  tokko jedhee mirga afaansaan barachuu eegaluu dandaheera.

Hagas mara ta’uu baatus sabaafi sablammiin kaleessa yaaddoo jireenyaa keessaa ture ija guutee eenyummaasaatiif falmachuu hundaan walqixa hiriiruu dandaheera.

Aadaan ija guutanii dubbachuu kun ijaarsa sirna federaalizmii kana booda kan lafa qabate ta’us harcaatonni sirna duriifi leellistoonnisaa ijaarsa sirna federaalizmii kana diiguuf kufanii ka’aa jiraachuusaanii calaqqeen seermaleessummaa sirna federaalizmii faallessuurratti mul’isaa jiran agarsiistuudha.

Ijaaramuu sirna federaalizmiin as miirri gadaantummaa hafeera. Aadaan afaan ofiin barachuu, amantii fedhan hordofuufi aadaa ofii gabbifachuu sabaafi sablammii hunda biratti babal’ateera.

Kun ta’us leellistoonni sirna dulloomaa fi siyaasa tarkaanfachiisaa hintaaane bobaa jalatti rarraafatanii deemaa jiran sirna federaalizmii abbaa qabeenyummaafi abbaa biyyummaa lammiileetiif wabiif daangaa ta’e kana diiguun saamicha gaggeessuuf yaaliin taasifamu heddummaachaa jira.

Harcaatonni ilaalcha akkanaa baatanii deeman kunneen jechamaaf siyaasa dulloomaa akaakileesaaniirraa dhaalan jaarraa 21fa kana keessa boquu lammiileerratti fe’uun kaayyoosaanii dhokataa akka ta’e eenyumaafuu ifaadha.

Tibbuma kana marii miseensonni paartii PDA taasiserratti abbummaa Magaalaa Finfinnee seeraafi seenaan lafa taa’e abbummaasaa mulquun kan ofii fakkeessanii kaasuunsaanii hawaasa Oromoofi saba biraa birattilee komiifi gumgummii kaasaa tureera.

Sareen buchul baddi durbi mushur baddi akkuma jedhamu ilaalcha doofaa oftuultotaa callisanii akka salphaatti ilaaluun kun bulchiinsa sirna federaalizmii hunda walqixxeesse faallessuufi sirna gabroomfataa jalatti kufuu waan ta’eef toora kutannoo siyaasaa barbaadu ta’uu mala.

Kutannoon siyaasaa gama kanaan mul’atu daran cimachaa deemuu baannaan dhimmi jiraachuu sabaafi sablammiilee yaaddoo keessa kan galu waan ta’eef gamanumaa irratti hojjechuun barbaachisaadha.

Humnoonni bulchiinsa sirna federaalizmii kana faallessan maal akeekaniiti kan  jedhu yoo ilaallu ifatti mirga hiree ofii ofiin murteessuu lammiilee ugguruun aadaa hirkattummaa achii as itti guddataniifi eeggattummaa babal’isuudha.

Siyaasni akkanaa ammoo eenyuunuu kan hindeeggaramneefi booddeetti harkisaa ta’ee waan mul’atuuf kichuutti maseensuun dirqama yeroon barbaaduudha.

Leellistoonni siyaasa dulloomaa baatanii deeman kunneen maqaa kiristinnaa magaalota Oromiyaa gara garaarratti moggaafachuun kan ofii fakkeessuuf yaalaa kan jiran yoo ta’u, akka agarsiistuutti Finfinnee dachee Maccaafi Tuulamaa ‘Bararaa’ jedhanii waamu.

Bararaa jedhanii maaf akka moggafatan yoo gaafatamanis dur dur daldaltoonni Ankoobarirraa gara Adaamaa yoo deemaa turan saffisaan keessa darbaa waan turaniif Bararaa jedhamte jedhanii ibsu.

Oromoon biyyasaaf, ilmaansaaf, lageeniif, malkaawwaniifi dhala guddifachaaf ormi maqaa baasuufii hindandahu.

Kunis haala keessa jiruufi mudannoosa giddugaleeffatee moggasa maqaa kan kennu yoo ta’u, erga weerartoonni biyyasaa seenuu jalqabanii maqaaleen ganamaa dachee Oromoo, malkaawwaniifi lageen kan namaallee osoo hinhafiin maqaa kiristinnaatiin akka waamaman taasifamaa turaniiru.

Goototni Oromoo durii diina biyya weeraraa ture hurreessaa turan hedduunsaanii maqaa moggaasaa sirnoota darbaniin baheefiin waamamaa Oromummaansaanii akka awwaalamuufi dagatamu ta’an hedduudha.

Kaayyoofi mul’atni sirnichaa olaantummaa saba tokkoo qofa labsuu ejjennoo godhatee saamicha seenaa, ragaaleefi hambaalee gaggeessuu waan ta’eef har’a yeroo mul’atni akkanaa harkatti maseenuurra darbee isaanitti daangahuusaatiin miixuutti jiru.

Shirasaanii kanas fudhatama argachiisuuf lammiilee dachee Oromiyaa keessa jiraachaa jiraniifi jiruufi jireenyasaanii gaggeeffachaa jiranitti fayyadamuun sirna federaalizmii kana akka balaaleffataniif otoo wixxirfatanii mul’atu.

Bulchiinsi sirna federaalizmii kun Oromoo dabalatee sabaafi sablammiilee biyyattii maraaf dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta’ee tajaajilaa kan jiruufi saboota hunda kan walqixxeesse waan ta’eef deeggarsa bal’aa qaba.

Sirnuma kana keessallee saboonni hireesaanii ofiin murteeffachuu ugguramaniifi ukkaamsmamaa turan hedduun eenyummaansaanii akka kabajamuufiif sagaleesaanii dhageessisaa kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa sabni Agawuufi Qimaanti ni eeramu.

Saboonni kunniin mirgasaanii akka gaafatan kan isaan gargaaru bulchiinsa sirna federaalizmii hunda walqixa hirmaachisaa ta’e waan ta’eef sagaleensaaniis ta’e olaantummaan seeraa gama kanaan jiru kabajamuun irra jiraata.

Qaamonni sirna walqixxummaa sabootaafi sablammiilee mirkaneessaa jiru kana balaaleffachaa jiran shirasaanii dhokataa sabootaafi sablammiilee ukkaamsaa tureefi kan amma maseenetti lubbuu horuuf warraaqaniyyuu haalichi maal baasuuf dama raasu nama jechisiisa.

Kun ta’us humnoota walqixxummaa sabootaafi sablammiilee faallessuuf foolatan kanneen afaan qabsiisuuf kutannoon siyaasaa keessa deebii hinqabneefi cimina qabu fudhatamuu qaba.

Walumaagalatti bulchiinsi sirna federaalizmii Itoophiyaa mirga ofiin of bulchuu sabootaafi sablammiilee mirkaneesse kun sirna filannoo biraa hinqabne waan ta’eef mul’ata harcaatota sirnicha faallessuu barbaadaniifi dheebuu aangootiin waxalamaa jiranii maseensuuf lammiileen waardiyyaa dhaabachuun qabu.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 27/2011

Recommended For You

6 Comments to “Sirna federaalizmii imala waggaa tokkoo keessatti”

  1. Pingback: jarisakti
  2. Pingback: steenslagfolie
  3. Your exceptional article has left a deep impression on me. I am truly impressed by your extensive knowledge and the clarity with which you explain complex concepts. I am eagerly looking forward to subscribing to your updates and staying informed about your future posts. Thank you for your outstanding work, and I wholeheartedly encourage you to continue thriving in all your future endeavors.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *