Kutannoon hooggansi naannoo Sumaalee jijjiiramaaf qabu olaanaa ta’uu Ministirri Muummeen himan


Jigjigaa: Xumura yaa’ii paartii SDP irratti argamuun haasaa kan taasisan Ministirri Muummeen Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad, yeroo jalqabaatiif yoo xiqqaate nama digrii jalqabaa qabu gara hooggansaatti fiduudhaan seenaa paartichaa keessatti boqonnaa haaraa saaquunsaanii murannoo jijjiiramaaf qaban kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Keessumaa bakka ummanni Oromoo Itoophiyaa, Amaaraa Itoophiyaafi Tigree Itoophiya jedhamu hinjirretti Sumaalee Itoophiyaas wanti jedhamu kan hinjirre ta’uun hubatamee jijjiirraa maqaa taasifameefis mootummaan federlaalaa deeggarsaafi beekamtii kan kennu ta’uus dubbataniiru.

Sumaalee Itoophiyaa jechaa waamuun ummatichi miira lammii lammaffaa keessa akka galu kan taaaise ta’uu kan eeran Doktar Abiyyi, kana booda miidiyaanis ta’e qaamni kamuu ummaticha Sumaalee qofa jedhee waamuu akka qabus jedhaniiru.

Paartiileen dorgomtootaa naannoo Sumaalee keessa socho’anis ilaalchi siyaasasaanii garaa gara ta’us misoomaafi nageenya Sumaaleerratti waliin hojjachuu akka qabaniifi naannichis paartiilee dorgomtootaa kanneeniif wantoota barbaachisan akka taaaisu gaafataniiru.

Ummanni Sumaalee kana booda Garrii, Ogaadeen, Iisaa jechaa walqooduu dhiisee tokkummaasaa cimsachuun ummattoota ollaa wajjin takkummaafi obbolummaan jiraachuu akka qabu dhaamaniiru. Ministirri Muummeen bara darbe akkuma muudamaniin imala jalqabaaslaaniitiin gara Jigjigaatti deemuunsaanii ni yaadatama.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 27/2011

 

Recommended For You

2 Comments to “Kutannoon hooggansi naannoo Sumaalee jijjiiramaaf qabu olaanaa ta’uu Ministirri Muummeen himan”

  1. Pingback: Geissele Products

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *