Artisti Lammaa Guyyaafi hojiilee aartiisaanii

Maxxansa keenya torban darbeetiin waa’ee Artisti Lammaa Guyyaa hojiileesaanii kutaa jalqabaa kan dubbisiisne yoo ta’u, kutaan ittaanus akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Artistichi Atsee Tewodirosirraa eegalee hanga Obbo Mallas Zeenaawwiiitti namoota Itoophiyaa hogganaa turan, akka Oromiyaattis Obbo Hasan Aliirraa eegalee hanga Obbo Muktaar Kadiritti akkasumas hoggantoota Naannoo Gaambeellaa kal’eerratti fakkiisaanii kan kaasan yoo ta’u, fakkiiwwan kunniinis golambaa agarsiisa fakkii Magaalaa Bishooftuutti argamu keessa jiru. Fakkiin kunis tokkoonsaa gatii hanga qarshii kuma 60 akka baasuudha kan himan.

Artistichi masjiida Maqalee, Albarti Inistaayin, “Innat Oromiyaa, Neelsan Maandeellaa, Hayilasillaase, Mangistuu Hayilamaariyaam,  Faaxumaa Roobaa, Mirits Yifxar, dallaa Faasil, Holqa Soof Umar, siidaa Aksum, foon jaji’amee gogeefi adurreewwan adii foonichatti ija babaasanii ilaalan ni eeramu. Fakkiiwwan kunniin ergaawwan iccitii adda addaa qabu.

Keessumaa  fakkiisaanii ‘Innaat Oromiyaa’ jedhamu jalatti Oromiyaa lalistuu keessa saboonniifi sablammoonni 80 caalan mirgoonnisaanii, amantiiwwaniifi eenyummaansaanii kabajameefi nagaafi jaalalaan kan waliin jiraatan ta’uu ibsuuf akka kaasan dubbatu.

Artistichi bara 1983 lafa hektaara kuma 10 irratti Mana Barumsaa Fakkii Lammaa Guyyaa jedhamu  hundeessanii oolmaa daa’immaniirraa hanga kutaa 8fatti barsiisaa jiru. Ammaan tana barattoota 400 qabu.

Tattaaffii Golambaa Afrikaa hundeessuuf taasisaa jiraniif Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa lafa hektaara kuma 20 kenneeraaf.

Artisti Lammaan dinqisiifannaa pirezidaantii duraanii Afrikaa Kibbaa, Nelsan Maandeellaaf qabanirraa ka’uun mooraa golambaasaanii keessatti siidaasaanii dhaabaniiru.

Jijjiirama biyyattiitti fidaa jiraniin ummata biyyattiifi addunyaa biraa jaalala guddaa gonfataa kan jiran Doktar Abiyyi Ahmadiif gaafa isaan aangoon naga’e jedhanii bu’an siidaa yaadannoo kan Nelsan Maandeellaa bira dhaabuufiif iddoo qabuufiisaaniis eeraniiru.

Artisti Lammaa Guyyaa kanaan dura kitaaba barsiisa fakkiitiif ooluufi kitaaba kalaqarratti xiyyeeffate mataduree “Yasiraa faxaraa” jedhamuun maxxansiisaniiru.

Kitaabni seenaa jireenyaafi hojiileesaaniirratti xiyyeeffateefi fuulawwan 350 qabus qophaa’ee Sanbata darbe eebbifameera.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 27/2011

Recommended For You

2 Comments to “Artisti Lammaa Guyyaafi hojiilee aartiisaanii”

  1. Pingback: Buy Shotgun Shells

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *