“Mootummaan gaafa Oromoon dubbatus na’uu qaba” -Seenaa Jimjimoo

Dubbistoota keenya kutaa tokkoffaa gaafdeebii qabsooftuu mirga namaafi barreessituu Seenaa Jimjimoo wajjin taasisnee maxxansa torban darbeetiin dhiyeessuun keenya ni yaadatama. Maxxansa kanaan ammoo gaaffii irratti dhaabneef deebii Seenaan nuu kenniterraa ittifufnaa dubbisa gaarii jechaa yaada gaafdeebiicharratti qabdan karaa imeeyilii keenyaa nuun gahuu dandeessu. Lakkaawwiin baraa barreeffama kana keessatti eeraman ALA ta’uus ni hubachiisna.

Bariisaa: Falmii Diddaa Gabrummaa marsaa lammaffaa ilaalchisuun hiriira bara 2016 situ qindeessee?

Seenaa: Utuun haala jedhee keessa jiruu hawaasni hiriiraaf qophaa’aa akka jirun dhaga’e. Carrichatti fayyadamee akkamiin hiriira ba’uu akka qabnu mijeesse. Sana booda hiriira guddaa taasisnee boorumtaasaa murtoon darbe. Manni mootummaas waa’ee Oromoo dubbatte. Bilisummaanis urgoofte.

Seera ba’es fudhannee gara masaraa deemne. Yeroonsaa filannoo waan tureef bara 2017tti ce’e. Bara sana haasaan ani Oromoo bakka bu’ee dubbadhe akkan beekamu na taasise, keessuma amiidiyaa biyya kanaa keessatti. Kana booda saboota biraas dabalannee mootummaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraayiif dhiheessine. Hojii cimaa hojjenneen waggaa tokko booda seera ta’ee ba’e.

Bariisaa: Sochii kana mara keessatti wantoonni ulfaatoofi abdii kutachiisoon si mudatan maal turan?

Seenaa: Yaa rabbi! Waa hedduutu abdi si kutachiisa. Oromummaaniyyuu qormaata tokko ture. Akka waan abaarsa qabnuu walii hintaanu, walhindhageenyu. Adeemsa kana keessatti kanin bare keessaa tokko diinni Oromoo, Oromoo akka ta’een bare. Kan Oromoo bite saba biraa miti, Oromoodhuma. Fakkeenyaaf ani bara 2015 kitaaba barreesseen ture. Achirratti maqaa haadhakoo ofitti aansee waamuukootiin kan narratti ka’e Oromoodhuma. Akkamitti maqaa haadhaan waamamti, abbaa hinjaalattu jedhanii narratti duulan.

Maal si rakkise waa xiqqootti kan wal nyaatu, walrakkisu, adda faca’u numa. Kun anaaf qorumsa guddaa ture. Garuu murannoo waanin qabuuf kaayyoo koorraa boodatti naan deebifne.

Bariisaa: Wanta qabsaa’aafi turte bira ga’eera jettee yaaddaa?

Seenaa: Ani hawwiin koo gaafa Oromoon taayitaatti dhufee halkan sana du’uudha. Kun anaaf naa guutameera. Haa ta’u malee daandiin amma irra jirru na gaddisiisa. Akka Oromoottis akka dubartiittis daran na gaddisiisa. Jijjiiramni ni jira, garuu gama lamaaniinuu jechuunis Oromoofis dubartiifis ga’aa miti. Kaleessa kan du’aa ture Oromoo, har’as kan du’aa jiru Oromoodha. Kan beela’aa jiru, kan baadiyyaatti gudeedamaa jirtu, kan hiyyummaan ajjeesaa jiru Oromoo. Kun otoo sirratee hawwiikoo guutuu naa taasisa.

Bariisaa: Seenaan maqaa Itoophiyaa jedhu hinjaallattu jedhama. Waa’ee kanaa nuuf ibsi mee.

Seenaa: Ani maqaan Itoophiyaa hedduu na rakkisa. Hojii tokko sababa kanaan dhaabeera. Hojichi hojii turizimii yoo ta’u, Itoophiyaa beeksisuudha. Ani maqaadhuma kana dubbachuun dadhabe. Dhugaa dubbachuuf yommuun ija cufadhee (dunuukfadhee) Itoophiyaa yaadu dhiigan arga. Sababni kana ta’eef karaa keessa dabarre sanatu sirrii hinturre. Ani utuu maqaan jijjiirameeyyuu natti tola. Akka galmeewwan jechootaa hiikanitti Itoophiyaa jechuun nama fuula gubate jechuudha. Ani nama fuula gubataa miti. Waaqayyo bifasaatiin na uume.

Itoophiyaan kan namaan moggaafamte malee kan nuti ofii moggaafanne miti. Jechi Itoophiyaa jedhu warra kaaniif seenaa xurii warra kaaniif ammoo olaantummaa agarsiisa. Kun namoota hedduuf ba’aadha jedheen yaada. Kanaaf jijjiiramuu qaba jedheen yaada. Kana jechuun garuu ummataafi biyya nan jibba jechuu miti.

Bariisaa: Ijoollummaa keettin si deebisa, hawwiin kee maal ta’uu ture?

Seenaa: Waa sadiin hawwa. Isaanis moodeelii ta’uu, aphattuu kubbaafi barreessituu ta’uudha. Inni naaf milkaa’eeras.

Bariisaa: Mee waa’ee kitaaba kee nutti himi.

Seenaa: Kitaaba tokko barreesseera. Matadureensaa, ‘The In Between’ jedha, Kan gidduu keessaa jechuudha. Jireenya biyyaafi kan Ameerikaa giddugaleeffachuun kan barreeffameedha. Aadaa biyyoota lamaanii beekanii garuu giddu lamaanitti rakkachuu kan agarsiisuudha. Aadaa inni tokko nuuf hinmijatu tokkof ammoo keessummaadha.

Bariisaa: Karoorri kee fuulduraa maali?

Seenaa: Yommuun taa’ee ilaalu karaan irra jirru kun heddu na sodaachisa. As dhufee ji’a laman taa’e. Sirbinee bashannanneerra. Mootummaan ijoollee keenya. Oromummaa dhiigaa qofa osoo hintaane Oromummaa afaanii qabu; sabboontoota.

Garuu ammas gaaffiileen Oromoo hammatu deebi’e isa jedhu ilaaluu barbaachisa. Waa’een Finfinnee, Afaan Oromoo deebi’eeraa? Qonnaan bulaan keenya buqqaafamuun dhaabbateeraa? Qeerroon keenya hojii argataa jiraa? ODPdhuma keessa jiraatanii kan Oromoo miidhaafi ajjeesisaa jiran har’allee aangoorra jiru; kunneen yoom seeratti dhihaatu? Namoonni hidhaa turanii ba’aan jireenyisaanii akkam ta’a? Namoonni dhabamanoo maaltu ta’eefi kkf addaan baafadheera. Kana keessaa warreen kallattiidhaan dubartoota waliin walqabatan ammoo adda baasuun irratti hojjechuun yaada.

Kan mirga namoomaas ittuman fufa jechuudha. Oromoon keessaa wal nyaatti, diinnimmoo Oromoo nyaachuuf qophaa’a. Warra mootummaa barcumarra taa’ee hamma har’aa du’a nurraa dhaabuu dhabee, warreen har’as godaannisa kaleessaa nurratti deebisuuf tattaafatan, warreen Finfinnee Oromoorraa fonqolchuuf wixxifataniifi kkf irratti ammayyuu inuman qabsaa’a.

Bariisaa: Jijjiirama amma jiru, akkamiin ilaalta?

Seenaa: Qabsoo yeroo dheeraa booda jijjiiramni akka biyyaatti dhufus ammayyuu gaaffiileen Oromoo hedduun hindeebine. Jijjiiramoonni mul’atan ni jiru. Fakkeenyaaf ani yommuun waggaa lama dura dhufe dhokadheen namoota kanneen akka Obbo Baqqalaa Garbaafaa argaa ture, amma garuu bakkan barbaadetti sodaa tokko walagarre.

Oromummaa keenyaan gadaantummaan nutti dhaga’amaa ture, amma garuu ani Oromoo jettee afaan guuttee yoo dubbatte itti hinqaanooftu. Warri biyya bulchaa jiru warra keenya; kanas addunyaan agarteetti. Itoophiyaanis yeroo jalqabaatiif kana amanuuf dirqamteetti. Oromoon bareedaa, beekaa, garaa laafeessa isa jedhus hubatteetti.

Oromoon, Oromoo masaraa galchuuf qofa miti kan qabsaa’e; gaafii lafaa, afaanii, eenyummaa, waa’ee Finfinnee, buqqa’iinsaa, Oromiyaarratti ofiin murteessuufi kkf hedduu gaafatamaniiru. Gaaffiileen kunneen garuu ammayyuu hindeebine. Bor bor utuu jennuu waggaa guunne. Bor bor utuu jennuu warri kaleessa adabaan jiraatan har’a waan biraa jechaa jiru. Kan Oromoo fixeetu faarfamee madaa Oromoo hinqoorrerratti soogidda dibaa jira.

Oromoon kumni shan kan du’e waa’ee maastar pilaanii Finfinneerratti ta’uus har’a deebisanii lafa Oromoo kan biraaf kennuun sirrii miti; waa’ee Finfinneerratti afaaniin dubbachuu malee heerri hojiitti hiikame hinjiru.
Oromoon duris Finfinnee gabbaraafi gabbisaa ture malee waa irraa hinarganne; har’as isumatu ta’aa jira. Qonnaan bulaan keenya humnaan lafasaarraa buqqa’aa tureera. Oromoon biyya bulchaa jiru Oromoof dubbachuu qaba.

Inni biraa, waa’een Afaan Oromoo afaan hojii Mootummaa Fedeeraalaa gochuu hamma kana harkifachuun irra hinturre. Ammayyuu magaalonni Oromiyaa sirnaan maqaa ummanni Oromoo moggaafateen waamamaa hinjiran. Oromoon kabajasaaf du’uus ammayyuu kabajasaa hinarganne. Gaaffiileen kunneen akka deebi’aniif xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qaba.

Abiyyiifi Lammaa waantota lamaaf baay’ee jaalanna. Inni duraa keenya waan ta’aniif. Inni lammataammoo waan nuti irratti du’aa turrerratti hojjetaa waan turaniif. Biyya kanarra darbee gaanfa Afrikaayyuu bulchuu danda’u. Amma garuu of duuba deebi’aa waan jiran fakkaata. Jara kanaaf ergaan dhaamu yoo tooftaan jiraate tooftaa kana Oromoof fayyadamaa jechuuniin barbaada.


Bariisaa: Ergaan Oromoof, mootummaafi qeerroof qabdu yoo jiraate?


Seenaa:
Dhamsiin Oromoof qabu sadarkaa sadarkaadhaan akka ijaaramaniidha. Yoo ijaaramne, mari’achaa, gaaffiin keenya qulqullaa’aa, fedhiin keenya adda ba’aa, diinnii keenya saaxilamaa, sagaleen keenya tokko ta’aa deema. Kanaaf gurmaa’uun murteessaadha. Inni biraa qeerroon keenya safuufi aadaa keenya cimsee itti fufsiisuu qaba. Warra maqaasaatiin hatan, jeeqaniifi saaman saaxiluu qaba. Gochoota badii keessatti hirmaachuurraas of qusachuu qaba. Waantota hunda tasgabbiidhaan ilaalaa itti adeemuu barbaachisa. Kana jechuun garuu gaaffii gaafachuu dhiisuu miti. Mootummaan akkuma gaafa warri kaan dubbatan na’u gaafa Oromoon dubbatus na’uu qaba.

Saamraawiit Girmaatiin  

Bariisaa Bitootessa 20/2011

Recommended For You

2 Comments to ““Mootummaan gaafa Oromoon dubbatus na’uu qaba” -Seenaa Jimjimoo”

  1. Pingback: cat888

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *