Ibsa ejjannoo ayyaana hundeeffama ODP waggaa 29fafi kabaja adeemsa jijjiiramaa waggaa 1fa ilaalchisuun kenname


“Ilaafi ilaamee milkaa’ina egereetiif”!

ODPn Boqonnaa qabsoo seenaan yaadatu kamuu keessattuu loogummaafi cunqursaa taasifamaa ture keessatti gaaffiiwwan bu’uuraa ummata Oromoo deebisuuf paartii bu’aa ba’ii hedduu keessa cehee as gaheedha.

Falmiin mirga siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa ummanni Oromoofi qabsaawoonni Oromoo, Oromoofi Oromummaaf gidiraa itti argan akka milkaa’e firii godhatuuf qabsoo hadhaawaa taasiseen hojiiwwan boonsoo seenaan yaadatu galmeessuun danda’ameera.

Sabni akka sabaatti ijaarsa biyyaa keessatti ga’ee gumaachaa bahe seenaan isaa dhokfamuu bira darbee gaaffiiwwan bu’uraasaa dhageettii dhabuu isaan qabsoo dhufaa darba seenaa qonnaan bultootaarraa jalqabee wareegamameef akka deebii argatuuf darbees qabsoo sabaa mataa walitti qabuun ceesisuu giddugaleessa godhatee paartii rakkoo keessatti hundaa’ee, rakkoon qoramee saba rakkoo baasee tahuunsaa yaadannoo dhalootaati.

Biyya kana keessatti qabsoofi gaaffiin ummataa sirnaan akka deebi’uuf hojii hoojjateeniis yeroo jalqabaaf ummanni oromoo mirga mootummaa ofii hundeeffatee ofiin akka of bulchu taasifame.

Dhaloonni afaan isaan akka baratu darbees afaan hojii mootummaa naannichaa Afaan Oromoo akka tahee tajaajilu xurree qabsoo Paartii keenyaan banameen afaan keenyaan heera murree caffee teenyee malkaa jaarraa cehu ijaarre.

Adeemsa keessatti guddinni hawaas dinagdeefi fedhiin hawaasaa dabaluu waliin walqabatees gaaffiiwwan adda addaa ummatarraa bal’inaan dhiyaachuu eegalan.

Biyyoonni har’a addunyaarratti guddatanii lammiileen isaanii qananiin akka jiraatan taasisan seenduubbeen isaanii yoo qoratamu komiifii diddaa ummata isaaniirraa isaan mudate, fincila dargaggoonni isaanirratti kaasan karaa dimokraatawa taheen hiikuun misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuu dandahuu isaaniiti.

Paartiin keenyaas rakkoolee fedhii guddinaa waliin walqabatanii ka’an deebisuuf aadaa ummata dhaggeeffachuun hanqinoota mudataniifii akka sirratan akeekaman fudhachuun sirreessaa deemuun beekkama.

Aadaan dimokraasummaafii ummatummaa paartiin kun komiiwwan karaa kamiinuu ummata biraa ka’an dhaggeeffachuu, onneerraa dhiifama gaafachuuniifii tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun barbaachisaa tahuu isaas itti amanee hojitti jijjiiruu dagaagfachaa dhufeeniis haaromsa gadifagootti galee imalasaa haaromsate.

Gaaffiiwwan siyaasaa ummata Oromoo ijoofi hundeeffama paartichaafillee sababaa ta’an tarreessuun kallattii qabsiisuu, dirree siyaasaa bal’isuun afaan qawweefi waljibbaan injifachuun akka hindanda’amne falaasama ida’amuutiin yaadaan wal mo’achuun akka danda’amu qabsoo keessoo gaggeessuun paartii qabsaa’ota seenaa hojjatan horachuu danda’eedha.

Kanaanis biyya mana hidhaa lammiilee jedhamuun hamatamtu diigumsarraa baraaruun xinsammuu sabaafi sablammii biyya kanaa hidhaa hiikuun danda’ame Oromummaan walmariifi tokkummaa tahuu paartiileen maqaa Oromootiin sochoowan marti kan hidhame hidhaa akka hiikamu kan godaane biyya abbaasaatti akka galu paartii hojjateedha.

Lammiileen kumaatama mana hidhaatti gidiraa argan akka gadilakkifaman hirmaannaan hayyootaa akka guddatu paartii biyya kana keessatti bu’ura cimaa kaa’e ta’uu aa sabaan gamatti addunyaan ragaa ba’uufii danda’eera.

Fayyadamummaa diinagdee haqa qabeessa mirkaneessuu, hirmaannaa siyaasaa qixxeefi haqa qabeessa naamusa cimaan raawwachuun fedhii ummata bal’aa Oromoo guutuun tarkaanfiiwwan hattootarratti fudhatamaniifi warraaqsi dinagdee Oromoo hojii lammiitti abdii horeedha.

Kabajniifii wajjin jireenyi obbolummaa duudhaa hundee ummanni Oromoo ummatoota biyyattii waliin qabuufi biyya ijaaruu keessatti ga’ee qabu duudhaa sirna Gadaa araara biyyarra darbee biyyoota ollaatiif taasiseen paartiin keenya hooggansa addunyaan dinqisiifatte uumuu danda’eedha.

Rakkoo siyaasaafi diinagdee furuun gamatti rakkoo bulchiinsa gaarii hundeerraa furuuf rifoormiin gurmaa’insa caasaa mootummaa, kenniinsa tajaajila haqaa fooyyessuuf tarkaanfiiwwan fudhataman fedhii ummata keenyaa bu’uura taasifachuu bira darbee heegaree naannoofi biyya keenyaa mirkaneessaa kan jiruudha.

Gochoota diinagdee quncursan keessattuu kanneen akka malaanmaltummaa,kootorobaandii,naanneessa maallaqaa seeraan alaatiifii xaxaawwan badii sirna gabaa gurgurataa gufachiisan cicciruun hojimaata iftoominaafii itti gaafatummaa qabu diriirsuun rifoormii sirna daldalaa si’eessuuf kallattiin taa’e bu’aa buusaa jira.

Madda galii ballisuu, sirna bulchiinsa maallaqaa fooyyeessuun lammiileef carraa hojii uumuun dhimmi warraaqsa diinagdee keessatti addatti laalamu tahuun isaa ammaas toora xiyyeeffannoo ODP ta’ee kan itti fufu ta’a.

Akka naannoottiis ta’e biyyaatti nageenyaafi ol’aatummaan seeraa akka mirkanaa’u waan qabuuf daldaltoonni siyaasaa karaa adda addaan abdiin harra mullate isaan miidhuufi gufachiisuu barbaadaniin akka hin gufanne ijjannoo cimaa paartiin keenyaafii mootummaan paartii keenyaan hoogganamu fudhachaa jiruun nageenya amansiisaa mirkaneessaa jirra.

Gaaffiiwwan Ummata Ormoofi ummattoota biyya keenyaa duura duubaan qorannoo irratti hundaa’uudhaan karaa tasgabbii qabun deebii waara’aa akka argatu ODPn hojiiwwan eegale hiramaannaa ummata Itiyoopiyaa guutuudhaan cimsee kan ittifufuf ta’a. Cehumsi jijjiiiramaa wareegama qaqqaaliifi tumsa walootiin argame aggaammii kamiinuu kan of booda hin deebine ta’uusaa ODPn irra deebi’ee mirkaneessaa, warageema qabsoo kanaaf barbaachisu hunda kaffaluun qabsoo eegalame injifannoo caalmaatti ceesisuun faayidaafi mirga ummatoota biyya keenyaa kabajichiisuuf ODPn kutannoo olaanaadhaan qabsoo eegale yoomiyyuu caalaa cimsee kan ittifufuf ta’a.

ODPn paartii ummata isaa irkoo godhatee socho’u waan ta’eef bubbeen kamuu isa hinraaftu, yaaliin badii kamuu isa hingufachiiftu, ODPn paartii egeree ummata biyyattii ifa gochuuf hojjetuudha!
ODPn Tokkummaa Itoophiyaa, kabaja biyyaalessaa, haqa, nagayaa, dimokraasiifi badhaadhina mirkaneessuuf yoomiyyuu caalaa kutannoodhaan qabsaa’a jechuun ummata Oromoof, qeerroofi qarreef, hayyootaafi hojjettoota mootummaatiif, qaamolee nageennyaa hundaaf, paartiilee siyaasaa morkattootaa maraaf, miseensotasaatiif akkasumas dhaabbilee obbolaa ADWUIfi deggartootaa hundaaf dhaamsa dabarseera.

Waajjira GGODP
Bitooteessa 16 Bara 2011
Finfinnee

Recommended For You

One Comment to “Ibsa ejjannoo ayyaana hundeeffama ODP waggaa 29fafi kabaja adeemsa jijjiiramaa waggaa 1fa ilaalchisuun kenname”

  1. Pingback: 123auto

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *