“Yaadota fiixee addaddaarra jiran walitti dhiyeessuuf hojjetamuu qaba” -Doktar Abiyyi Ahimad

Finfinnee: Yaadota fiixee addaddaarra jiran walitti dhiyeessuufi araarsuuf hojjetamuu akka qabu Ministirri Muummeen Doktar Abiyyi Ahmad ibsa kaleessa gaazexeessitootaaf kennaniin beeksisan.

Gaaffin dhimma Finfinneerratti ka’u akkamiin misoomsinee waliin fayyadamuu dandeenya kan jedhu ta’uu qaba jedhanii, faayidaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa argachuu qabdu bu’uuruma heeraatiin hojiirra kan oolu ta’uu himaniiru.

Misoomni magaalattii kamuu jiraattota Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee kan miidhu ta’uu hinqabu kan jedhan Doktar Abiyyi, misoomni kamuu tokko fayyadee kaan ammoo miidhuu akka hinqabne eeraniiru.

Kanaan dura mootummaan tarkaanfii ciccimoo sarbama mirga namoomaa uuman fudhachaa turuu ibsanii, amma garuu gochoota akkanaa hambisuun haala mirgaafi demokraasii namaa kabajeen olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Rakkoolee naannoo Somaalee, Beenishaanguul Gumuz, Dirree Dawaa, Wallagga, Burraayyuu, Gujiifi Geede’ootti mudatee tureen namoonni shakkaman seeraan gaafatamaa jiru jedhaniiru. Daddabarsa meeshaa seeran alaa to’achuufis hojiin hojjetamu ammas itti fufuusaa kaasaniiru.

“Gaaffiileen mirgaa daangaa bulchiinsaa wajjin ka’an marti ejjennoo mootummaatiin kan geeddaramu otoo hintaane bu’uura heeraan kan ilaalamiidha” jedhan Doktar Abiyyi.

Pirojektii Shaggar misoomsuuf karoorfame milkeessuuf Chaayinaa, Gibts, Keeniyaafi biyyoonni biroon ogeeyyiifi maallaqaan tumsuuf waadaa galaniiru. Hunda caalaa lammiileen Itoophiyaa hojii pirojektichaarratti akka hirmaataniif gaafataniiru.

Lakkaawwiin manneeniifi ummataa bara kana gaggeeffamuuf karoorfamee ture akka darbu kan ta’e, ogeeyyiin haala jiru qoratanii yaada waan dhiyeessaniifi; yaadicha caqasanii kabajuunis barbaachisaadha jedhaniiru, ministirri muummeen.

Hanga lammiileen buqqa’an qe’eesaaniitti deebi’anittiifi of danda’anii dhaabbatanitti akkasumas tasgabbiin uumamutti lakkaawwichi akka darbuuf murtaa’uusaa ibsaniiru.

Hoggansa waggaa tokkootin bu’aaleen hedduun galmaa’aniiru kan jedhan ministirri muummee Doktar Abiyyi, hedduun abdii guddaa horachuufi kaanis shakkiifi sodaa qaban ibsachaa turuu eeraniiru.

Injifannoon dippiloomaasii jabaan waan galmaa’eef biyyoota deemne hundatti gaafannee wanti dhabne hinjiru jedhaniiru. Biyyoonni addunyaa ogeeyyii, maallaqaafi yaadaan nu gargaara jiru jedhaniiru jechuun kan gabaase ‘FBC’dha.

Recommended For You

2 Comments to ““Yaadota fiixee addaddaarra jiran walitti dhiyeessuuf hojjetamuu qaba” -Doktar Abiyyi Ahimad”

  1. Pingback: fuck girldice

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *