Warshaan Bishaan Amboo tajaajila hawaasaatiif qarshii miiliyoona 6.2 arjoome


Ambo: Waggoota 80n dura nama dhuunfaatiin naannawa warshaadhaaf keessummaa taatetti kan hundaa’e warshichi, waggoota dheeraa naannichatti hojjataa tureen garuu bu’aasaa bira darbee ummata naannawaatiif wanti buuse hinturre.

Yeroo dheeraadf warshicharraa waa fayyadamuun hafee abbuma isaatuu kan hinbeekne ta’uu kan himan jiraattonni naannawichaa, yeroo hedduu aariidhaan sadarkaa warshicha miidhuurra gahuusaanii ibsu.

Obbo Gashoo Fakkansaa jiraataa naannawa warshichaa yemmuu ta’an, warshaa bishaan Ambootiin duroomu ollaa ta’anii rakkoo ummata naannawaatiif gaafuma tokkos osoo hinbirmatin waggoota dheeraa lakkoofsiisuu himu.

Warshaan lafa ummataa irratti dhaabbatee gaafa rakkootti ummata cinaa hin dhaabbatin immoo umrii dheeraa kan hinqabne ta’uu hubatee yeroo dhihoo booda warshichi tajaajila hawaasaa keessatti hirmaachuu eegaluu kan himan Obbo Gashoon, bishaan dhugaatii, humna ibsaafi yeroo ammaa kana immoo mana baruumsaa ijaaruu eegaluusaatiin ummanni ilaalcha warshicharratti qabaachaa ture geeddarachuu ibsa.

Komiin jiraattonni naannawichaa warshicharraa qaban sirrii ta’uu kan mirkaneessan immoo gaggeessaa hojii warshichaa Obbo Dassaalanyi Mokonini. Isaanis, sababoota garaa garaatiin faayidaa ummatni naannawa sanaa argachuu malan dhoowwachuun bifa kamiinuu fudhatama kan hin qabne ta’uu dubbatu.

Waggoota muraasaan booda garuu komii hawaasni warshicharratti qabu furuuf mariiwwan adda addaa erga taasifamanii booda tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun eegalamuusaafi Kibxata darbe mana barumsaa qarshii miiliyoona shan gaafatu ijaaruuf dhagaan bu’uraa kaa’ames qaamuma tarkaanfichaa ta’uu ibsu.

Manni barumsaa deeggarsa warshichaatiin ijaaramu kun abbaa darbii tokkoo yemmuu ta’u, kutaalee barnootaa 12fi barattoota kuma 120 ta’an keessummeessuu kan danda’u ta’uus himaniiru.

Rakkoo jiraattota naannawa sanaa kan ture bishaan dhugaatiitiif qarshii kuma 150, ibsaaf kuma 450fi akkasumas dargaggootaaf carraa hojii uumuuf immoo qarshii kuma 300 ta’u baasii gochuun hawaasa naannawichaa fayyadamoo taasisuun danda’amuusaa eeru.

Hojii babal’ina warshichaatiif immoo qarsii miiliyoona 374 ta’u ramaduudhaan hojiin eegalamuusaafi akkuma warshichi babal’atuun immoo faayidaan hawaasichi argatus dabalaa kan adeemu waan ta’eef ummanni warshicha akka qabeenyasaatti ilaaluu akka qabu gaafataniiru.

Warshaan Aksiyoona Bishaan Amboo waggoota lama dura dhaabbata “Coca Colla Bevarage Africa” jedhamuun bitamuunsaa ni yaadatama.

Bayyanaa Ibraahim

Bitootessa 20/2011

Recommended For You

One Comment to “Warshaan Bishaan Amboo tajaajila hawaasaatiif qarshii miiliyoona 6.2 arjoome”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *