Koreen raawwachiistuu hijii ODP walga’ii guyyoota sadiif taa’e xumure


Korichi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti kan mudaman bakka Doktar Warqinaa Gabayyahu, Obbo Umar Huseen bakka buuseera.

Walga’ii gaggeeffame ilaalchisee ittigaafatamaan Waajjira Koree Giddugaleessaa ODP Doktar Alamuu Simee bu’uura jijjiiramaa waggaa tokkoo keessatti kaa’ameen bu’aan mul’achuu eegale ittifufiinsa akka qabaatuuf hawaasni abbummaan akka tumsu gaafatamuu ibsaniiru.


Korichi guyyoota sadiiff raawwii hojii, haala waytaawaa naannoo Oromiyaafi biyyaarratti mari’achuun kallattii gara fuula duraa kaa’uusaa ibsaniiru.


Koree hoji raawwachiistuu ammaatinis;

  1. Doktar Abiy Ahimad
  2. Obbo Lammaa Magarsaa
  3. Obbo Umur Huseen
  4. Doktar Alamuu Simee
  5. Obbo Shimallis Abdiisaa
  6. Obbo Addisuu Araggaa
  7. Aadde Adaanach Abeebee
  8. Obbo Fiqaaduu Tasammaa
  9. Obbo Birhaanuu Tsaggaayee filatamaniiru.
    Korichi keessoo dhaabaa gadi fageenyan kan gamaaggame ta’u Dooktar Alamuun ibsaniiru jechuun ‘FBC’n gabaaseera.

Gaazexaa Bariisaa 20/2011

Recommended For You

3 Comments to “Koreen raawwachiistuu hijii ODP walga’ii guyyoota sadiif taa’e xumure”

  1. Pingback: USA Gun Shops
  2. Pingback: car detaling

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *