Itoophiyaan Dorgommii qaxxaamura biyyoolessaatif qophii cimaa taasiste

Finfinnee: Dorgommiin qaxxaamura biyyoolessaa wag­gaa lama lamaan biyyoota adda addaatti adeemsifama. Dorgom­miin kun baranas yeroo 43faf boru Deenmaarki, Magaalaa Arihusitti geggeeffama.

Dorgommii kanarratti biyy­oota miseensota Waldaa Feder­eeshinii Atileetiksii Addunyaar­raa atileetonni kumaatamatti lakkaa’aman korniyaawwan la­meeniinuu sadarkaa beektotaafi dargaggootaan ni hirmaatu jed­hamee eegama.

Qopheessummaa kan ga­geefamu dorgommiin qaxx­aamura biyyaa addunyaa kun fiigicha kiiloo meetira kudhanii dhiirotaafi dubartootaan, dor­gommii walmakaa kiiloo mee­tira saddeetii beektootaafi dhii­rota dargaggootaa, akkasumas kiiloo meetira jahaa shamarra­nii jidduutti taasifama.

Itoophiyaan dorgommii kanarratti hirmaachuuf atilee­tota ishee filachuudhaan guyy­oota 45f iddoo tokkotti wal­itti qabdee dirreewwan adda addaatti qophii olaanaa gochaa turteetti.

Wa l d o rg o m m i c h a r r a t t i hirmaachuuf jilli atileetiksii Itoophiyaa pirezidaantii Feder­

 eeshinii Atileetiksii Itoophiyaa, Koloneel Daraartuu Tulluutiin durfamuufi miseensota 47 of keessaa qabu Kibxata darbe gara Deenmaarkitti qajeeleera.

Sirna gageessaa jilichaar­ratti argamuudhaan Alaabaa Itoophiyaa bakka bu’ota atilee­tota kan kennan pirezidaantii koree Olompikii Biyyaales­saa Itoophiyaa, Doktor Ashab­bir Waldagiyoorgis, Koloneel Daraartuu Tulluufi miseensota koree raawachiftuu hojii feder­eeshinichaati.

Doktor Ashabbir sirnichar­ratti akka ibsanitti, atileetonni keenya Olopikii Romirraa kaasee shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaafi dorgom

miiwwan qaxxaamura biyyooles­saarratti injifannoodhaan waan beekamaniif ummannis keen­yas yeroo isaan hirmaatan qabxii olaanaa eegaa tureera.

Haaluma kanaan akkuma kaleessa obbolaa hangafoota kees­sanii yaboo har’aa isinitti kenamee fudhachuun qabxii isinirraa eega­mu galmeessisuun isinirraa eegama jedhaniiru.

Ummanni akkuma kanaan du­raa wayita isin innifannoodhaan deebitan gammachuu guddaadhaan akka isin simatu abdiin qaba jechu­udhaan dhaamsa qaban dabarsani­iru.

Koloneel Daraartuu Tulluu ga­mashiitiin akka jettetti, atileetonni keenya dorgommii qaxxaamura bi­yyoolessaa kanarratti hirmaachuu edda jalqanii meedaaliyaa malee harka duwwaa galanii waan hin­beekneef ammas irra deebiidhaan injifannoo dachaa gonfachuutu nur­raa eegama jetteetti.

Atileetota bakka bu’uudhaan Alaabaa Itoophiyaa kan fuute ati­leet Dharraa Didhaa akka jettetti, Waadaan nutti kename hunda caalaa ulfaataadha. Kanaafuu waadaa kana fiixaan baasuuf hundi keeyaa dor­gommiiwwan irratti hirmaannuun qabxii nurraa eegamu galmeessisu qabna” jetteetti.

Godina Arsii, Aanaa Munees­saatti bara 1989 kan dhalatte Dhar­raan, dorgommii kanaaf filatamuu kan dandeette fiigicha qaxxaamura biyyaa Jaanmeedaa 36fa barana adeemsifametti kiiloomeetira 10n tokkoffaa ba’uusheetiini.

Pirojektii leenjii atileetiksii Chiibaatii jedhurraa Oromiyaa bakka bu’uun yeroo jalqabaatiif tan filatamte atileetiin tun, kanaan dura dorgommiiwwan biyyoolessaarratti muxannoo ga’aa hinqabu jechuun ibsiteetti.

Atileet Mogos Xi’umaayi ga­masaatiin “Dorgommii kanaaf filatamnee edda hoteela gallee kaasee guyyaatti yeroo lamaaf shaakaluun qophoofneerra. Feder­eeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa, leenjistonni, saayikolojistonniifi wal’antonni wanta barbaachisu hundaa nuuf gochuudhaan hami­lee kenya eegaa turaniiru” jechuun ibseera. Atileetonni marti qabxii irraa eegamu galmeessisuf qophii ta’uusaaniis beeksiseera.

Bariisaa Bitootesaa 20/2011

Recommended For You

4 Comments to “Itoophiyaan Dorgommii qaxxaamura biyyoolessaatif qophii cimaa taasiste”

  1. Pingback: ps90
  2. Pingback: staccato 45 acp
  3. Pingback: Buy Guns Online
  4. Pingback: over here

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *