Finfinnee: Taphawwan olompikii, shaampiyoonaa atileetiksii addunyaafi dorgommii qaxxaamura biyyooleessaaf miidhagina olaanaa kan kennu fiigichi fageenyaa dorgommii keessaa akka haqamu ta’usaatti atileetiksiin yaaddoo keessa galeera.
Afrikaannoonni, keessumattuu Itoophiyaa, Keeniyaa, Morookoo, Ugaandaa, Taanzaaniyaa, Afrikaa Kibbaa, Tuniziyaa, Gaanaa, Naayijeeriyaa, Aljeeriyaa, Seeneegaaliifi kkf dorgommii dheeraadhaan waan beekamaniif atileetonnisaanii rakkina kana dhandhamachuun isaanii hinoolu jedhameera.
Miseensi Koree Raawwachiiftuu Hojii Federeeshinii
Atileetiksii Itoophiyaa Atileet Komaandar Maarqoos Gannatii ibsa gaazeexaa
Bariisaaf Roobii darbe kenneen, fiigichi dheeraan kun dorgommiirraa haqamnaan
daawwataanis
ta’u atileetonni dirreewwan atileetiksiirraa waan fagaataniif akaakuuwwan atileetiksii hafanifis wabiin hinjiru jedheera.
Mallattoo Afrikaanootaa kan ta’aan fiigichi meetira kuma kudhaniifi shanii, kiiloo meetira 12fi afurii dorgommii keessaa waan haqamaniif biyyoonni hedduun yeroo gabaabaa keessatti federeeshinoota atileetiksiis ta’u kilabootasaanii ni bittinneessu yaaddoo jedhu akka uumuus ibseera.
Akka Atileet Maarqoos jedhutti, haalli qilleensa biyya keenyaa ispoortii atileetiksiif gaarii ta’uusaatiin federeeshiniin atileetiksii Itoophiyaa, kilaboonni atileetiksii, waldaaleen ispoortiifi qaamni dhimichi ilaallatu walta’uudhaan gara naannooleetti gadi siquudhaan dargaggoota dandeettii qaban horachuun isaaniirraa eegama.
Federeeshinichi tiraakii Atileetiksii Istaadiyoomii Finfinnee qofarratti hirkachuu dhiisee naannooleettis tiraakiiwwan wal fakkaatan afudhaan pirojeekitiiwwan leenjii atileetiksii bal’inaan horachuun damee kanaan leenjisuu akka qabu ibseera.
Biyyoonni biroo keessumattuu ollaan keenya Keeniyaan fiigicha gabaabaadhaan atileetotashee leenjisuun bal’inaan horachuu waan jalqabdeef shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaafi taphawwan olompikiirratti fiigicha gabaabaa gabate meedaaliyaa keessa galuu jalqabdeetti.
Afrikaan Kibbaa, Naayijeeriyaa, Misiriifi Morookoonis haaluma walfakkaatuun fiigicha kana yeroomaan jalqabusaanitti dorgomtoota ta’uudhaan biyyoota biroo wajjiin hiriiruun qabxii galmeessisaa akka jiranis Atileet Komaandar Maarqoos addeesseera.
Itoophiyaanis akkuma fiigicha dheeraa maaraatonii, walakkaa maaraatonii, dorgommii qaxxaamura biyyaa, fiigicha meetira kuma kudhaniifi shanii, fiigicha gabaabaas ciminaan hojjechuun yeroo gabaabaa keessatti biyyoota kanneen wajjiin hiriiruun akka irraa u isheerraa eegama jechuudhaan adeesera.
Bariisaa Bitootessa 20/2011
14 Comments to “Ispoortii atileetiksii yaaddoo keessa jiru”