Industiriin foonii kaappitaala qarshii biiliyoona tokko gaafatu Mojootti ijaaramuufi


Finfinnee: Oromiyaanis ta’ee akka biyyatti qabeenya beeyladaa qabdurraa haalaan fayyadamuu dhabuudhaan lamaansaaniituu komii jalaa hinbaane.
Loon muraasaafi faayidaa guddaa kennuu danda’an hafee loon hedduu faayidaa muraasa kennuu danda’an bal’inaan jiraachuun immoo seenaa naannichaafi biyyaatisi.

Keessattuu hersiisee bulaa hedduu of keessatti hammattee kan jirtu Oromiyaan gaafa roobni hammaatu nama qofa osoo hintaane, looniifis waan nyaatu bittaadhaan dhiheessuun seenaa amma keessa jirruudha.
Horsiisee bulaa bona ofiisaa bishaan osoo hinargatin loonsaa obaafachuuf dhama’us ta’e isa ongeen gaafa itti hammaatte gatii gadaanaadhaan gabaa geeffatuuf abdii haaraan mul’achaa jirti.

Waldaan Aksiyoona Industrii Foonii BOMOJ jedhamu looniifi bu’aasaarratti hojjatu tokko bara 2007 hundeeffame barana warshaa ijaaruu kan eegalu ta’uu gaggeessaan hojii waldichaa Obbo Gazzaanyi Guddataa ni ibsu.

Abbootii qabeenyaa 21fi dhaabbilee misoomaa naannichaatiin kan bara 2007tti kan hundaa’e waldichi, sababoota mormii waggoota darban naannicha keessatti adeemsifamaa turaniin osoo hojitti hingaliin turuu dubbatu.

Akka ibsa Obbo Gazzaanyiitti, industirichi kubbaaniyyoota shan of jalaa kan qabu yemmuu ta’u, isaanis; warshaa qindeessa fooniii bu’aa foonii, warshaa nyaata loonii, warshaa gabbisa loonii, warshaa gogaafi kalleefi horsiisa looniiti.

Industirichi horsiisee bulaa gaafa hoongeen isa qunname loonsaa bakka itti gurgurate dhabee rakkatuuf filannoo ta’uun alatti, gatii madaalawaadhaan akka gurguratuufis carraa ni uuma.

Yeroo ammaatti lafti hektaara 14 magaalaa Mojootti kaabineedhaan murtaa’uusaafi hojiin ijaarsa warshichaas barana kan eegalamu ta’uu ibsu.
Industirichaaf waliigalatti qarshiin miiliyoona 600 ni gaha jedhamee tilmaamamuusaafi haala qaala’ina meeshaalee ijaarasaafi kanneen biroo amma jiruun garuu ijaarsisaa waliigalaan qarshii biiliyoona tokko gaafachuunsaas waan hinoolle ta’uu dubbatu.

Sheerii waldichaa keessaa dhibbantaan 45 kan dhaabbilee misooma naannichaati.

Bayyanaa Ibraahimiin

Bariisaa Bitootessa 20/2011

Recommended For You

3 Comments to “Industiriin foonii kaappitaala qarshii biiliyoona tokko gaafatu Mojootti ijaaramuufi”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *