Ilma Abbaa Gadaa Bitootessaa hanga Bitootessaatti

Finfinnee: Bara darbe ji’a Bitooteesaa keessa ADWUIn walga’ii dhaaraafi obsa fixachiisaa adeemsisuun isaa ni yaadatama. Walga’iin kanaanis durataa’aan dhaabichaa filatamee Bitootessa 24 bara 2011 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiin ministira muummee ta’ee muudame.

Ummanni waan haaraa dheebotes abdiidhaan fuuldurasaa ilaaluu eegale.
Ijoollummaasaaniitti haadhasaaniitiin gaggeessaa biyyaa akka ta’an kan raagameef Doktar Abiyyi Ahmadis biyya diigamuuf fiixeerra geesse ceesisuuf imaanaafi ittigaafatamummaa cimaa fudhachuun ummata jijjiirama dheeboteef of kennaniin hojjechuuf erga waadaa seenanii waggaa guutuuf guyyoota afur qofatu isaan hafe.

Haasawaa daqiiqaa 40 isaan guyyaa muudamasaanii taasisaniin abdiinsaa kan haara’e ummanni biyyattii sochii isaanii akkuma diraamaafi fiilmii jaallatamaatti hordofuun dinqisiifachuun hojii guyyuu ta’e.
Guyyoota 364 keessatti hojiileen Doktar Abiyyi hojjetaniifi dubbiiwwan isaanii dinqisifannaa ummataa qofa osoo hintaane kan addunyaa argachuun badhaasawwaniifi beekamtiiwwan gara garaa argataniiru.

Dureewwan biyyoota dureeyyiis namni cimaan si’anaa kun biyyootasaanii akka daaw’ataniif kara karaan afeerraa dhiheessaniiruuf; ofiis dhufanii Itoophiyaa daaw’achuun waliin hojjechuuf sochii keessa jiru.

Bu’aa ba’ii jireenyaafi qabsoo cimaa booda sadarkaalee hoggansa garagaraa keessa darbuudhaan ministira muummee ta’anii kan muudaman Doktar Abiyyi, yommuu isaan aangootti dhufan haala biyyattiin irra jirturraa ka’uun sirreessuun itti ulfaata jedhanii shakkan muraasa hinturre. Hedduunis har’a maaltu ta’a, boru hoo jechuun hanqinasaanii odeessuuf kan qophaa’anis turaniiru.

Akkuma Oromoon, “Buddeena nama quufsu eeleerratti beeku” jedhu san demokraasiidhaan buluufi bulchuu sirna Gadaarraa kan barate ilmi abbaa Gadaa, yeroo gabaabaa keessatti jijjiiramoota siyaas-dinagdeefi hawaasummaa fidaniin jajamuuf yeroo hinfudhanne. Kanaanis ijoolleen abbaa gadaa maqaa gootasaanii itti moggaafachuun ‘Abbichuu’ jedhanii waamuuf dirqamaniiru. Tarkaanfii qabatamaa isaan yeroo gabaabaa keessatti fudhachuu eegalan abdachiisaa ta’uu kan hubate ummanni biyya keenyaa miliyoonotaan lakkaa’amu hiriira ba’uun deggarsaafi jaalala qabuuf mul’iseera.

Keessumaa waltajjii deggarsaa Finfinnetti Waxabajjii 16 bara 2010 geggeeffamerratti nama jijjiiramaafi abdii biyyaa ta’e kana galaafachuuf boombii darbatame qeerroon Oromoo tokko ofiisaa aarsaa taasiseeraaf.

Walumaagalatti hojii isaann guyyoota 361 keessatti hojjetan maxxansa tokkoon dhiheessuun ulfaataa ta’us dhimmoota daran guguddoo ta’an irratti xiyyeeffachuun damee siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaatiin waan isaan hojjetan gabaabsinee dhiheessina. Dubbistoonni keenyas hubachuun kan qaban hojiileen ijoo jedhamanis akka bishaan galaanaa fal’aanaan qicuu ta’uusaati.

Siyaasaafi dippilomaasii

  • Akkuma gara aangootti dhufaniin otoo oolanii hinbuliin Naannoo Somaalee, Magaalaa Jigjigaarraa eegaluun ummata abdii isaan irratti gate bira deemanii naannolee hundatti kutaalee hawaasaa gara garaa wajjin mari’atan.
  • Jibuutiirraa eegaluun gara biyyoota ollaa deemuunis hariiroo siyaas-dinagdeerratti mari’atan.
  • Hidhamtoota siyaasaa biyya keessaa kanneen waggaa dheeraa hidhamaniifi murtiin du’aa itti murteeffame akkasumas, lammiilee Itoophiyaa sababoota addaddaatiin biyyoota biroo keessatti hidhaman hiiksisan.
  • Labsii yeroo hatattamaa biyyattiitti labsamee ture mana maree bakka bu’oota ummataatiin kaasisan.
  • Muudama ministirootaafi ajajaa waraanaa kennan.
  • Kaabineesaanii bifa haaraadhaan harka %50 dubartoota muuduun hundeessa.
  • Akkasumas pirezdaantii biyyattii, pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaafi Walittiqabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa akka hoggananiif dubartoota muudan.
  • Humna Raayyaa Ittisa Biyyaa hidhatee mootummaasaanii fonqolchaaf gara masaraatti qajeele ‘push up’ hojjechisanii tasgabbeessanii bilchinaafi gamnummaa ummata biyyattiifi addunyaa ajaa’ibsiiseen geggeessan.
  • Labsii shororkeessummaa ABO, Arbanyooch Ginboot Sabaattiifi Adda Bilisummaa Biyyaaleessaa Ogaadeen irraa kaasisan. Hoggantoonni isaaniis nagaan biyya galanii akka hojjetan ifaan waamicha taasisan.
  • Miidiyaaleen ugguramanii turan uggura jalaa akka ba’aniifi waajjirasaanii Itoophiyaatti bananii akka socho’an taasisan.
  • Waldhabdee Itiyoo-Eertiraa waggoota 20 lakkoofsise hiikuun biyyoota walirraa citanii turan walitti fidan. Isaanififi Pirezidaantiin Eertiraa, Isaayaasa Afawarqii haala bareedaadhaan dabareefi irra deddeebiidhaan biyya walii dahaqanii daaw’atan.
  • Imala mataduree “Dallaa jibbiinsaa diiguun riiqicha jaalalaa haa ijaarru” jedhuun gara biyyoota Ameerikaatti taasisaniin hawaasa diyaaspooraa wajjin marii bu’aa qabeessaafi daran ajaa’ibsiisaa taasisan.
  • Biyyoota Awurooppaa addaddaa deemuun hojii hariiroo cimsuu raawwaniiru.
  • Paartiilee siyaasaa morkottootaa walitti qabuun mariisiisaniiru; walta’uunis sanada kakuu waliin mallatteessaniiru.
  • Waldhabdee Somaalee Laandiifi Keeniyaa gidduu ture hiikuun gara araarraatti fidaniiru. Mootummaa Sudaan Kibbaafi mormitootasaa walitti araarsaniiru.
  • Gara biyyoota arabaa keessumaa, gara Kaataar deemuun hojiilee invastimanii bal’inaan akka hojjetaniif daandii eegalsiisaniiru.
  • Xiyyaara ‘Boing 302’ dhiheenya Itoophiyaatti kufee caccabe wajjin walqabatee, saanduqi gurrachii biyya sadaffaatti akka qoratamu murtoo dabarasaniiru. Pirezdaanti Donaaldi Tiraampi wajjinis bilbilaan marii taasisuun deeggarsi tekinikii akka taasifamu waliigalteerra ga’aniiru.
  • Pirezdaantiin Faransaay, Imaanu’eel Maakroov Itoophiyaa daaw’achuun hariiroon siyaas-dinagdee biyyoota lamaanii akka cimu waliigalteerra ga’aniiru.
  • Waajjira Galiiwwan kanfaltoota gibira giddugaleessaafi Abbaa Alangaa Fedeeraalaatti tasa argamuun daaw’annataniiru.
    Dinagdee
  • Dhaabbileen misoomaa mootummaa harka mootummaa turan abbootii qabeenyaa biyya keessaafi alaatti gartokkeefi guutummaan dabarsuuf kallattii kaa’an. Miseensota boordii hojicha hordofanis muudan.
  • Gara biyyoota Awuroppaa deemuun daaw’ii hojiifi marii dureewwan biyyootaa waliin taasisuun deggarsa yuuroo miliyoona 130 argatan. Kana malees yeroowwan gara garaatti dhaabbileen maallaqa addunyaa deggarsa maallaqaafi liqii taasisuuf waadaa akka seenan godhan. Kaampaanii Voolsi Waagan dabalatee kaampaaniiwwan biroo Itoophiyaa keessatti hojii akka eegalaniif haalduree xumuran.
  • Abbootiin qabeenyaafi gaggeessitoonni biyyoota gara garaa Itoophiyaatti invasti akka godhaniif waamicha taasisanii, biyyattiis daaw’achiisaniiru. Yemmuu mootiin Saawudii dhufanis ofiisaanii konkolaataa oofuun simatanii daaw’achiisan.
    Hawaasummaa
  • Waldhabdee hoggantoota bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa jidduu waggoota dheeraaf ture hiikan. Hoggansi bataskaanittii ala tures gara biyyaatti akka dhufu taasisan. Dura bu’aa hoggansa alaa dhufe kanaaf deggarsa wiilcharii kennan.
  • Miseensota koree barbaadduu furmaata dhimma Islaamummaatiin walqabatanii hidhamanii turanis ni hiikan. Rakkooleen achi keessatti mul’achaa turanis mariidhaan akka hiikaman taasisan.
  • Barattoota yunvarsiitiifi barattoota qaxalee wajjin mari’atan. Barattoonni kunniin bakka dhalootasaaniirraa gara naannoo biraa deemanii hojii tola ooltummaa hojjechaa hariiroo ummataa akka cimsan taasisan.
  • Mana haadha hiyyeessaatti argamuun ciree nyaatanii, manni jalaa jiguuf jedhu akka ijaaramuufiif akkaafaafi doomaa qabatanii hojicharratti hirmaatan. Kanaanis tola ooltummaa bifa duulaatiin akka adeemsisamu taasisaniin harki qal’eeyyiin hedduu akka gargaaramaniif ulaa banan.
  • Ayyaanota da’eeffachuun maanguddootaafi dhukkubsattoota sammuu Wiirtuu Meeqodiniyaatti argaman akksumas bakka guddisa daa’immanii Zawudituu daaw’achuun deggarsa taasisan.
  • Miidhamtoota qaamaa waajjirasaaniitti waamuun wiilcharii ammayyaa kennan.
  • Barattoota harka qal’eeyyii Magaalaa Finfinnee keessa jiraatan waajjirasaaniitti waamuun deggarsa meeshaa barnootaa taasisaniif.
  • Barattoota sadarkaa tokkoffaa naannolee biyyattii garagaraa keessaa baba’an waajjirasaaniitti simatanii haasofsiisan.
  • Maatii boombii hiriira deggarsaa Finfinneetti ba’amerratti miidhamaniif bilbiluun jajjabeessaniiru; miidhamtootaaf dhiiga arjoomaniiru, hospitaalatti argamuunis gaafataniiru.
  • Haadha waggoota hedduuf miidhama daa’imasheetiin Saawud Arabiyaatti dararamaa turte dhaqanii dubbisuun beenyaan barbaachisu akka kaffalamuufi gara biyyasheetti akka dhuftu taasisan. Eddii gara biyyaatti dhuftees hospitaala mucaanshii itti wal’aanamaa jirutti argamuun gaafatan.
  • Ogeessota aartii wajjin mari’ataniiru. Humna ogummichi ijaarsa biyyaa keessatti qaburratti ibsa bal’aa kennan.
  • Otoo namuu quba hinqabaatiin akka tasaa Mana Tiyaatiraa Biyyaalessaatti argamuun aartii jajjabeessan.
  • Buqqaatota Geedi’oo bakka isaan jiran dhaquun jajjabeessan, mariisisanis.
  • Bakka balaan xiyyaaraa tibbana mudate deemuun daaw’atan, maatii miidhamtootaas jajjabeessan.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Bitootessa 20/2011

Recommended For You

3 Comments to “Ilma Abbaa Gadaa Bitootessaa hanga Bitootessaatti”

  1. Pingback: read more

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *