“Guyyichi hoggansa siyaasaa keenyaan waa’eelchamuun isaa adda isa taasisa” -Obbo Caalaa Lammii


Finfinnee: Ji’i Bitootessaa dhaaba siyaasaa Oromoo waggaa 29 har’aa hundaa’e tokkoof seena qabeessaa. Dhaabni kun keessumaa waggoota 28 darbaniif hanga bal’inaafi fedhii ta’uu baatus hojiilee siyaas-dinagdeefi hawaasummaa hojjetaa tureera. Baranammoo maqaa haaraafi hoggansa haaromsaa ummataaf gumaacheen waa’elchamuun waggaa 29fa hundeeffamasaa kabajataa jira.

Dhaabbanni Demokraasummaa Ummata Oromoo DhDUOn maqaasaa ODP (Oromo Demokratic Party)tti jijjiirate hoggansa haaromsaa Doktar Abiyyi Ahimadiin akka durataa’aa ADWUI taa’anii filatamaniif kan dhiheesses ji’uma Bitootessaa bardheengaddaa keessa ture. Guyyaan hundeeffamaa kun ODP kunis qophiilee adda addaatiin sadarkaalee garagaraatti kabajamaa jira.

Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatti Ministir De’eetaan Ittiwaamamaa Mootummaa Obbo Caalaa Lammii kabaja guyyaa hundeeffama ODP ilaalchisuun ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, dhaabichi waggoota 28 darban hojiilee siyaas-dinagdeefi hawaasummaa bal’aa hojjetaa kan ture yoo ta’u, hojiileen kunneenis injifannoo amma argameef bu’uura turan jedhu.

Yaadonni dhaabichi waggoota kanneen keessatti maqaadhumaan jira malee hinhojjenne jedhanii ka’an hojiilee waggaa 28 hojjetaman zeeroodhaan baay’isuu waan ta’aniif sirrii akka hintaane kaasanii, keessumaa gama Afaan Oromoo afaan hojii naannichaa taasisurra darbee afaan saayinsiifi teknolojii taasisuutiin wantoonni hojjetaman, hojiileen misoomaa guguddoo, sochiileen fayyadamummaa ummataa mirkaneessuufi kkf irratti hojjetaman gatiin kennamuufi qaba jedhu.

Haa ta’u malee hanqinoota adda addaatiin si’aayina deemuu qabuun deemaa waan hinturreef ummata biratti mufannaa uumuusaa kaasanii, jijjirama hoggansa ammaatiin garuu haaromsa taasifameen bu’aaleen abdachiisoon mul’ataa jiraachuu ibsu.

Guyyichi, siyaasa Oromoo moggaarra ture gara giddugaleessaatti fiduun, “Oromoon biyya bulchuu hindanda’u” jedhamu Itoophiyaa mitii Afrikaafiyyuu qoricha ta’uun agarsiisuun kabajamuunsaa adda akka taasisu kaasaniiru.

Fuuldurattis injifannoo argame kana caalaatti cululuqsuutiin hojjetamuu akka qabu kan kaasan Obbo Caalaan, keessumaa gaafii ummataa waa’ee Finfinneefi Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa taasisuurratti ka’aa jiruuf ejennoo walfakkaatu qabachuun hatattamaan deebii kennuun xiyyeeffannaa dhaabichaa akka ta’u addeessu.

Obbo Waasihuun Taaddasaa ammoo miseensa mana mareefi Miseensa Koree Dhaabbii Daldalaafi Indastiriiti. Isaanis ayyaana hundeeffama ODP baranaa injifannoorratti injifannoon dabalamee kabajamuunsaa adda akka taasisu dubbatu. Akkasumas yeroo ummanni biyyattii daangaadhaa hanga daangaatti tokko ta’ee, yeroo akka Oromoon biyya bulchuu danda’u agarsiifametti kabajamuun isaa adda taasisa jedhu.

Injifannoo argame kana kunuunsuun biyya kana ceesisuuf ammoo ummata Oromoofis ta’e ODPf ittigaafatamni waan kennameef kanarratti xiyyeeffannaadhaan socho’uu akka barbaachisu kaasu. Qaamoleen Oromoo boodatti harkisuu barbaadan dhimmoota addaddaatiin miira keessa galchuuf yaalaa waan jiraniif keessumaa qeerroofi qarreen miira tasgabbiifi waldhageettiitiin akka socho’an gorsu.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Bitootessa 20/2011

Recommended For You

4 Comments to ““Guyyichi hoggansa siyaasaa keenyaan waa’eelchamuun isaa adda isa taasisa” -Obbo Caalaa Lammii”

  1. Pingback: Undressing AI
  2. Pingback: 태국탐정

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *