Artisti Lammaa Guyyaafi hojiilee aartiisaanii

Artisti Lammaa Guyyaa ogeessota aartii Itoophiyaan horatte keessaa adda durummaan eeramu. Artisti Lammaan bara ammayyammaa kanatti ogeessa fakkii ta’uun ala abbaa, arjaa, goota, waa fageessanii hubatan, garraamii, tasgabbaa’aa, namaafi biyyaaf kabajaafi jaalala qaban, tapha beekan akkasumas lammii yaada jijjiiramaa qabaniidha.

Ammaan tana maanguddoo waggaa 91 kan ta’an Artisti Lammaa Guyyaa, bara 1921 abbaasaanii Obbo Guyyaa Gammadaafi haadhasaanii Aadde Aadde Maaree Goobanaarraa akka moggaasa duriitti kutaa biyya Shawaa, Ada’aa Liiban, Ganda Dalloo jedhamutti dhalatan.

Bara 1968 irraa eegalee soorama bahuun Aadde Asteer Makaashaa wajjin bultii dhaabbatanii Magaalaa Bishooftuu jiraachaa kan jiraan aristichi, ijoollee Tigisti, Natsaannat, Salaamaawiitiif Daawit jedhaman horataniiru. Obboloonnisaanii Asaffaa Guyyaafi Tulluu Guyyaa jedhamanis hojiidhuma fakkii kaasuu kanarratti bobba’aniiru. Maatiin kun sababuma kanaan maatii artiidhaan badhaadhe jedhamuun beekamu.

Artisti Lammaa Guyyaa magaalaa Bishooftuutti maqaasaaniitiin wiirtuu aartii, gaalarii fakkiifi hundeessanii mana barumsaa barnoonni fakkii itti kennamu hundeessuun hojjetaa jiru.

Artisti Lammaa Guyyaa gaafdeebii riippoortara barruu Zaman (kan Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin maxxanfamtu) Doktar Taaddalaa Gadlee wajjin ji’oota muraasa dura taasisaniin waa’ee jireenya loltummaasaanii, seenaa biyyasaanii, qondaaltota humna qilleensaa, haala hundeeffama Waldaa Maccaafi Tuulamaa, waa’ee tarrkaanfii siyaasaa Mootummaa Dargiifi hojmaata Mootummaa ADWUI, walumaagalatti sirna Hayilasillaaseerraa eegalee waan hanga ammaatti jirurratti ibsa bal’aa kennaniiru.

Seenaa biyya keenyaa keessatti kan jalqabaa kan ta’e xiyyaarri tokko ganama Jibuutiidhaa ka’ee Dirre Dawaa gaha. Dirre Dawaarraa ka’ees Awaash qaqqaba. Oggaa ganama keessaa sa’aatii 5:00tti Adaamaa qaqqabu duumeessi karaa itti cufa. Kanaanis balaliisaan gara itti goru dhabee rakkata.

Haala kanaan daran kan dhiphate balaliisaan lammiin faransaayi ta’e akka tasaa oggaa hurufa argu xiyyaarichi bakka dhaloota Artisti Lammaa GuyyAa, Dolloo qubachiisa.

Maatiifi Artisti Lammaafi ummanni naannawaas waan ta’e kana gara xiyyaarichaatti fiiga. Yeroo sana Artisti Lammaan daa’ima ji’a jahaa turan.
Seenaa kana dhagahaa kan guddatan artistichi, xiyyaarichi boqonnaa jireenyasaaniifi mallattoo carraasaanii ta’uu yaadatu.

Akka isaan jedhanitti meeshaan xiyaaraa warshaalamee balali’u baaburaan fe’amee Faransaayirraa Jibuutii, Jibuutiirraa Finfinnee galee ture. Garuu Finfinneetti otoo hinbanamiiniifi warshaalamee hinbalal’iin bakkuma dhufetti deebi’e. Kun kan ta’eefis qeesonni abaarsa nutti fiduu danda’a jedhanii waan banuu dhowwaniifi. Sababuma kanaan xiyyaarichi Jibuutiitti akka warshaalamu taasifame.

Hagayya 12 bara 1921 waaree booda oggaa sa’aatii 7:00 ta’u duumessi haphachaafi samiinis qulqullaa’aa ifaa waan deemeef xiyyaarri Dolloodha ka’ee Finfinnee, Gafarsaa oggaa qubatu ummanni ililleedhaan simate.
Lammaa guyyaa ijoollummaasaaniitti baadiyyaa Dollootti oggaa loon tiksan biyyoofi cirracha walitti qabanii tiksee ulee qabatee hojjechuu shaakalu. Fakkii namaa keenyan ykn girgiddaarratti kaasuu eegalu.

Haatisaanii Aadde Maaree Goobanaas dubartii ogummaa harkaa qaban turan. Supheerraa gaanii, hubboo, jabanaafi eeleefaa hojjetu. Hodhaas ni hodhu. Keenyanirrattis fakkii kaasu. Lammaanis hojii haadhasaanii xiyyeeffannaan hordofaa turan. Eessmnisaanii Hordofaa Goobanaa jedhamanis uffata lilmoodhaan hodhanii akkasumas waanjoo, gindiifi qonyeefaa qopheessanii qonanan bultootaaf dhiyeessaa turan. Kanarraa kan hubannu maatiinsaanii hundi ogeeyyii akka turaniidha.

Artisti Lammaan mana barumsaa kan galan umriisaanii 17tti. Bara 1943tti kutaa 7fa xumuruun Mana Barumsaa Astee Galaawudewos jedhamaa tureefi Adaamaatti argamutti barumsasaanii ittifufan. Achumatti barsiisummaan leenji’anii mindaa qarshii 70n mindeeffamanis otoo baay’ee hinhojjetiin hinbarbaadu jedhani dhiisan.

Daa’imummaasaaniirraa eegalee waa’ee xiyyaaraa dhaga’aa waan turaniif boxa xiyyaaraa hojjetanii oggaa Hayilasillaaseen bashannanaaf gara Bishooftuu dhaqan kennuufiif qopheessan. Gaafa tokko akkuma yaadan oggaa mootichi Bishooftuu dhufan akka humna qilleensaa isaan galchan gaafatan. Akka gaaffiisaanii eebii argatuuf qaama dhimmi ilaalutti ajaja dabarsan. Qarshii 60s Lammaa Guyyaatiif kennan.

Lammaanis qarshichaan sa’a bitanii firasaaniitti kennu. Yeroo sanatti loon qarshii Jaanhoyiin bitame hinhatamu ture. Qarshii Jaanhoyiin bitame yoo jedhame namni itti nu’u hinjiru jechuudha. Yoo tuqes eessa abbaasaa seena?

Lammaa Guyyaa ajaja mootichi dabarsaniifiin humna qilleensaa seenanii leenjii xiyyaara hiikuufi warshaaluu waggoota lamaaf hordofanii makaanikummaan eebbiifaman. Akkasumas waggoota shaniif humna qilleensaatti kutaa armaamentiitti (haala diina ittisuun, haleeluufi mo’achuun danda’amurratti) leenjii fudhataniiru.

Akka isaani jedhanitti barasaaniitti Ruusiyaafi Kuubaa wajjin hariiroo kan qaban yoo ta’u, Hayilasillaasee kan kuffise Waldaa Maccaafi Tuulamaati. Waldichi Jeneraala Jaagamaa Kelloo, Waaqoo Guutuu, Girmaa Waldagiyorgis, Taaddsaa Birruufa’i.

Duraan mootichi akkuma giiftii Elsaabeex kan Ingiliz mallattoo gonfoo qofa ta’anii monaarkummaa akka jiraatan waliigalanii turanillee waan jeneraalonniifi dajjaazmaachonni mormaniif kufan.Namni fuulaafi ija mootichaa sirnaan argu hinturre. Ijiifi fuullisaanii nama sodaachisa ture.

Artisti Lammaan fakkii kaasuu kan baratan mana barumsaa seenanii otoo hintaane tattaaffiidhuma mataasaaniitiini. waggoota 11f Ertiraa keessa hojjetaniiru. Isaan kaastota fakkii biroorraa kan adda taasisu akaakuu aartii viizhuwaal jehdamurratti xiyyeeffachuusaaniiti.
Kunis kan mul’atuufi qaqqabatamu yoo ta’u, meeshaan fakkii kana kasuuf ittifayyadamanis kal’ee re’eefi gogaa sangaa, halluu bishaanii, zayitii, cilee (cherkol)fa’i.

Akka isaan jedhanitti, dursanii kal’ee re’eerratti kan kaasan fakkii pirezidaantii Zimbaabuwee duraanii, kan Roobarti Mogaabeeti. Fakkichis pirezidaantichaaf ergamee ture. Sana booda Koloneel Mangistuu Hayilamaariyaam (pirezidaantiin Itoophiyaa wayita sanaa) lammata fakkii oggantoota biyyaa akka hinkaafne dhorkan.

Yeroo biraa garuu Koloneel Mangistuun fakkii Pirezidaantii Kooriyaa akka kaasan isaan fakkichas pirezidaantii Koriyaatiif ni kennan. Pirezidaantichis fidhatanii Muuziyamii Kooriyaatiif kennaniiru.

Qondaaltonni Dargii akka Artisti Lammaan ogummaasaaniitiin hoggantoota biyyaa wajjin walhinqunnamne taasisaa turan. Fakkiiwwansaanii biyya keessatti iddoowwan adda addaatti daaw’annaaf dhiyaataniiru. Niyorkifaa dabalatee magaalota biyyoota alaa gara garaattis hojiileesaanii dhiyeessaniiru.

Artisti lammaan araara Itoophiyaafi Ertiraa jidduutti tattaaffii Ministira Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmadiin uumameen wayita Pirezidaantiin Ertiraa, Obbo Isaayaasa Afawarqii ganna darbe, waggoota 20 booda Itoophiyaa daaw’atanitti fakkii kaasanii arjoomaniiruuf.
Ittifufa…

Charinnat Hundeessaatiin 

Bariisaa Bitootessa 20/2011

Recommended For You

One Comment to “Artisti Lammaa Guyyaafi hojiilee aartiisaanii”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *