Namootni bara 1996 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa qubatan qabeenya horachaa jiru

Shaambuu: Ummanni tokko hawaasa keessatti dhalatee guddateefi iddoo jiraachaa turerraa sababa garaa garaatiin dirqamee gara iddoo biraatti godaana. Inni tokko fedhasaa malee humnaan qe’eessaarraa kan godaansifamu yemmuu ta’u, inni kuun immoo jiruufi jireenyasaa fooyyeeffachuuf jecha fedhasaatiin iddoo biraatti godaana.

Sochiin ummanni iddoo tokkorraa jireenya fooyya’aa barbaachaaf gara iddoo biraatti taasisu kan jajjabeeffamu yemmuu ta’u, inni humnaan dirqamee qe’eesaarraa godaansifamu garuu kan balaaleeffamuudha. Bara 1996tti ummata godinaalee Oromiyaa gammoojjuummaan itti hammaate keessaa gara godinaalee rooba gahaa argataniitti godaansifaman yeroo ammaa qabeenya horatanii of danda’anii jiraachaa kan jiran ta’uu ibsu.

Shek Ahmad Huseen iddoo dhalootasaanii Godina Arsii aanaa Gololchaa irraa sagantaa qubsuma qoiphaa’ee tureen namoota Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo qubatan keessaa isaan tokko yemmuu ta’an, gaafa biyyaa dhufan wanti biraa hafee wayyaa jijjiiratanis kan hin qabne ta’uu dubbatu.

 Lubbuusaaniifi maatiisaanii qofa qabatanii hongee kan dheessan ta’uu kan himan Shek Ahmad, yeroo gabaabaa keessatti jijjiiramanii jireenya fooyya’aa jiraachaa kan jiran ta’uu dubbatu. Yeroo ammaa mana qorqoorroo ijaarratanii, xaafii, qamadii, saliixaafi loowwan hedduu horachuu himanii, ofiisaanii bira darbanii namoota rakkatan deggeraa jiraachuu eeru.

Yeroo gara Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti imalan namootni hedduun isaanitti qoosaafi hamileesaanii miidhaa turuusaanii kan himan Obbo Kadir Godaanaa, waggoota muraasa booda garuu jiruusaanii fooyyeeffachuudhaan warra isaanitti qoosaa ture deebisanii kan gargaaran ta’uu dubbatu.

 Qe’ee baraniifi ummata keessatti guddatan irraa adda bahanii jiraachuun waan ulfaatu fakkaatus, kutannoon hojjennaan hojjetanii of jijjiiruufi jireenya fooyya’aa jiraachuun kan danda’amu ta’uu himu.

Obbo Kadir yeroo ammaa sangaa qotiinsaa dabalatee loon aannaniis kan qaban yemmuu ta’u, lafa sanyii midhaan garaa garaa facaafatanis kan qaban ta’uufi jireenya fooyya’aa jiraachaa kan jiran ta’uu dubbatu.

Bariisaa Bitootessa 13/2011

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *