“Mootummaan gaafa Oromoon dubbatus na’uu qaba” – Seenaa Jimjimoo

Qabsoo Fincila Diddaa Gabrummaa waggaa lamaan dura Oromiyaa keessatti fniinee ture keessatti Oromoon biyya alaa jirus haala danda’ameen dhiibbaa uumuuf socho’aa tureera. Keessumaa seerri mirga namoomaa ‘HR’ kan Itoophiyaa akka hinraggaaneef qabsoon taasifame kan hindagatamnedha. Seerri kun yoo ragga’e Itoophiyaa keessa rakkoon qabiinsa mirga namoomaa hinjiru jechuudhaan maallaqni danuun gadi lakkifama ture.

 Qabsoo kana keessatti ammoo adda durummaadhaan hirmaachaa kan turte barreessituufi qabsooftuu mirga namumaa, Seenaa Goodaanaa Duulaa Jimjimoo ishee tokko. Gaazexaan Bariisaas qabsoo yemmusiifi bu’aa irraa argame akkasumas dhimmoota garagaraarratti Seenaa haasofsiiseera. Dubbisa gaarii! Lakkoosfonni baraa gaafdeebii kana keessatti eeraman ALAtti ta’uu nuu hubadhaa.

 Bariisaa: Seenaa, maqaa kee gaafa himattu hanga abba afuritti himatta. Bakka tokko tokkottimmoo Seenaa-GDJimjimoo jettee barreeffattaatii sababasaa nutti hime mee Seenaa: Seenaan maqaakooti, Godaanaan maqaa haadha kooti, Duulaan maqaa abbaakoo yoo ta’u, Jimjimoon ammoo akaakayyuu kooti. Biyya faranjitti maqaa akaakayyuun waan waamamatuuf Seenaa Jimjimoo jedhama.

 Bariisaa: Eessatti dhalattee, baratte?

 Seenaa: Ani kaniin dhaladhe Arsii Lixaa, Adaabbaatti. Barumsa koo sadarkaa tokkoffaa jechuunis hanga kutaa saddeetiitti naannawaadhuma sanattin baradhe. Sadarkaa lammaffaafi sadarkaa olaanaa biyya alaattiin baradhe. Digiriin jalqabaa koo poolatikaal Saayinsii, kan lammataa ammoo Paabliik heelthiifi paabliik administireeshiniidha.

 Bariisaa: Yoom, akkamiin biyyaa baate?

Seenaa:Bara 2000ttin biyyaa ba’e. Abbaafi obbolaan koo yommus maqaa ABOtiin hidhamaafi dararamaa turan. Yommuu abbaan koo karaa Keeniyaa biyyaa baane.

Bariisaa: Baqattummaan d a a ‘ i m u m m a a d h a a n hinulfaatuu? Seenaa: Umrii ijoollummaa jiruun hinulfaattu. Aniyyuu oggaan waan dabarsine of duuba deebi’ee yaadu na dinqa. Jiruun yommuu umriin dabalu ulfaattii jedheen of gaafadha. Garuu wanti dabarsine daran ulfaataadha. Bariisaa: Jidduutti gara biyyaatti hindhufnee?

Seenaa: Yeroo lama sadii deeddeebi’eera. Bariisaa: Maalirraa kaateet kabajama mirga dubartootaafi Oromootiif qabsaa’uutti seente?

Seenaa: Hawaasni keessatti guddadhe dubartootaaf ilaalcha gadaanaa qaba. Abbaan warraa haadha warraa reeba, obboleessi obboleettii rukuta, mana barumsaa keessatti ijoolleen dhiiraa ijoollee durbaa dhaanu; dimshaashumatti dhiirri hundi shamarraniif gooftaa ta’uu barbaada. Yommuun kana argu baay’ee na aarsa.

Kanarraa ka’uun oggaan barumsakoo xumuru qabsooftuu mirga namummaa keessattuu kan shamarranii ta’e. Oromoodhaan walqabateemmoo ani barattuu kutaa sadii ta’een Oromummaa koo sirriitti bare. Sirba Elemoo Alii, “Dhiigni keessan yaa’ee carcarroorratti, lagatti goggogee…” jedhu gaafan dhaga’u nan bo’a. Gabrummaan Oromoos na gaddisiisa ture. Hadaduman guddachaa dhufeen ammoo eessaa dhuftee keenyarraa kaasee seenaa dubbisuuttin ka’e. Ka’umsa sanaaniin qabsoo eegale.

Bariisaa: Mee waa’ee waldaalee Oromoo Ameerikaatti hundeessitee nutti himi?

Seenaa: Ani ijoollummaadhuma koorraa kaasee nama xiiqiiti. Yommuu mana barumsaatii baanu ijoollee dhiiraafi dubaraa walitti qabeen fuuldurasaanii deemee isaan qajeelcha. Sun na keessatti guddatee yommuun Ameerikaa dhaqes ittin fufe. Bara 2004 yommuun kolleejii baradhu akka waldaaleen jiranin bare.

Anis ji’oota muraasa booda waldaa Oromoo dhaabuun yaade. Yommus waldaan ani beeku hinturre. Mana barumsaa ani itti baradhutti immoo ana waliin Oromoo lama qofatu ture. Waldaa tokko uumuuf ammoo nama sadii si barbaachiisa. Kanaaf mucaa Sudaan tokko fideen sadii taanee ‘Oromo Student Association’ dhaabne.

 Bariisaa: Kaayyoonsaa maal ture?

 Seenaa: Waldaaleen biyyaan hundaa’an mana barumsaa sana keessatti alaabaasaanii maxxanfatu. Kan Itoophiyaa illee ni jira. Ani garuu Oromiyaa akka biyyaatti beeksisee alaaba koo achitti arguu waanin fedheefin hundeesse. Achii booda bara 2005 Jawaarifaa wajjin namoota jaha taanee walagarree Waldaa Dargaggoota Oromoo Biyyoolessaa hundeessinee.

Waldaa Hawaasa Oromoo Chikaagoo keessattis hirmaachaan ture. Waldaalee kanneen keessattis ittigaafatamtamtuu dubartootaafi dargaggootaa ta’een hirmaachaa ture. Akkasumas, kolleejiitti Waldaa Barattoota Afrikaa keessatti hirmaachuun Oromoo beeksisuuf tattaafadheera.

Yommuun digrii koo lammataa baradhuu ammoo waldaa guddaa (‘Student Government Association /GSA’) jedhamutu ture. Waldaan kun dhageettii olaanaa qaba. Anis yeroo jalqabaatiif seenaataratti dhihaadhee falmii taasise. Yommuu jalqabaatiif televizyiniidhaan mul’adhe. Yommus baay’een sodaadhee, holladhe. Hirmaannaa koo kanneen hunda keessatti Oromoo ittiin beeksisee darbaan ture.

Bariisaa: Jiruu biyya alaa wajjin waldaalee hamma kana keessatti si’aa’inaan hirmaachuun hinulfaatuu?

Seenaa: Kaayyoo qabaannaan hinulfaatu. Ani kaayyoon koo inni guddaa bakkan deemetti waa’ee Oromoo barsiisee darbuudha. Ani yoon nama shan barsiise, namni shanan sun ammoo akkasuma namoota biroo yoo barsiisan Oromummaan ni beekama.

Kanaaf dadhabbii koo hin yaadu. Isa caalaa kan hamilee si tuqu arrabsoo sanyummaa namoota tokko tokko (warruma biyya kanaa deeme)ti. Ani garuu bakkan deeme hundatti Oromoo ta’uu koo barsiiseen darba malee isaaniif gurra hinkennu. Otoo kun kanaan jiruu mormiin bara 2014 yommuu ka’u, Oromoo Chikaagoo jiran qindeesseen mari’annee, hiriira guddaa yeroo jalqabaatiif taasifne.

Xalayaas barreessinee galchine. Achii booda hiriirri ni hafe, deebiinis hinjiru. Waggaasaatti qabsoo marsaa lammaffaan eegalame. Isa dura Obbo Baqqalaa Garbaafaa nu bira dhufanii turan. Isaan waliin baay’ee haasa’een waan jiru sirriitti hubadhe. Baruma sana gara biyyaas dhufee waan jiru ilaaleen deebi’e. Ani Fulbaana keessa dhufeen Sadaasa keessa qabsoo marsaa lammaffaan eegalame.

 Bariisaa: Qabsoon yeroo sana bu’aa buusee?

Seenaa: Eeyyee. Yeroo sana ani leenjiif gara ‘DC’n deeme. Achirratti namoota ciccimoo waajjira Obaamaafaa, Kilintanfaa hojjetan akkasumas nama ‘UN’ Amerikaa bakka buute dhufte Samaantaa Paaworfaatu irratti hirmaata ture. Kanarratti akkamitti dhimma barbaadde tokkoof mootummaa bira dhaquu akka danda’amun bare. Achirrattis “Oromoon dhumaa jiraa, maaliif hindubbanne” jedheen gaafadhe. Isaan deebii bal’aa naa kennuu hinbarbaanne, akkuma quba qaban qofa naa deebisan.

Ani durumaayyuu gurra buusuuf malee deebii hineegganne. Sababnisaa mootummaan Obaamaa mootummaa warra Kilintan keessaa dhufe. Isaan ammoo ‘Adda Bilisummaa Ummata Tigraay wajjin hariiroo cimaa qabu. Achii deebi’ee namoota akka Mohaammad Adamoo, Jawaariifi kanneen biroo gara sagalii dubbise.

Garuu sababa maalii akka ta’e hinbeeku jarri naaf hinargamne. Gaafas Tiwitar koo irratti “Dhimma guddaa tokkoof utuun namoota guguddoo barbaaduu ofuma kootii guddaa ta’ee of arge” jedheen barreesse. Bariisaa: Falmii Diddaa Gabrummaa marsaa lammaffaa ilaalchisuun hiriira bara 2016 situ qindeessee?

Bariisaa Bitootessa 13/2011

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

5 Comments to ““Mootummaan gaafa Oromoon dubbatus na’uu qaba” – Seenaa Jimjimoo”

  1. Pingback: spin238
  2. Pingback: fortnite hacks
  3. Pingback: raz vape
  4. Pingback: news

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *