-Atileetonni Itoophiyaa murtii ‘IAAF’ morman
Finfinnee: Dorgommiin qaxxaamura biyyaa Atileetiksii Addunyaa waggaa waggaadhaan biyyoota miseensota Waldaa Atileetiksii Biyyoolessaa (‘IAAF’) ta’an gidduutti kan adeemsifamuudha. Dorgommiin kun edda jalqabamee waggoota 49 ta’us Itoophiyaan waggoota sagal booddee ALA bara 1979 dorgommii 9fa Ispeen magaalaa Maadiriditti adeemsifameerrattidha kan hirmaatte.
Baruma kana beekamtiifi maqaa guddaa, “Galaana magariisaa’’ (‘Green flood’) jedhamu kan argatte dorgommiidhuma kanarratti ta’uun kan yaadatamuudha. Kunis atileetonni yeroo sana hirmaatan uffannaa ispoortii halluu magariisa, keelloofi diimaa ta’e uffachuutiin atileetota biyyoota biroo osoo of gidduu hingalchiin akka galaanaa walduraa duuba yaa’uudhaan dursaa waan turaniif maqaa akkanaa kana argachuu danda’aniiru.
Kanarraa kan ka’e wayita dorgommiin qaxxaamuura biyyooleessaa qophaa’u qaamni dorgommii qopheessu, atileetonni biyyoota addaa addaafi daawwattootni, akkasumas jaallattootni ispoortii atileetiksii dafanii ijasaanii atileetota Itoophiyaarra kam buufatan. Dorgommiin kun baranas yeroo 43faf ALA Bitootessa 30 bara 2019 ardii Awurooppaa biyya Deenmaarki, magaalaa miidhagduu qilleensa mishaa qabdu Arihusitti adeemsifama jedhameeti eegama.
Itoophiyaanis dorgommii kanarratti hirmaachuuf ji’a darbe Jaan meedaatti fiigicha kiiloo meetra adda addaa gaggeessuudhaan atileetota korniyaa lameeniinuu sadarkaa 1fa hanga jahaffaa bahan iddoo tokkootti walitti qabuudhaan shaakalsiisaa akka jirtu beekameera.
Ittigaafatamaan Kominikeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Obbo Silashii Bisraat tibbana Gaazexaa Bariisaatiif akka ibsanitti, gareen atileetiksii Itoophiyaa yeroo kamuu caalaa dorgommii kanaaf qophaa’aa jira. Dorgommiin kun kan adeemsifamu koorniyaawwan lameeniin yoo ta’u, kiiloo meetra saddeetiin dhiira dargaggootaafi dubartoota dargaggoodhaan ammoo kiiloo meetira jahaan, akkasumas beektotaan dhiiraafi dubaraan kiiloo meetira kudhaniifi dorgommii walmakaa dhiiraaf dubaraan kiiloo meetira saddeetiin kan hirmaatan ta’uu ibsan.
Atileetonni kunneenis ga’umsa qaamanis ta’e sammuudhaan qophaa’ota ta’uusaanii kan ibsan itti gaafatamtichi, yeroodhaa yerootti leenjistonni, hakimoonniifi saayikolojistoonni hordoffii fayyaa taasisaa jiruu jedhan. Dorgommii baranaa kanarratti atileetonni hirmaatan hedduun addunyaarratti sa’aatii gaarii kanneen galmeessisan waan ta’eef, biyyattiin korniyaa lameeniinuu meedaaliyaa hedduu argachuuf abdii qabaachuushee addeessaniiru.
Gama biraan ammoo murtee Waldaan Federeeshinii Atileetiksii Addunyaa fiigichi kiiloo meetira shanii ALA bara 2020 irraa kaasee dorgommii diyaamandiirraa akka haqamu dabarsee ture Federeeshiniin Atileetiksi Itoophiyaafi atileetonni keenya kan balaaleffataniifi hin fudhanne ta’uus Obbo Silashiin ibsaniiru.
Waldichi murtee akkanaa kana dabarsuusaatti addunyaarratti dorgommii kanaan olaantumaa kan qaban atileetonni Afrikaa mormisaanii dhiheessaa akka jiranis ibsa kennamerraa beekuun danda’ameera. Dorgommii Liigii Diyaamandiirratti fiigichi dheeraan kiiloo meetira sadii qofaan kan adeemsifamu yoo ta’u, walumaagalatti garuu dhiiraafi dubaraan akkaakuwwan ispoortii 12n kan gaggeeffamu ta’uusaa hubatameera.
Bariisaa Bitootessa 13/2011
6 Comments to “Itoophiyaan dorgommii qaxxaamura biyyaa addunyaatiif qophaa’aa jirti”