Hospitaala ammayyaa godinaalee Oromiyaa Lixaaf tajaajila kennu

Dhaabbileen fayyaa tajaajila ga’aafi qulqullina qabu lammiileefi biyyaattii hundaan ga’uuf gumaacha olaanaa qabu. Keessumaa meeshaalee qorannoo fayyaa guutuu ta’eefi teknolojiiwwan ammayyaatti gargaaramuun fayyummaa hawaasaa mirkaneessuu keessatti bakka olaanaa qabu. Haaluma kanaan Itoophiyaatti dhaabbileen fayyaa mootummaa, miti mootummaafi dhuunfaa bal’inaan ni argamu.

 Carraa Invastimantii biyyattiitti uumameen dhaabbileen mootummaafi dhuunfaa baay’een qabeenyaa hedduu damee fayyaarratti dhangalaasaa jiru. Dhaabbilee fayyaa mootummaatiin ijaaramaa jiran keessaa tokkoo Hospitaala Rifaraalaa Yunivarsitii Ambooti argamuudha.

Hospitaalichi wayita xumuramu teknolojiiwwan ammayyaatiin kenninsa tajaajilaa ga’aafi qulqullina qabu ni kenna jedhamee hawaasa magaalaa Amboofi naannawaasheetti biratti eegama. Maanaajara Piroojekitii Hojii Ijaarsaa Hospitaalaa Rifaraalaa Yunivarsitii Amboo Injinar Antanah Nigusee, hojiin hospitaalichaa bara kana ji’aa Onkololeessaa keessa jalqabamusaa ibsu.

Ijaarsi piroojektii kanaas waggoota shaniif jechuunis guyyoota kuma tokkoofi 825 ni tura jedhamee karoorfamuusaa ni dubbatu. Piroojektiichi qarshii biliyoona 1.6n lafa kaaree meetira kuma 234 irratti ijaaramaa jiraachuu eeranii, hospitaalichi bilookiwwan 26 kan hammatuufi hojjettoota dhaabbii 60, kontiraata 120 akkasumas, hojjettoota yeroo 200 ta’aaniif carraa hojii banuusaa addeessaniiru. Ijaarsi hospitaalichaa tabba irra ta’uunsaa qilleensa namatti tolu waan qabuuf, dhukkubsattoota ciisanii yaalamaniifi ogeessoota hospitaala keessa hojjetaniif mijataa ta’uusaas ibsaniiru.

Hospitaalli kun wayita xumuramu siree 500 ol qabachuu danda’a kan jedhan Injinar Antanah, ummata godinaalee Oromiyaa Lixaaf tajaajila akka hospitaaloota rifaraalaa gurguddoo biyyattii biroo kolleejjii leenjii fayyaa mataasaa akka qabuufi ogeessonni achii eebbifamanii ba’aan hospitaalichaaf tajaajila ni kennus jedhaniiru. Akkasumas, kutaalee barnootaa adda addaa, laabr aatoriifi giddugaleessa qorannoo kan qabu yoo ta’u, dhaabbanni ‘TNT’ jedhamuus hojii gorsaarratti hirmaata jedhu.

 Bajanni qabame yeroodhaan gadi dhiifamuu dhiisuun miindaan hojjettootaa yeroodhaan akka hinkanfalamne taasisuusaatiin hojiirratti dhiibbaa uumaa jiraachuu Injinar Antanah eeraniiru. Dargaggoonni naannawichaa waldaadhaan gurmaa’an 206’s meeshaalee ijaarsaa dhiheessaa jiraachuusaa kan ibsummoo dargaggoo Dhugaa Fufaati.

Ijaarsi hospitaalichaa wayita jalqabu suuqiwwanis ta’u iddoon bashannanaa akka hinturre eeree, ammaan kana dargaggoonniifi shamarran daldala adda addaarratti bobba’uun galii argachaa jiraachusaanis addeesseera.

Harka maratanii bakkee hintaane oluudhaan yeroo ofi balleessuurra hojii uumuudhaan ofiifis lammiifis hojii bu’aa qabeessa hojjeechutti akka amanu ibsee, dargaggoonni daandiirra taa’uudhaan araada adda addaatiif saaxilamurra hojii uumanii akka hiyyummaa jalaa of baasanis Dhugaan dhaameera.

Bariisaa Bitootessa 13/2011

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

5 Comments to “Hospitaala ammayyaa godinaalee Oromiyaa Lixaaf tajaajila kennu”

  1. Pingback: Koh Tao Scuba Club
  2. Pingback: online chat
  3. Pingback: video chat
  4. Pingback: pgslot

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *