Gareen olompikii biyyaalessaa tapha gulaalaa adeemsifate

Finfinnee: Olompikiin 32fa ALA bara 2020 magaalaa guddoo Jaappaan, Tokiyootti adeemsifama. Tapha olompikii kanaaf biyyoonni miseensa koree olompikii biyyooleessaa 215 ta’an akaakuuwwan ispoortii adda addaan hirmaachuuf qophii taasisaa jiru.

Itoophiyaanis kanaan dura akaakuuwwan ispoortii atileetiksiin, biskileetaan, bunyaafi bishaan daakuutiin hirmaachaa kan turte yoo ta’u, barana ammoo kubbaa miilaan hirmaachuuf walmorkii tapha gulaalaa adeemsifachaa jirti.

Qabxiin isaanii maxxansaaf nuu dhaqqabuu baatus gareen olompikii Itoophiyaa kaleessa tapha gulaalaa duraa garee kubbaa miilaa Maalii wajjin istaadiyoomii Finfinneetti taasifateera. Taphattoota umrii 23 gadi ta’aniin hirmaachaa kan jiru gareen Olompikii Itoophiyaa, walmorkii gulaalaa deebii torban tokko booda magaalaa gud doo Maalii, Bamaakootti akka adeemsifatus beekameera.

Leenjisaan garichaa, Obbo Abrahaam Mabraatuu ibsa Roobii darbe kennaniin akka jedhanitti, taphattoota garee olompikii kanneen filuuf ji’oota darban keessa gargaartonni isaanii naannolee adda addaatti ergamuun hojjechaa turaniiru.

Gargaartonni kunneen dargaggoota umrii 23 gadi ta’an filuuf wayita naannolee keessa naanna’aa turanitti garuu kilaboota liigii piriimeeriifi liigii biyyaaleessaa keessaa taphatoota durii malee haarawaa dhabuusaaniitti abdii kutachuudhaan deebi’usaaniis dubbataniiru. Haala kanaan itti fufnaan garee kubbaa miilaa cimaa dargaggootaan guutame ijaaruun rakkisaadha jedhan.

Kilaboonni liigii piriimeeriifi liigii biyyaaleessaas dargaggoota bakka bu’oota horachuuf rakkina keessa kan isaan galchu waan ta’eef itti yaadamuu qabaa jedhan. Kanaaf kilaboonni dargaggoota pirojektiiwwan adda addaa keessatti leenji’aa jiran tattaaffii walirraa hincitne gochuutiin kilaboota ciccimoo horachuu akka qaban yaadachiisaniiru. Gareen biyyaaleessaa kun walmorkii gulaalaa Maalii wajjin isa eeggatuuf ejennoosaa safarachuuf tapha michummaa lama garee Siisheelsii wajjiin taasifachuudhaan lameenittuu mo’achuusaatti qabxii barbaadamu argachuuf abdii isaanitti horuusaa ibsaniiru.

Bariisaa Bitootessa 13/2011

Recommended For You

6 Comments to “Gareen olompikii biyyaalessaa tapha gulaalaa adeemsifate”

  1. Pingback: ปลูกผม
  2. Pingback: โถส้วม
  3. Pingback: advertising scam
  4. Pingback: Monkeys For Sale
  5. Pingback: protein shakes

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *