“Sababa hojiikootiin ga’een haadhummaakoo tokkollee hafuu hinqabu” -Aadde Adaanach Abeebee

Dubbistootaa, maxxansa keenya torban darbeetiin kutaa tokkoffaa barreeffama kanaa isiniif dhiyeessuun keenya ni yaadatama. Maxxansa kanaan ammoo kutaa lammaffaasaa dhiyeessineera.

Bariisaa: Mee haaloota akkanaa keessa dabartanii amma sadarkaa ministeerummaa akkasumas koree raawwachiistu hojii ADWUI taatanii jirtu. Iccitiin milkooma keessanii maali?

Aadde Adaanach: Dubartoota siyaasa keessatti hirmaachuu barbaadaniif kaniin ibsu, waan ta’uu qabnu waan itti amanne, amanneemmoo lapheerraa itti hirmaannerratti taanee argamuu qabna. Waanti nama jajjabeessu haa jiraatu, haa dhibus. Kana jechuun jireenya keenya keessa bu’aa ba’iin hinjiru jechuu miti. Jalqabuma yommuu hirmaannu dubbiin akka karaa afaa nuu ta’u kaayyeeffannee yoo kaane akka laayyootti cabna. Yoo kaayyoodhaan itti seenne garuu bu’aa ba’iin keessa dabarru mana barumsaa, cimina, hamilee nuu ta’a.

Inni biraa yommuu kaanu hammam sirrii taanullee harkatu nu rukutama jennee ka’uu hinqabnu. Akka jajamuun jiru qeeqamuuniifi arrabsamuun akka jiru hubachuu qabna. Tokko tokko waanuma dubartii taateef dubbii kan sirra funaanu jira. Kanas ta’u sana haala itti fufiinsa qabuun bu’aqabeettii kan si taasisu kufuun haa jiraatu ka’uun akka jiru baranii ejjennoofi dhugaa qabatanii deemuun barbaachiisaadha. Anis wantoota kana keessa darbeen as ga’e.

Bariisaa: Isin yeroo baay’ee murtoo ariifataa kennuurratti beekamtu. Kanaarratti haalli guddina keessanii ga’ee qabaa laata?

Aadde Adaanach: Ijoollummaan koo ga’ee qaba. Yommuun murtoo fudhadhu sodaattuu akka hintaane, ofitti amanamummaa akkan qabaadhuuf na gargaareera.

Sana abooda garuu jireenyin keessa darbe anaaf mana barumsaadha. Yommuun Biiroo Haqaa, Biiroo Hawaasummaa Oromiyaa, Daarektara Waldaa Misooma Oromiyaa, Kantiibaa Magaalaa Adaamaa, Durateessuu Waajjira Gidduugaleessa ODPfi paarlaamaa keessatti seektaroota addaddaarratti sadarkaa gaggeessummaa garagaraatiin hojjechaa ture hudhaalee hedduu keessan darbaa ture. Rakkoolee addaddaa itti bubbuu’een har’a harka dhaa’amaafi jira. Hojiichis hanga har’aatti bu’aqabeessa; anis wajjiin ka’a jechuudha. Ani garuu isaaf jedhee hojjechaa hinjiru.

Yeroo tokko tokko wanti nuti sirriidha, yoo hojjenne hawaasa fayyada jennee hojjennu akka yaadne hinta’u. Fakkeenyaaf WMO keessattis

“Maallaqni ummataa haatamuu hinqabu, kan ummataati, waan jedhameef ooluu qaba” jedhee yommuun murtoo addaddaa murteessu kanneen achi keessatti duromuufi harka dheeraffechuu barbaadan ammoo narratti ka’a turaniiru. Wantooti akkanaa irra deddeebiin yommuu si mudatu si cimsa.”
Yommuun haala kanaan hudhaalee hedduu keessa darbu “Edaa ani hudhaa keessa darbuu amaleeffadheeran” jedha. Kanaaf yommuun murtoo murteessu hamma ragaan isaa dhugaadha, hammam sirriidha isa jedhuun sirriitti irratti of eeggadha malee isa kaan itti hindhiphadhu.

Kana qulqulleeffadhee jennaan, takkaa “Na gaafachiisa, bor maal fidee natti dhufa, maqaakoo balleessa, natti duulanii, anaafi maatiikoo miidhuu danda’anii…” inni jedhu sun anaaf herrega (calculation) miti. Ani Waaqayyoon nan amana, dhugaaf jedhee yoon gatii kaffale ammoo kaffaluun qaba amantiin jedhu na keessa jira. Haala kanaan yeroo tokko tokko murtiirratti qofaa nan hafan ture.

Keessumaa yommuun Adaamaa ture waa’illan koo “Dhimmi kun takka haa ilaalamu, rakkoo akkasii fiduu danda’a…” jechuun kaan yommuu murtoo faalleessan, kaanimmoo dhiisanii deeman, murtiin dhumaa kan koo waan ta’eef qofaakoo hafaa tureera. Wantoonni akkasii garuu waan nama muraasa (small circle) si waliin hojjetaniiti malee gaafa ummatatti ba’uu wantichi dhugaa waan qabuuf ummanni kallattiidhaan isaaf ta’uu baatullee si deggara; beekamtiis sii kenna.

Bariisaa: “Aadde Adaanach, ganama subii hojii seenu, halkan ammoo hanga sa’aatii 6:00faatti biiroo turu, Sanbatas Dilbatas hojiirra jiru” jedhama. Kun yeroo maatiif laachuufi jireenya hawaasummaa keessan hinmiidhu? Fayyaa keessaniifoo dhiibbaa hinqabuu?

Aadde Adaanach: Ani kanin yaadu ofii kootiif qofa hojjechaa hinjiru. Dubartii irra ilaalchi jiru cabuu qaba; fayyadamuu qabdi. Sana gochuuf ammoo waltajjiitti haasa’uu qofa osoo hintaane hojii kootiin agarsiisuun qaba. Kanaaf ammoo carraa argadhee waanin jiruuf miira ittigaafataummaatiinin hojjedha.

Yommuun xiiqiidhaan hojiikoo mo’achuuf hojjedhu jaalalli haadhummaa uumama waan ta’eef xiqqoosheellee na keessaa hir’atee hinbeeku. Kanaafani haala rakkisaa keessatti daa’ima koo baattadhee waltajjii gaggeessaa kaniin ture. Sababa hojiikootiin ga’een haadhummaakoo tokkollee hafuu hinqabu amantaa jedhu nan qaba. Kanaaf maatiikoof hamma danda’ameetti waan narraa barbaadamu inuman taasisaaf.

Asirratti deggarsai abbaa manaakoo olaanaadha; baay’ee na hubata. Ergan heerume boodadha digirii jalqabaafi lammataa kaniin baradhe. Bakkan dadhabetti na gargaara; na jajjabeessa. Ammammoo nama na jajjabeessuu baay’ifadheera. Ijoolleen koo naa qaqqabaniiru. Har’a hojiikoo irratti baay’ee na gargaaru. Waan dubbifamuufaa qindeessanii naa qopheessu.
Jireenya hawaasummaarrattis hanga danda’ame nan hirmaadha. Yeroon isaa dafee dafee ta’uu baatullee ollaafi firoottan koo waliin walitti nan deema. Bo’iichaafi cidhammoo yoo humnaa ol ta’e malee hinoolu.

Yeroo hedduu hojiirratti dabarsuun koo miidhaa fayyaarratti qabaachuu danda’a. Ani amma isa hinilaalu. Hamma hunduu bifa walfakkaatuun siistama keessa seenuutti fakkeenya ta’ee argamuun qaba. Har’atti utuu imimmaan dhangala’uu waa’ee wantoonni sii mijachuu yaaduu hinqabndu. Yommuu haalli daandii qabatummoo wanti hamma kan dhiibbaa uumu hinjiraatu. Animmoo akka dhaabaattis ta’e mootummaatti dirqamni natti kennameera.

Bariisaa: Inni biraa namoonni waa’ee keessan kaasan garaalaafettummaa keessan kaasu. Yommuu Adaamaa turtan halkan yommuu balaan lolaa ka’uu ummata bira deemuun jajjabeessitu. Kun maaliirraa madda laata?

Aadde Adaanach: Madaalliin keenya akka ulfaatuufi xiqqaatu kan taasisu numa. Ani dhugaa dubbachuuf yommuun waa tokko hojjedhee ummanni irraa tajaajilamu gammachuun koo olaanaadha; yoo ta’uu baate keessikoo ni miidhama. Kanaaf yoomiyyuu waan hawaasa gammachiisu hojjechuun barbaada. Ana qofa miti Adaamaa keessatti abbootiin qabeenyaafi qaamooleen hawaasa garagaraa hedduun na waliin halkan rooba keessa deemanii hojjechaa turan.

Hojjettooni na waliin hojjetan tokko tokko akkasitti hojjennee hinbeeknu jechuun haa komatan malee bara sana (2009) irraa eegalee hanga har’aatti lolaadhaan utuu hinbuqqa’iin manasaa ho’aa keessa ba’uun anaaf gammachuu guddaadha. Kanarraa kan hafe anaaf waan ulfaataadha jedhee hin yaadu; inni guddaan danda’uufi furmaata kennuudha.

Biiroo keessatti hojii kuufame hedduutu ture. Utuu hojjechuun danda’amuu hojii tuulamee ummata boosisaa ture baay’eedha. Waan xiqqoo hojjennee imimmaan ummataa haquu utuu dandeenyuu mana keenya teenyee ciree yookiin laaqana nyaannee, buna dhugnee galuurra ummata tajaajiluutu gammachuu namaa kenna. Ani dirqama koon ba’aadhe, ummatatu akka waan guddaatti ilaala malee.

Bariisaa: Ummanni yaada akkamii isinii kennaa ture?

Aadde Adaanach: Ummanni hinargu, hinmadaaluun soba. Baay’ee madaala. Al tokko tokko isa gumaachine caalaa nu jaja. Sababuma dhaggeeffanneef, nu arganiif qofa akka waan guddaa hojjenneeti yaadu. Yeroo tokko tokko sababuma rakkoosaanii dhaggeeffatteef “Wanti dhufneef nu jalaa salphate” jedhanii gammadanii deemu.

Yommuun Adaamaa ture warra karaarratti balfa gatee bo’oo duuchu ofumaan deemeen konkolaataakoodhaan qabee pooliistti yommuun geessu warri argan battaluma walitti himanii “Kanaa booda naannawaa keenya nutu eeggata” jedhanii hojiin na deggaru; ulfinas naa kennu.

Bariisaa: Aadde Daanach, hojii wayii namaa kennanii yoo raawwatamuu baate namaan oodu jedhama. Kana ofirratti beektuu?

Aadde Adaanach: Eeyyee beeka, sirrii akka hintaanes nan amana. Ani waa danda’ee waa hindhokfadhu kanaaf fuula koorraa beekama. Anaaf namni hojiisaa sirriitti hojjetu kamiyyuu taanaan akka aaanteetti ofitti dhiheessa. Nama hojii of harkatti tursee, yoo dadhabe “Deggarsi naaf haa taasifamu” jechuu osoo danda’uu hojii miidhu garuu garaan koo itti gadda. Utuu danda’amee isa hojjetus isa hinhojjennes ofitti qabuun narra ture, garuu jibbaaf miti.

Bariisaa: Erga gara Ministeera Galiiwwanii dhuftaniis keessumaa gama kontirobaandii ittisuufi to’achuutiin hojii jajamuu hojjetaa jirtu. Murtoo isin gama kanaan fudhattanis ni jajama. Waa’ee tibbana xiyyaara qarshii biyya alaa fe’ee balali’e deebisiisuurratti akkam ture?

Aadde Adaanach: Dhimma kanarratti qaamolee addaddaa waliin hojjenna. Daandii Xiyyaaraafi Dhimmi Odeeffannoo Biyyaa waliin hojjenna. Yommus caasaan anaaf waamamu gumrukiin daandii xiyyaataa naa gabaasnaan “Murtii kamiyyuu fudhachuuf of duuba akka hindeebine, isin cinaa jirran” jedheen, haala kanaan murtoon sun fudhatamuu danda’e.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Bitootessa 6/2011

Recommended For You

5 Comments to ““Sababa hojiikootiin ga’een haadhummaakoo tokkollee hafuu hinqabu” -Aadde Adaanach Abeebee”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *