Mana marii bakka bu’oota ummataa jijjiirama duraafi booda


Biyyi keenya eddii imala jijjiiramaa Ministira Muummee, Dorkar Abiyyi Ahmadiin durfamu eegaltee kunoo waggaa tokko guutuuf jetti. Yeroo kana keessatti waantonni ni ta’u jedhamanii hin yaadamne hedduun galmaa’aniiru.

Gaazexaan Bariisaas dhimmuma kanaan walqabsiisuun Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatti haala jijjiiramichi ittiin ibsamu hubachuuf filannoo biyyaalessaa bara 2007 adeemsifametti ummata Magaalaa Bishooftuu bakka bu’uun filatamanii Walittiqabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Nagaafi Dhimma Alaa, ta’anii tajaajilaa kan jiran Obbo Tasfaayee Dhaabaa haasofsiiseera.

Marsaa lammaffaaf ummata bakka isaan buufate tajaajilaa kan jiran Obbo Tasfaayeen jijjiiramniifi dadammaqinni akka biyyaatti galmaa’aa jiru miseensota Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa birattis bal’inaan mul’achuusaa eeruuni ibsasaanii kan eegalan.

Jijjiirma

“Jijjiiramni mul’ates garaagarummaa guddaa qaba. Sadarkaan manni marichaa irra jirus daran olka’eera. Miseensi mana marichaa sababoota adda addaatiin waan barbaade, waan ummanni yaadu, waan ummata fayyadu akka barbaadetti kaasaa jira. Kanaan dura maqaa naamusa paartiitiin xaxamnee turre” jedhu.

Ilaalcha

Oggaa dhimmoota tokko kaasan gara ilaalchaatti geeffamuun qoratamaa turre. Garuu akka yaadaatti naamusni ykn disiippiliinii paartii yoo barbaachisellee naamusichi ibsannaa yaadaa miseensaa kan daangessu ta’uu hinqabu. Ittigaafatamummaan miseensa tokkoo ummata isa filateef, sammuusaatiifi heeraaf ta’uun otuma beekamuu kun sirnaan hojiitti hiikamaa hinturre.

Naamusni paartii miseensi waan barbaade akka barbaadetti waan yaaduufi ummata fayyadu akka hinkaasne sakaallaa ta’ee turuusaafi kanaanis miseensi ija jabaatee dubbate qoratamaa tureera jedhu. Sababuma kanaan miseensi akka barbaadnetti dubbachaa akka hinturreefi fedhii ummataa guutuuf garaasaatti qabsaa’aa kan hinturre.

Jijjiiramichaas as garuu miseensi waan isatti fakkaate, waan ummata fayyadu kaasee kan deggaru deggaree kan mormu ammoo mormee kan sagalee kennuu hinbarbaadne otoo sagalee hinkenniin bahuun shaakalamaa jira.

Hordoffiifi to’annoo

Kanarrattis ministira muumme wajjin mariin gaggeeffamuusaafi miseensonni manni marichaa cimuu qabuurratti ejjennoo gaariin jira. Yeroo hordoffiifi to’annoon taasifamu walta’iinsarratti akka hundaa’amuufi manni marichaa keessumaa koreeleen dhaabbiifi ministiroonni ykn ittigaafatamtoonni hojii dhimmi ilaallatu waliigaltee akka raawwatan taasifama.

Waliigalticharratti hundaa’uunis raawwachiistota raawwiin hojiisaanii dadhabaa ta’erratti manni marichaa tarkaanfii akka fudhatu ministirri muummeen waadaa nuu galuusaaniis ni eeru. Kanarratti hundaa’uunis miseensi waan ummanni barbaadu waltajjiitti baasaa baasaa waan jiruuf adeemsa miseensota mana marichaa si’anaafi duraanii jidduu garaa garummaa guddaan jira.

Sirni madaallii raawwannaa hojii ministirootaa bahuuniifi sadarkaadhaan fo’amuun manni marichaa to’annoofi hordoffiisaa haala addaatiin geggeessa.

Miseensonni mana marichaa waan ummanni barbaadu, waantota heerarra jiraniifi sammuunsaanii itti amane kaasaanii iftoominaan irratti mari’ataa jira. “Adeemsa duraatiin garuu haala kanaan deemuun hindanda’amu ture. Haala amma ta’aa jiru akka injifannoo guddaatti fudhanna. Miseensonni warruma duraa ta’anis waan onnachiistuun duuba jiruuf bilisummaadhaan akka hojjennu nu taasiseera”.

Falmiifi qoratamuu

Falmii ho’aa yeroo dhiyoodhaa as mana marichaatti mul’achaa jiru. Fakkeenyaaf, “Al tokko ministirri duraan Ministeera Industirii hogganaa turan maallaqa ramadameef seera faayinaansii malee akka bahu taasisan. Ministirichi maallaqa ramamdameef akka barbaadetti fayyadamuu akka danda’u kaasee falmaa ture”. Isaanis kanumarraa ka’uun, “Gorsaa gaarii sirna baasii faayinaansiirratti beekumsa gahaa qabu hinqabdu malee seerri keenya akkas hinjedhu jedheen falme”.

Obbo Tasfaayeen adeemsa maallaqni itti bahe qeequusaaniitiin waltajjii biraarratti maaliif akkanatti falmite jedhamamanii naamusa siyaasaatiin qoratamuusaanii ibsu. Yeroo maastar pilaaniidhaan walqabatee mormiin geggeeffamaa ummata mariisiisuu dhabuun walqabatee yaadan dhimma babal’ina ibdustiriifi buqqa’uu qonnaan bulaarratti kaaseen yaada Doktar Mararaafaa tarkaanfachiista jedhamanii akka qoratamanillee ni dubbatu.

Falmiin mana marichaatti miseensonni taasisan sirnaan ummata bira qaqqabaa akka hinturrellee ibsuun, “Amma garuu daran nutti tolaa jira. Ummannis sirriitti nu hordofa. Jabaadhaa jedhee nu onnachiisaa jira. Naamusni paartii jiraatus namoonni ejjennoodhaan falmaa turan jiru. Namoota sana keessaa ani tokko. Haalli amma keessa jirru namoota akka koo ejjennoo qabatanii ija jabinaan qabsaa’aafi falmaa turaniif daran mijataadha” jedhu.

Mirga himatammaafi haaloo

Akka ibsa walittiqabichaatti, Mirgi himatamummaa miseensotaa seeraan ala ykn haala iftoomina hinqabneen ergama biraatiif akka hinoolleef ifatti falmiin geggeeffamaa ture. Keessumaa miseensi tokko adeemsa turerratti ejjennoodhaan waan falmeef isa haaloo bahachuuf jecha sababa irratti barbaadanii mirga himatamuu dhabuusaa irraa mulqanii mana hidhaa galchuu waan barbaadaniif shirri xaxamaa ture. Nama kanarratti waanti amansiisaa ta’e waan hinargamneef gaafa mirgasaa irraa mulquuf qophaa’amu ifatti morman.

Yaadni murtii koree dhaabbii dhimma seeraatiin dhiyaates akkaataa qajeelfama ykn danbiin mana marii ajaju kan hordofe waan hinturreef sirrii hinturre. Sababa nama kana mirga irraa muqlisiisu tokkoyyuu hinarganne. Kun sirrii waan hintaaneef ni mormina jedhanii keessumaa miseensonni DhDUO duraanii ODP ammaa hundi ni morman. Miseensonni ADOs gartokkeen falmaniiru. Yaadichis haaluma kanaan kufe.

Bariitusaa garuu koreelee dhaabaatiin qoratamaniiru. DhDUO qofaatti, ADPn qofaattii, qoratamanii ti qoratamanii akka dhiifama gaafatan taasifaman. Dhumarratti gaafa Kamisaa kufaa goonee gaafa Jimaataa mirgaa addaa himatamuu miseensasaanii irraa ka’uuf ture jalaa miliqsan.

Naamusa paartii

Obbo Tasfaayeen dhimma kanarratti ibsa kennaniin akka jedhanitti , naamusni paartii kun hanga mana maree ADWUItti akka dubbii tokkootti galeeti, imaammata mootummaa irratti namni tokko haa hidhamu moo hinhidhamin jedhuratti falmii guddaatu ture.

Namni tokko himatamuu hinqabu ykn mirgi addaa isaa ka’uu hinqabu jechuun imaammataa waliin maaltu walitti fida falmaa turan. Hanga sanatti naamusa paartiitiin akka barbaanne akka sammuufi heerarratti sosho’uu akka hindandeenye baay’ee isaan rakkisaa ture.

Saansurii

Paarlaamaan akkasitti falmuusaa ummatni odeeffannoo gahaa qabaachaa hinturre. Sababnisaas miseensa boordii Biroodkaastiingii waliin walitti dhufanii dhimmootni paarlaamaarratti ka’an hunda utuu hintaane kan isaan barbaadan qofti darbaa waan tureefi. Kanaaf saansuuriin jira jechuudha.

Kun maaliif akkas ta’a jennee waltajjiiwwan adda addaa irratti yeroo kaafnu deebiin nuuf kennamee “Waanti ykn dhimmi isin kaaftan hundinuu nurratti miidhaa waan qabuufi”. Nuti paartii tokko waan taaneef mormitootaaf ykn diinota keenyaaf karaa banuudha kanaafuu yaadni isin kaaftan saansuurii ta’uu qaba jedhamaa turan.

Falmii waa’ee Korporeeshinii Sukkaaraatiin walqabatee gaazexeessaan gaazexaa dhuunfaa tokko galee waa’ee dhimmichaa gabaasnaan qorannoon geggeeffameera. Yeroo ammaa garuu gaazexeessaan miidiyaalee mootummaas ta’e dhuunfaa akka barbaade galee gabaasuu danda’a.

Meeteek

Meeteek yeroo qoratamu yaadonni amma irratti ka’an yeroo sanas ka’aa turaniiru. Korporeeshiniin Sukkaaraas gabaasa yeroo Koree Dhaabbiitiif dhiyeessu sababa maaliitiif karoorri keessaniifi raawwiin keessan wal hinsimne jedhamnaan geggeessitoonni korporeeshinichaa sababa quufsaa hintaane kennaa turan. Hojii utuu hinxumurin garuu maallaqa barbaachisu hunda fudhateera.

Kabajama mirgaa

Gabaasni Ministeera Haqaa dhiyaataa turerratti yaadni bal’aan ka’eera. Mirga namaa kabachiisuun, mirga hojjettootaafi abbootii alangaatiin hojiiwwan karoorfamanii hinraawwatamnerratti yaadonni bal’aan ka’anii turan.

Kanaan walqabatee yeroo tokko oduu galgala ‘EBC’ sa’aaatii 2:00 irratti waanti ani dubbadhe darbee ture. Namoonnis naa bilbilanii ‘gaarii gootan’ naan jechaa turan. Daarikteroota miidiyaa geggeessaniifis bilbilameetu oduun sun saa’aatii 4:00fi irratti akka irra hindeebi’amne dhorkame. Oduchi ganamas akka irra hindeebi’amne taasifame.

Qabsaa’uu miseensotaa

Miseensi akka jedhamu harka baasuu qofa otoo hintaan keessatti ni qabsaa’a. Miidiyaaleen carraa kana argatan adeemsichaa gabaasaa turaniiru.

Ummata waliin walquunnamuun kan danda’amu yoo miidiyaan jiraateedha. Tattaaffii miseensi taasisu yoo miidiyaan ummataaf dhiyeesse gaariidha. Duraan waan ofii barbaadan malee waan ummatni barbaaduufi heerri jedhu kaasuun rakkisaa ture

Maqaa magaalota Oromiyaa

Waliigalteewwan biyyoota adda addaa, Baankii Addunyaa, ‘IMF’ wajjin waliif mallatteessinurratti maqaa Adaamaa ‘Naazireet’, Bishooftuu ‘Dabira Zayit’, Bulee Horaa ‘Haagara Maariyam’, ‘Baatuu’ Ziwaay, jedhamee dhufaa ture.

Magaalonni kunneen maqaa kiristinnaa isaaniitiin maaliif waamamu? Aangoon naannolee heeraan kenname kabajamuu qaba jedheen falmaa ture. Waliigaltichi gara maqaa naannoleen moggaafataniitti jijjiiramee dhiyaachuu qaba jennee falminee deebisaa turre. Gabaasarrattis akka heeraatti waamamuu qaba jennee sirreessisaa turre.

Adeemsa ammaa

Paarlaamaan qooda hojii sadii qaba. Isaanis seera tumuu, ta’annoofi hordoffii akkasumas hojii bakka bu’ummaa ummataati. Kanaaf hojiileen kunniin ammaan tana kan hojjetaman ofitti amanamummaa guddaadhaani. Qaama jijjiiramaa kanaan kallattiin kaa’ameef jira. Kutattummaan siyaasaa sun akka wabii tokkootti hojiileen kunniin qalbiidhaan akka hojjetaman taasisaa jira. Fakkeenyaaf muudama walitti qabaa koreewwaniirratti dhimmoonni ilaalaman jiru. Yeroo kana miseensi abalufaa ta’uu hindanda’an jedhee falmuun hamma sagaleedhaan kuffisuutti gahameera.

Dur kun hinturre. Duraan kan paartiin ykn mootummaan muudamaaf dhiyeesse kuffisuun hin yaadamu ture. Yoo yaadamellee akka ilaalcha addaatti fudhatama ture. Miseensi mormuu yaale ni qoratama dabees tarkaanfiin irratti fudhatama. Kanarratti Doktar Abiyyi miseensi kan barbaade muuduu, kan hinbarbaadne ammoo kuffisuu akka danda’u mirga guutuu akka qabu ibsan. Mirgichis heeraan kan kennameedha.

Murtiiwwan kanneen ammoo akka geggeessaa biyyaatti ni fudhanna waan jedhu miseensotaaf waadaa gale. Kun ofitti amanamummaa nama gonfachiisa. Amma labsiilee bahan kan deggaru ni deggara kaan ammoo ni morma, ejjennoo qabachuuf mirga guutuu qaba jechuudha.

Amma akka durii labsii tokko sagalee guutuudhaan raggaasisuun hinjiru. Namni qoratamus hinjiru. Dur yoo waan tokko mormite maaliif akka mormite qoratamuun tureera. Amma haala gaariidhaan bilisummaadhaan hojjetaa jirra. To’annoofi hordoffiirrattis waan guddaa hojjetaa jirra.

Fakkeenyaa Tajaajilli Tikaa Biyyaalessaa seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif to’annoofi hordoffii eegalle. Ani waggoota jahaa oliif koree dhaabbii kana geggeesseera. Daarektara duraanii tajaajilichaa ijaan argee hinbeeku. Ittaanaasaatu gabaasa dhiyeessaa ture.

Danbii ittiin bulmaata miseensota mana marichaarratti geggeessaa olaanaan koree dhaabbii fuulduratti dhiyaatee gabaasa hojiisaa akka dhiyeessuudha kan tume. Bakka buusuun kan danda’amu yoo humnaa ol ta’e afyaa’ii mana marichaatiin hayyamsiiseeti. Yoo afyaa’ichi hayyame qofa ittaanaansaa bakka bu’a.

Seerri kun ministirootarratti ni hojjeta. Daarektara kanarratti garuu hinhojjenne. Yoo maaliif dhufuu dide jennee oggaa gaafannu qoosamaa ture, “Isa moo gabaasasaa barbaaddu. Yoo isa barbaaddan Sharaatan deemaatii oggaa inni daaku argattu” jedhamaa turre. Yoo Sharaatan dhaqnes fuulasaa agarree hoo hinbeeknufaa jennee qoosaa turre jedhan.

Hanqina

Amma haaluma gaariidhaan to’annoofi hordoffii waajjiroota hundaa geggeessaa jirra. Amma hanqinni deggarsa ogummaatu jira. Kun karaa mana marichaatiin nuu guutamaa hinjiru. Dameelee adda addaarratti gorsitoonni ciccimoon jiaachuu qabu. Kun karaa mootummaa guutamuu qaba. Kanarraa kaaneeti hordoffiifi to’annoon keenya guutamaa miti kan jenneef.

Raawwii hojii karoora guyyoota 100

Gama kanaan tokkoffaadhaan karoorarasaa kan raawwate Ministeera Ittisa Biyyaati. Lammaffaan Ministeera Nageenyaati. Sadaffaan Ministeera Dhimma Alaati. Raawwiin waajjiraalee kanneenii daran gaariidha. Keessumaa kan Ministeera Ittisa Biyyaa daran milkaa’aadha. Riifoormiirratti hojii guddaa hojjeteera ministeerichi. Riiformicha keessaa miseensa raayyichaa miseensummaa paartii kamuurrayyuu akka bilisa ta’u taasiseera.

Humni galaanaa akka dhaabatuuf kutannoodhaan hojjetameera. ‘Armii saayibariirrattis’ hojii guddaan hojjetameera. Madaalliin sabootaa raayyicha keessa tures sadarkaalee hundatti Itoophiyaa akka fakkaatu hojjetamaa jira. Kunis amanummaa raayyichaa ni guddisa. Ummanni akka kansaa taasifatu gargaara. Kunis milkaa’inaafi injifannoo guddaadha.

Gama Ministeerri Dhimma Alaatiinis jijjiiramaa as hojiilee guguddoo heddutu raawwatame. Kanaafis araara Itoophiyaafi Ertiraa eeruun ni danda’ama. Sudaan Kibbaatti nageenyi akka uumamu kan taasifames mootummaadhuma jijjiiramaa kanaani. Nagaafi tasgabbiin Somaaliyaa akka mirkanaa’uuf tattaaffiin taasifame daran bu’aa qabeessa.

Walumaagalatti hariiroon biyyi keenya Ijibti dabalatee biyyoota biroo wajjin qabdu akka fooyya’u ta’eera.
Riiformiin hirmaachisaa ta’es waajjirichatti hojiirra ooleera. Waajjirichi akka Itoophiyaa fakkaatuuf haala gaariidhaan hojjetameera. Kunis dhaabbilee deggartootaafi biyyoota adda addaatti abdii uumeera.

Gareeleen meeshaa waraanaa hidhatanii waraanarra turan biyya galuun, qaamoleen shororkeessummaan moggaafamani turan bilisa bahanii akka gara biyyaa dhufan taasifamuun, Kaataar dabalee lammiileen kuma 62 ol biyyoota adda addaatti mana hidhaa keessa turan akka gadilakkifaman gochuufaan hojiilee ijoo Ministeera Dhimma Alaa keessatti hojjetamaniidha.

Haaraa ta’us Ministeerri Nageenyaa waajjiraalee isa jala dabalatee gama ergama kennameef hojiirra oolchuutiin tattaaffii cimaa taasiseera. Ammas nageenya biyyattii mirkaneessuuf sochii guddaa taasisaa jira.

Nageenya tikfachuu

Walumaagalatti ummanni nageenyaasaa tokkummaadhaan tikfachuu akka qabu, ummannis olaantummaa seeraa kabachiisuuf yeroo kamuu caalaa kutattummaan socho’uu akka qabu dhaamaniiru. Murtiin sadarkaa federaalaatti darbe naannoo tokkotti hinkabajamu yoo ta’e haalichi hiikaa biraa qabaachuu waan maluuf itti yaadamuu qaba jedhaniiru.

Dhimmoota akkanaarratti mootummaan xiyyeeffannoo kennee akka sirraa’u gochuu qaba. Mootummaan dhimma olaantummaa seeraa kabachiisuurratti araarama tokkollee agarsiisuu hinqabu. Sirni federaalizimiis haaluma heerarratti eerameen hojiirra akka ooluuf muutummaan cichee hojjechuu qaba.

Charinnat Hundeessaatiin
Bariisaa Bitootessa 6/2011

Recommended For You

5 Comments to “Mana marii bakka bu’oota ummataa jijjiirama duraafi booda”

  1. Pingback: indovip login
  2. I know a lot of folks whom I think would really enjoy your content that covers in depth. I just hope you wouldn’t mind if I share your blog to our community. Thanks, and feel free to surf my website UQ8 for content about Thai-Massage.

  3. Pingback: Gifts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *