Itoophiyaafi Faransaay dhimmoota adda addaarratti waliin hojjechuuf walii mallatteessan

Finfinnee: Pirezidaantiin Faransaay, Imaanu’eel Maakroon daaw’annaa hojii guyyoota lamaa Itoophiyaatti taasisuun Roobii darbe gara Naayroobii qajeelan.

Pirezidaantichi Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyy Ahimad waliin dhimmoota fooyyessa faayinaansiifi diinagdee, kunuunsa hambaalee, ijaarsa dandeettii raayyaa ittisa biyyaafi invastimantiirratti waliin hojjechuuf waliigalteewwan walii mallatteessaniiru.

Itoophiyaan humna raayyaa galaanaafi qilleensaa cimaa ijaaruu barbaaddi kan jedhan Doktar Abiyyi, waliigalteewwan taasifamanis biyyootni lameen dhimma kana irratti akka waliin hojjetan kan taasisu ta’uu himaniiru. Akkasumas abbootiin qabeenyaa Faransaayis gara Itoophiyaa dhufanii bal’inaan hojiilee invastimantii irratti akka hirmaatan kan taasisuudha.

Akkasumas hariiroo biyyoota lameenii daran kan cimsu ta’uu himaniiru.
Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel gama isaaniitiin akka jedhanitti, Itoophiyaa keessatti nageenyi amansiisaan akka jiraatuuf deggersa barbaachisu kan taasisan ta’uu himanii, hariiroo biyyoota lameenii gama hundaan cimee akka itti fufu taasisuuf kan hojjetan ta’uu himaniiru.

Hambaalee Itoophiyaa eeguufi kunuunsuufis mootummaa Itoophiyaafi abbootii amantii waliin ni hojjenna kan jedhan pirezdaantichi, hambaalee biyyattii kunuunsuun deggersa maallaqaa, teekinikaafi ogumma kan taasisan ta’uu himaniiru.

Walta’iinsa dinagdee biyyoota lameenii cimsuudhaaf karaa Ejensii Misooma Faransaay liqii yuuroo miliyoona 85 akkasumas yuuroo miliyoona 15 ammoo jijjiiramoota Itoophiyaa keessatti mul’ataa jiran deggeruuf kan kennan ta’uu himaniiru pirezdaantichi.

Inistitiyuutiin Teeknooloojii Saayinsii Ispeesii Ityoophiyaafi Wiirtuun Qorannoo Biyyoolessaa Faransaay saayinsii hawaa irratti waliin hojjachuuf waliigaltee irra gahaniiru.

Pirezidaantichi iddoo seena qabeessa hambaa bataskaanota Laallibalaa daawwataniiru. Hambicha suphuu, eeguufi kunuunsuufis deggersa barbaachisu kan taasisan ta’uu himaniiru.

Kaayyoo guddaan daawwannichaas michummaa biyyoota lameenii cimsuuf akka ta’e himameera.

Bariisaa Bitootessa 6/2011

Recommended For You

5 Comments to “Itoophiyaafi Faransaay dhimmoota adda addaarratti waliin hojjechuuf walii mallatteessan”

  1. Pingback: her response
  2. Pingback: Dan Helmer
  3. Link pyramid, tier 1, tier 2, tier 3
    Level 1 – 500 connections with inclusion inside compositions on article sites

    Level 2 – 3000 web address Rerouted references

    Level 3 – 20000 connections assortment, posts, posts

    Implementing a link hierarchy is useful for online directories.

    Require:

    One reference to the website.

    Key Phrases.

    True when 1 query term from the content subject.

    Note the extra functionality!

    Important! First-level hyperlinks do not overlap with Tier 2 and Tier 3-order references

    A link hierarchy is a instrument for elevating the movement and referral sources of a website or social media platform

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *