Nageenyi nama dhuunfaaf, maatiifi biyyaaf murteessaadha. Yoo nageenyi hinjirre namni ba’ee galuu, hojjetee ofiifi maatiisaa jijjiiruu akkasumas, humna qabu dugugee fayyadamuun biyyasaatiif waa gumaachuu hindanda’u. Walumaagalatti nageenyi mana keessatti, manaa alatti, bakka hojiifi sochiilee dhala namaa kamuu keessatti bakka olaanaafi dursaa qabaata.
Wanti dhala namaatiif daran barbaachiisaa ta’e kun ammoo umurii, korniyaa, amantii, lammummaa, sabummaafi kkf osoo addaan hinqoodiin hundumaaf barbaachisaadha. Dhala namaarra darbee lubbuu qabeeyyii kaaniifiyyuu nageenyi akka fedhii bu’uuraatti kan ilaalamuudha. Namni gaafa bulee ykn oolee ykn turee wal argu jalqaba “Nagaa ooltanii, bultanii, nagaa jirtuu” jedhee kan walgaafatuufis kanumaafi. Nageenya kana nama dhuunfaarraa eegalee hanga biyyaatti eegsisuufi kabachiisuuf xiyyeeffannaan kan itti kennameefis ka’umsuma kanaani.
Nageenyi mana keessaa ka’a. Yoo maatiin nagaa ta’e ollaan, naannawaan nagaa ta’a, naannawaan nagaa taanaan magaalaa, magaalaan nagaa taanaa, godinni, godinni nagaa taanaan biyyi, biyyi nagaa taanaan addunyaan nagaa taati. Kana keessatti immoo qoodni dubartootaa olaanaadha.
Dubartiin haadha, haadha manaa, obboleettii, mucaadha. Namni immoo uumamaan kanneeniif jaalalaafi kabaja guddaa qaba; waan isaan jedhanis ni dhaga’a. Kanaaf dubartoonni nageenya eegsisuu keessatti qooda olaanaa qabu.
Guyyaa kabaja guyyaa dubartoota addunyaa ‘March 8’, akka addunyaatti yeroo 108faf akka Itoophiyaatti ammoo yeroo 43faf qopheessummaa Federeshinii Dubartoota Oromiyaafi Itoophiyaatiin Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti kabajamerratti argamuun barreeffama marii kan dhiheessan barreessituufi qorattuun seenaa Doktar Ambaasaaddar Tizzitaa Mulgeetaa akka jedhanitti, nageenyi bilisummaafi haqaan adda baafamee hinilaalamu. Qabsoo dubartoonni bilisummaasaanii kabachiisuuf taasisan nageenya kabachiisuutiin adda baafames hinilaalamu.
Olaantummaan dhiirotaa ykn sirni abbummaa nageenya fiduurra kan booressu ta’uu falmattoonni mirga dubartootaa akka dubbatan eeranii, kanaaf nageenyi biyyaa akka dhugoomuuf walqixxummaa dubartootaa mirkaneessuun furmaata ta’uu himu. Haala qabatamaa Itoophiyaatiinis kan ta’aa ture kanuma. Cunqursaan korniyaadhaan, amantiidhaan, gosaaniifi eenyummaadhaan, balaa uumamaafi kkf’dhaan ta’aa ture madda waldhabdee tureera jedhu.
Nageenyi akka addunyaattis ta’ee akka biyyaatti bakki guddaan kan itti kennamuufi bu’uura hundaa ta’uu kaasanii, bakka nageenyi hinjirretti garuu waa’ee guddinaa mitii waa’eedhuma jiraachuu yaaduunuu rakkisaa ta’uu himu. Nageenyi dhibuun rakkoo biyyaafi nama hundaa ta’uus dubartoonniifi daa’imman akkasumas, maanguddoonni miidhamtoota kallattii akka ta’an dubbatu Dr. Tizzitaan.
Akkasaan jedhanitti, keessumaa dubartoonni haala sadiin nageenya waliin hariiroo qabu. Inni jalqabaa midhamtuu haadhaa (The sufering mother)taati. Inni lammataa qaama walitti bu’iinsaa (Out sider), inni sadaffaan nagaa fidduu (Peace maker/ change agent) ta’u jechuudha.
Bakka nageenyi hinjirretti adda durummaadhaan dubartiin miidhamtuu haadhaa taati kan jedhamuuf daa’imman qabattee kan baqattu, kan gudeedamtuufi rakkoo caaluuf kan saaxilamtu ishee waan taateefi jedhu.
Sadarkaa addunyaatti, keessumaa ardii Afrikaa keessatti walitti bu’iinsonni waliinii hedduu uumamuusaanii kaasanii, waraana Koongootti taasifamee qofaattillee dubartootaafi daa’immaan kuma 200 caalan miidhamuunsaanii akka agarsiisaatti ka’uu akka danda’u ibsu.
Kana malees yommuu walitti bu’iinsi uumamu ittigaafatamummaan dachaa dubartiirra akka ta’u kan himan Doktar Tizzitaan, taateewwan akkasii yommuu uumaman dhiironni abba warraa ta’an gara waraanaafi nagaa kabachiisuutti yoo bobba’an deeman maatii kunuunsuufi eeguun ittigaafatama dubartootaa isa dabalataa ta’a; kunimmoo dhiibbaawwan adda addaatiif akka saaxilaman isaan taasisa jedhu.
Akka ibsa barsiistuufi qorattuu seenaa kanatti, yommuu waldhabdeen uumamu dubartoonni qooda olaanaa isaan qaban araarsuudha. Mariiwwan waldhabdee hiikuurratti adda durummaan hirmaachuu danda’u. Fakkeenyaaf wayita warri Naayijeeriyaa Ingiliiziin kololneeffataman bilisa ba’uuf dursummaan kan tattaafatan dubartoota.
Itoophiyaattis injifannoo Adwaarratti waliigalteen Wucaalee wayita mallatteeffame biyyattiin bittaa sirna kolonii jalatti kufti jechuudhaan dursiitee yaaduun kan falmiite dubartiidha. Waraanaa gaggeessuun alattis loltuuwwan asmaarii 150 caalan fuutee dhaquun kaka’umsaan waraananii akka injifataniif shoora olaanaa taphatteetti.
Akka waliigalaatti dubartoonni Itoophiyaa aadaafi duudhaa hedduu waliin kan jiraatan waan ta’eef nageenya eegsisuun isaaniif hojii guyyuu ta’uu ibsanii, kanarraa ka’uunis aadaa walitti bu’iinsa hiikuutiin akka badhaadhaniif carraa uumeeraaf jedhu.
Biyyattiitti afaanota adda addaatiin yommuu ijoolleef maqaan moggaafamu yeroo baay’ee dubartootaaf kan bahuu waan nageenya, jaalala, fayyaafi bareedina waliin walqabatu yoo ta’u, dhiirotaaf garuu baay’inaan waan haaloo ba’uu, waa doorsisuu, bituufi kkf waliinwalqabatan ta’uu kaasanii, kun hammam dubartoonni nageenya waliin hidhata akka qaban akka agarsiisu addeessu.
Walumaagalatti, dubartoonni uumamuumaan nageenya waliin hariiroo waan qabaniif adda durummaadhaan hirmaatu. Kanaafi, imalli nageenyaa dubartoota hirmaachise milkaa’aadha kan jedhamuuf.
Saamraawiit Girmaatiin
Bariisaa Bitootessa 6/2011
3 Comments to “Dubartootaafi nageenya”