Biyya duroomte ijaaruun warraaqsa dinagdee finiinsuu gaafata


Finfinnee: Hayyootnii, xiinxaltootni siyaasaa, artistootni, abbootiin qabeenyaa, qeerroofi qarreen, qabsaa’otni siyaasaa, hoggantootni paartilee siyaasa Oromoo, bakka bu’ootni bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaafi keessummoonni waamichi taasifameef biroon Dilbata darbe sa’aatii 2:30 irraa kaasee galma Giddugala Aadaa Oromootti walgahaniiru.

Dhimmi walgahaniif Faawundeeshinii Jaal Guutamaa Hawaas (Jamaal Roobalee) hundeessuu yaa ta’u malee kaayyoonsaa inni guddaan karaaleefi tooftaawwan warraaqsa dinagdee Oromoo eegalamee jiru itti finiinsuun  danda’amurratti mari’achuun kallattii kaa’uu ture.

Waajjira Giddugaleessa ODPtti Hogganaan dame yaadaafi qunnamtii ummataa Obbo Taayyee Danda’aa waltajjicharratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, ummatni Oromoo sirnoota darbanirraa kaasee karaa fagoofi bu’aa bahii hedduu keessa darbuun har’a gahe. Imala kana keessatti ammoo waa’ee mirgasaa falmachuuf jecha dhiigasaa dhangalaasuuniifi lafeesaa cabsuun aarsaa hedduu kaffalaa kan tureera.

Waggoota shanii as garuu qabsoo hadhooftuu qeerroofi qarreen, hayyootniifi artistootni taasisaniin  ijjiiramoota har’a mul’achaa jiran galmeessisuun kan danda’ame ta’uusaa dubbatan. Jijjiirama gama siyaasaan argame ammoo dinagdeetiinis tumsuun murteessaa waan ta’eef, mootummaan naannichaa hoggansa ODPtiin durfamu tattaaffii olaanaa taasisaa tureera; har’as gochuurratti argamuusaa eeraniiru.

Bara darberraa kaasee kallattii addaddaan warraaqsi dinagdee gama geejibaan, bu’uuraalee misoomaan, daldalaafi kkfniin kan eegalame ta’uu himanii, caalaatti ammoo tooftaawwan garagaraa fayyadamanii finiinsuun murteessaadha jedhan.

Maqaa Jaal Guutamaa Hawaasiin faawundeeshiniin hundaa’uunsaas warraaqsa hawaas-dinagdee kan sochoosu waan ta’eef faayidaansaa daran olaanaa ta’uullee eeraniiru. Hoggansi ODPs gama danda’ame hundumaan faawundeeshinichaaf deggarsa taasisuun kaayyoon gootichaa galmaan akka ga’uuf ni tumsa  jedhan.

Ummatni Oromoo marti haala mijataa jirutti fayyadamanii humna dinagdee horachaa deemuun dirqama dha jedhan. Kanaaf ammoo kutaaleen hawaasaa marti haala qindaa’aa ta’een ijaaramanii hojii ija qabu hojjechuu akka qaban dhaaman. Hayyuu dureen Adda Bilisummaa Oromoo Qaama Ce’uumsaa, Obbo Galaasaa Dilboos gamasaaniin akka jedhanitti, qabsaa’otni siyaasaa gabrummaafi hacuuccaa ummata Oromoorra gahaa ture falmuun dararfamaa turaniifi lubbuusaanii dhaban hedduudha.

Jaal Guutamaa Hawaasis bara jireenyasaa osuma Oromoof falmuu adeemsa keessa sirna mootummaa wayyaaneetiin lubbuunsaa akka darbu ta’eera jedhan. Kaayyoo qabsoosaa galmaan ga’uuf jecha  aawundeeshiniin hundeeffamuunsaas tokkummaa Oromoo cimsuurra darbee warraaqsa hawaas dinagdee akka finiinuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Kanaan booda Oromoon warraaqsa dinagdee kallattii hundaan jalqabamee jiru finiinsuutiin gaara hiyyummaa diiguun murteessaa akka ta’es yaadachiisaniiru. Hayyuu dureen ADO, Obbo Leencoo Lataas akka dubbatanitti, Jaal Guutamaa Hawaas nama murataa, gootummaa qabuufi dhugaa Oromoof falmu ture. Waa’ee qabsaa’ota Oromoo yoo kaasanis yaadannoofi bu’aan qabsoosaanii bal’aa waan ta’eef,  duuchumatti kallattii kaa’utu filatamaa jedhan.

Ammaan booda ummatni Oromoo bu’aa qabsoo siyaasaan argame dinagdeedhaan utubuuf yeroo kamuu caalaa qindoominaan hojjechuutu barbaachisaa jedhaniiru. Dinagdeen Oromoo cimee yoo hundee godhate malee hiyyummaafi wallaalummaa mo’achuun kan hinyaadamne ta’uu hubatamuu akka qabus  aamaniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Bitootessa 6/2011

Recommended For You

One Comment to “Biyya duroomte ijaaruun warraaqsa dinagdee finiinsuu gaafata”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *