Barattootni Oromiyaa sadarkaa ardiifi addunyaatti dorgomoo ta’aa jiraachuun ibsame

Asallaa: Barattoonni Oromiyaa sadarkaa biyyaa, ardiifi addunyaatti dorgomanii milkaa’aa kan jiran ta’uu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise.
Hoogganaan biirochaa, Doktar Tolaa Bariisoo sirna eebbaa Mana Barumsaa Qophaa’inaa Saaguree Godina Arsii, Aanaa Digaluufi Xiijjoo Magaalaa Saaguree Kibxata darbe raawwatamerratti haasaa taasisaniin, biirichi keessumaa waggoota lamaa as barattoonni naannichaa sadarkaa biyyaa, ardiifi addunyaatti dorgomoo akka ta’aniif xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Qormaata kutaa 12fa bara darbeetti akka biyyaatti dhiiraanis ta’e dubaraan qabxii olaanaa kan galmeessisan barattoota naannichaati. Dhiiraan barataa Caalaa Adaanee qabxii 700 keessaa 649, dubaraan barattuu Ayyaantuu Tashoomaa qabxii 625 galmeessisuun rikardii haaraa galmeessisaniiru.

Barattoonni kunneen yeroo ammaa qormaata akka addunyaatti kennamurratti qabxii olaanaa galmeessisuudhaan Yuunivarsitii Kooriyaa Kibbaa ‘Kaayisti’ jedhamutti barachuuf deemaniiru kan jedhan Doktar Tolaan, yuunivarsitichi yuunivarsitoota addunyaa kuma 10 olitti tilmaamaman keessaa Kooriyaa Kibbaatti sadarkaa tokkoffaa, Eeshiyaatti ja’affaafi addunyaa irratti 46fa irratti kan argamu ta’uu himaniiru.

Adaamaa irraa bara darbe qormaata kutaa 12fatti qabxii 590 kan galmeessifte barattuu Firawarqi jedhamtu yeroo ammaa qormaata sadarkaa addunyaatti kennamu qabxii 800 keessaa 790 galmeessisuudhaan gara Kaanaadaatti imaluuf jirti kan jedhanii, barattoonni Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa keessaa qabxii olaanaa galmeessisan keessaa ja’a pirojektonni isaanii akka Afrikaatti fudhatamee dorgommii ‘Naasaa’ jedhamu kan Amerkaatti geggeeffamurratti deemanii hirmaachuuf jedhu. Kan qofaa osoo hintaane barattoonni naannichaa yuunivarsitoota adda addaa keessatti Meediisiniifi Injineeriingii barataa jiran hedduunis qabxii sadii hanga afuriitti galmeessisaa kan jiran ta’uu himaniiru.

Biiroon Barnoota Oromiyaa naannicha dachee beektotaafi hayyootaa taasisuuf cimee hojjechaa jiran kan jedhan hooggantichi, barattoonni barumsa irra jiran biroonis qabxii olaanaa galmeessisuuf yeroo isaanii utuu hinqisaasessin sagantaa baafatanii sirriitti barumsasaanii hordofuufi qo’achuu akka qaban dhaamaniiru.

Barattoonni qabxii olaanaa akka galmeessisaniif gumaachi barsiisotaa, maatiifi hoggantoota barnootaa olaanaa ta’uus dubbataniiru.
Biiroon Barnoota Oromiyaa yeroo ammaa manneen barnootaa kuma 16 ol keessatti barattoota miliyoona 9.6 barsiisaa kan jiru ta’uu himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatii

Bariisaa Bitootessa 6/2011

Recommended For You

3 Comments to “Barattootni Oromiyaa sadarkaa ardiifi addunyaatti dorgomoo ta’aa jiraachuun ibsame”

  1. Pingback: Firearms For Sale
  2. Pingback: fuckgirl

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *