Akkaadaamiin Leenjii Kubbaa Miilaa Amboo xiyyeeffannaa barbaada

Amboo: Dhaloota haaraa kunuunsa taasifamuufi qabu keessaa inni tokkoo qaama cimaafi sammu ifaa akka horatuutti gaaddisa ispoortii jalatti walitti qabuun leenjiisuun barbaachisaadha.

Sochii misoomaa damee ispoortii kanaa fiixan baasuuf qaamnni tokko jiraachuu mala. Kanaaf akka fakkeenyaatti kan eeramu Jiddugaleessa Akkaadaamii Leenjii Kubbaa Miilaa Amboo ”Goal FIFA” kan magaalaa Ambootti argamuudha.

Akkaadaamiin kun bara 1999 dhagaan bu’uuraa kaa’amus mootummaa federaalaatiin hojjetama jedhamee eegamus osoo hinhojjetamin turuusaati gaaffii ummata magaalaa Amboofi naannawasheetiin bara 2000 mootummaa Oromiyaatiin qarshii miliyoona 24n hojjetame.

Pirojektichi waggoota shan keessatti xumuramee hojii kan jalqaba bara 2006 akka ta’e Daarektarri akkaadaamichaa Obbo Mul’isaa Lammeessaa kan addeessan.

Akkaadaamichi yeroo jalqabaatiif leenji’amtoota kubbaa miilaa marsaa duraa 60 (dhiirota 30fi dubartoota 30) guutuu Oromiyaarraa filatee simachuun waggoota sadiif leenjisee eebbisiisuusaa kan mul’isan daarektarichi, ammaan tanas leenji’amtoota marsaa lammaffaa leenjisaa jira jedhaniiru.

Akkaadaamichi ammaan tana dargaggoota umrii 17 gadii kubbaa miilaatiin torbanitti guyyoota shaniif leenjisaa akka dirreetti, torbanitti ammoo al lama kutaa keessatti barsiisaa jira jedhu.

Akka ibsasaaniitti, dargaggoonni akkaadaamichaa leenjiisasaanii xumuranii bahan kilaboota adda addaatti makamuusaanii malee biyyattii bakka bu’uudhaan garee biyyaalessaaf taphataniiru.

Akkasumas taphattoonni Brakat Dastaafi Geetuu Hayilamaariyaam jedhaman garee biyyaalessaaf filatamuun garee Misiraafi Kaameeruun wajjin taphachuusaaniis muldhisaniiru.

Akkaadaamiin dargaggoota abdii kubbaa miilaa biyyattii boruuf wabii ta’an burqisiisuuf daandiirratti argamu kun hanqina bajataatiin kaayyoosaa galmaan gahuuf rakachaa jiraachuus eeraniiru.

Akka ibsa Obbo Mul’isaatti, akkaadaamichi waan sarvisii hinqabneef leenji’amtoonni wayita dhukkubsatan, taphaaf wayita nanaanna’an baajaajifi taaksii kireeffachuudhaan waan deddeebi’aniif rakkina guddaa keessa turaniiru.

Akkaadaamichi boordiidhaan bulus xiyyeeffannaa wayiituu waan hinarganneef qaama iyyata itti dhiheeffannu hinqabnu jedhan. Rakkinni kun akkanatti itti fufnaan firiin akkaadaamicharraa eegamu hinjiru jedhu.

Koreen boordichaa miseensota Komishinii Ispoortii Federaalaafi Oromiyaa, koree Olompikii biyyaalessaa, federeeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa, Yunivarsitii Amboofi Biiroo Barnoota Oromiyaarraa kanneen walitti bahan yoo ta’u, guyyaa tokkollee dhufanii rakkinasaa dhageeffatanii hinbeekan jedhameera.

Akkasumas pirojekitichi maqaa (”FIFA”)n hundeeffamuudhaan gargaarsis achi argama jedhamus federeeshiniin kubbaa miilaa Itoophiyaa fandii argamuuf gufuu nutti ta’eera jechuudhaan mul’isaniiru.
Koree Olmpikii Itoophiyaarraa kan hafe qaamoleen akkadaamii kana gargaaruuf waadaa galan marti yeroo tokkollee harkasaanii dhirirfatanii akka hinbeeknes ibsaniiru.

Akkaadaamichi bilookiiwwan kutaalee hirribaa dubartootaafi dhiirotaa, kan hojjetootaa, mana nyaataa, mana kitaabaa, jimnaaziyeema, kutaa bashannanaa, dirree kubbaa miilaa ammayyaa kan marga seentetikii jedhamun uwwifame akka qabus beekuun danda’ameera.

Tashoomaa Qadiidaa

Bariisaa Bitootessa 6/2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *