Mootummaan pirojektota ijaarsisaanii harkifate xumursiisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira

Oromiyaatti pirojektonni misoomaa adda addaa jalqabamanii utuu hinxumuramin hafuufi duubatti harkifachuun hawaasa biratti komii guddaa uumaa tureera; uumaas jira. Bara bajataa kana mootummaan naannichaa pirojektota misoomaa jalqabaman xumursiisee tajaajilaaf akka oolan taasisuurratti xiyyeeffatee hoj echaa jira.

Torban kana keessa pirojektonni misoomaa kanneen akka manneen barnootaa, daandii, bishaan dhugaatii qulqulluu, buufataalee fayyaa, sheediiwwan Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee Magaalaa Galaan, Magaalaa Bishooftuu, aanaanlee adda addaa Godina Arsiifi Arsii Lixaatti argaman hedduun xumuramanii eebbifamaniiru.

Pirezidaantii Ittaantuufi Hoggantuun Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa, Aadde Xayibaa hasan sirna eebba pirojektota kunneeniirratti argamuun akka jedhanitti, mootummaan naannichaa yeroo kamuu caalaa hojiilee misoomaa saffisiisuu, ijaarsa pirojektota misoomaa kanaan dura addaan citaniifi duubatti harkifatan xumursiisuun tajaajilaaf akka oolan taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Hojiilee misoomaa mootummaan keessumaa gama hawaas dinagdeetiin raawwataa jiru keessaa dameen barnootaa adda durummaan eerama.

Misoomni misoomaa olii barnoota waan ta’eef hojiileen manneen barnootaa bakka hundatti babal’isuufi qulqullina barnootaa mirkaneessuu cimanii kan itti fufan ta’uu himaniiru.

Mootummaan naannichaa manneen barnootaa ijaaraman meeshaalee deggersa barnootaatiin guutuufi teknolojiidhaan kan utubu ta’uu kan himan Aadde Xayibaan, kunis barattoota sadarkaa biyyaa, ardiifi addunyaatti dorgomoo ta’an baay’inaan horachuuf kan gargaaru ta’uu eeru.

Manneen barootaa ijaaramanii xumuramuun eebbifaman madda barattoota ciccimoofi hayyootaa akka ta’aniif hawaasni, abbootiin qabeenyaafi qooda fudhattoonni tumsa barbaachisu akka taasisaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Hojiileen misoomaa hundi mootummaadhaan jalqabamanii xumuramuu waan hindandeenyeef hawaasni hirmaannaa sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu, tajaajiloota humna hawaasaatiin guutamuu qabaniifi manneen barnootaa ijaaraman eeguufi kunuunsuurratti dammaqinaan akka hirmaatuuf gaafataniiru.

Barsiisonnis maddaafi qartuu beektotaa waan ta’aniif dirqama ogummaasaanii sirriitti bahachuu akka qaban kan yaadachiisan Aadde Xayibaan, barattoonni barumsaafi naamusa gahaa akka horatan, manneen barnootaa keessatti dimokiraasii akka shaakalan taasisuuf daran isaanirraa eegamu bahachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Dabtaraafi qalama qabatanii mana barumsaa dhaqanii galuu qofti barachuu jechuu miti kan jedhan Aadde Xayibaan, barachuu jechuun guyyaa guyyaan of fooyyessuu, dubbisuu, hawaasaaf jiraachuu shaakaluufi mul’ata qabaachuudha. Kanaafuu barattoonni barumsa isaanii sirriitti hordofuufi qo’achuu akka qabaniif dhaamsa dabarsaniiru.

Manneen barnootaa bakka jeequmsaa qaroominaa akka ta’aniif kaayyoofi ajandaan barattootaa barumsaafi barumsa qofa ta’uu qaba kan jedhan Adde Xayibaan, mootummaan naannichaas misooma, nageenyaafi tasgabbii waaraa uumuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu himaniiru. Godina Arsii, Aanaa Digaluufi Xiijjoo barsiisaa mana barumsaa Xiyyoo Mahaamad Abdallaa akka jedhanitti, manneen barnootaa ijaaramuun darannama gammachiisa.

Manneen barnootaa qofa ijaaranii wantoonni barsiisotaaf barbaachisanis yoo hinguutamne ta’e garuu rakkoo ta’a. Aaanichi lafa bal’aa utuu qabuu barsiisonni aanichaa hanga ammaatti lafa mana jireenyaa waan hin arganneef rakkoon kun yeroo gabaabaa keessatti deebi’uufii akka qabu gaafataniiru.

Barataa Mana Barumsaa Qophaa’inaa Saaguree kan ta’e barataa Geetahuun Taammiruu akka jedhutti, barana qormaata biyyaalessaa kutaa 12fatti qabxii olaanaa galmeessisuuf yeroosaa utuu hinqisaasessin sagantaa baafatee sirriitti qayyabachaa jira. Barattoonni biroonis fakkeenyummaasaa akka hordofan dhaama.

Bariisaa Guraandhala 29/2011

Natsaannat Taaddasaatiin

Recommended For You

17 Comments to “Mootummaan pirojektota ijaarsisaanii harkifate xumursiisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira”

  1. Pingback: Webb.org
  2. Pingback: Sevink Molen
  3. Pingback: mlm business
  4. equilibrado estatico
    Aparatos de ajuste: importante para el operación uniforme y óptimo de las dispositivos.

    En el entorno de la ciencia avanzada, donde la productividad y la seguridad del sistema son de máxima significancia, los aparatos de equilibrado cumplen un función vital. Estos sistemas específicos están creados para ajustar y estabilizar elementos móviles, ya sea en maquinaria productiva, vehículos de traslado o incluso en aparatos de uso diario.

    Para los profesionales en mantenimiento de equipos y los especialistas, operar con dispositivos de calibración es fundamental para asegurar el operación estable y fiable de cualquier mecanismo rotativo. Gracias a estas opciones tecnológicas sofisticadas, es posible disminuir sustancialmente las sacudidas, el zumbido y la tensión sobre los rodamientos, prolongando la vida útil de partes importantes.

    Asimismo trascendental es el rol que cumplen los dispositivos de ajuste en la asistencia al comprador. El apoyo profesional y el reparación permanente utilizando estos sistemas posibilitan ofrecer asistencias de alta calidad, incrementando la agrado de los compradores.

    Para los dueños de proyectos, la financiamiento en unidades de equilibrado y sensores puede ser clave para optimizar la rendimiento y rendimiento de sus sistemas. Esto es especialmente relevante para los dueños de negocios que manejan reducidas y modestas emprendimientos, donde cada punto vale.

    Por otro lado, los dispositivos de ajuste tienen una vasta aplicación en el área de la fiabilidad y el monitoreo de calidad. Permiten encontrar eventuales fallos, evitando reparaciones caras y daños a los aparatos. Incluso, los información obtenidos de estos aparatos pueden emplearse para optimizar sistemas y incrementar la presencia en buscadores de exploración.

    Las áreas de uso de los sistemas de ajuste incluyen numerosas áreas, desde la fabricación de vehículos de dos ruedas hasta el control ecológico. No importa si se considera de grandes elaboraciones industriales o pequeños talleres hogareños, los sistemas de calibración son indispensables para promover un desempeño eficiente y sin riesgo de interrupciones.

  5. Pingback: pg168
  6. Pingback: mostbet
  7. Pingback: mmabet
  8. Pingback: โคมไฟ
  9. Pingback: pin up log in
  10. Pingback: pg168

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *