Jiraattonni Olanciitii tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu argatan

Olanciitiin Godina Shawaa Bahaa keessatti kan argamtu yoo taatu, magaala guddoo aanaa Boosat ta’uun tajaajilaa jirti. Adaamaarraa kiiloo meetra 25 fagaattullee hawaasni magaalattiifi naannawashee yeroo dheeraaf bishaan dhugaatii qulqulluu dhabuun dararfamaa akka turan ni dubbatu.

Aadde Maammee Nagaash jiraattuu magaalaa Olanciitii yoo ta’an, yeroo dheeraaf bishaan dhugaatii qulqulluu dhabuun rakkachaa akka turan dubbatu. Keessumaa shamarran isaanii bishaan dhugaatii qulqulluu argachuuf hanga sa’aatii tokkoo deemanii waraabaa waan turaniif yeroo barnootaa isaaniirratti dhiibbaa geessisaa akka ture yaadatu.

 Amma garuu pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu hojjetamaa ture xumuramee tajaajila kennuu erga jalqabee rakkoon keenya furameera jechuun mootummaafi dhaabbilee tola ooltotaa galateeffataniiru. Obbo Balaay Gazzaahanyis jiraatuma magaalittii yoo ta’an, bishaan dhugaatii argachuufdaa’immaniifi haadholeen halkaniifi guyyaa rakkachaa akka turan himu.

Rakkoon kun akka furamuuf mootummaatti iyyachaa turuu isaanii himanii, wayita ammaa ijaarsi pirojektii bishaan dhugaatiifi qulqullina naannawaa xumuramee eebbifamuusaatti gammaduusaanii ibsaniiru. Bishaan dhugaatii qulqulluu hojjetameefis sirnaan kunuunfannee ni fayyadamna jedhan.

Hogganaan Biiroo Qabeenya Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Obbo Seefaddiin Mahaadii torban darbe sirna eebba pirojektoota bishaan dhugaatiifi qulqullina naannawaarratti argamuun akka jedhanitti, mootummaan naannichaa bishaan dhugaatii qulqulluu, gahaafi itti fufiinsa qabu dhiyeessuun, akkasumas tajaajila qulqullina naannawaa babal’isuun rakkoolee hawaasummaa furuu irratti xiyyeeffanii hojjechaa jiraachaajiraachuu himu.

Rakkoowwan harkifannaafi qulqullina pirojektootaa waliin walqabatan furuun pirojektoota bajeta mootummaafi dhaabbilee deggartootaa kanneen akka ‘UNICEF, DFIDfi Baankii Addunyaa waliin hojjetaman baadiyyaafi magaalota 523 keessatti uwwisa bishaan dhugaatii %63.8 ture gara 69.5 guddisuun danda’ameera jedhu.

Pirojektiin dhiyeessa bishaan dhugaatiifi qulqullina naannawaa magaalaa Olanciitii deggarsa tola ooltotaa, mootummaa naannoo Oromiyaafi hawaasa aanichaa taasisaniin waggoota lamaaf hojjetamaa ture xumuramee lammiilee kuma 48 oliif tajaajila kennuu jalqabuusaa addeessaniiru.

 Pirojektootni kunneen harkifannaa malee yeroo qabame keessatti qarshii miliyoona 120 oliin ijaaramuun kan xumuraman yoo ta’u, keessumaa rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluu hawaasa magaalattii kan fureedha jedhan. Ministeera Bishaan, JallisiifiElektirikiitti, Ministir De’eetaan damee Bishaan Dhugaatiifi Saniteeshinii Doktar Nagaash Wageeshoo akka jedhanitti, mootummaan tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu walgeessisuuf dhaabbilee deggarsaa waliin tattaaffii olaanaa taasisaa kan tureefi ammas taasisaa kan jiru ta’uu himu.

 Pirojektiin kun yeroo karoorfame keessatti ijaaramee xumuramuunsaa daa’immaniifi dubartootni bishaan waraabbachuuf jecha karaa dheeraa deemanii yeroofi humnasaanii akka hin qisaasessineef kan gargaaruudha jedhan.

Hawaasa magaalattiifi naannawasheefis haala mijataa kan uumuu ta’uusaas eeranii, jiraattotni magaalaa Olanciitii haalaan itti fayyadamuu akka qaban yaadachiisaniiru. Itoophiyaatti bakka buutuun ‘UNICEF’ Misiis Gilliyaan Melsoopi sirnicharratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, ijaarsi pirojektoota bishaan dhugaatiifi qulqullina naannawaa xumuramuun eebbifaman hawaasa magaalaa Olanciitiifi naannawasheef boqonnaa haaraa kan baneedha.

Kanaan booda daa’immaniifi haadholeen bishaan dhugaatii qulqulluu barbaachaaf mana jireenya isaaniirraa fagaatanii akka hindeemneef haala mijataa uumamuunsaa himanii, keessumaa shamarran barnootasaanii addaan akka hinkutneefis kan gargaaru waan ta’eef, hawaasni magaalittiifi naannawashee sirnaan itti fayyadamuu akka qaban dhaamaniiru.

 Pirojektootni bishaan dhugaatii qulqulluu eebbifaman magaalaa Olanciitii tajaajiluurra darbanii gandoota naannawaa magaalittii kanneen akka Dongoree Xiyyoo, Digaluu Waangaafi Feexoo kan fayyadan ta’uu hubachuun danda’ameera.

Barisaa Guraandhala 29/2011

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

9 Comments to “Jiraattonni Olanciitii tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu argatan”

  1. Pingback: porn film
  2. Pingback: dark168
  3. Pingback: link
  4. Pingback: free chat rooms

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *