Yaadannoo Injifannoo Adwaa: Qe’ee warra abbaa qabsootti

Adaamaa: Guraandhala 23, qonnaan bulaan Oromoo Sabbataa, Buraayyuu, Sulultaa, Laga Xaafoofi kallattii Oromiyaa hunda irraa wal waamee fardaan Finfineetti qajeela.
Fardeen Oromoo gaafas Finfinnetti beellama qabatan eenyu eessaa ka’ee eenyuun durfamuudhaan eessatti akka wal arganis murtii dabarfataniiru.

Haaluma kanaan weellisaafi qabsaa’aan fakkeenya dhaloota qubee Hacaaluu Hundessaa fardeen Amboofi Jalduu ka’anii Finfinnetti qajeelaniif dursaa waraanaa gaafasii godhataniiru. Dubbichi waraana ta’uu baatuyyuu yaadannoo waraana guddichaa mallattoo bilisummaa ummattoota gurraachaa kan ta’eefi hirmaannaa fardeen Oromootiin ala kan hin yaadamne kabaja waraana Aduwaati.

Fardeen Laga Xaafoofi Shanoo immoo kallattii kaaba bahaatiin himimsaa handhuura Oromiyaatti saggaaru. Kanneen Sulultaafi fardeen hedduu kan qabdu Salaalerraa as qajeelan immoo dirqama kallattii kaabaa fudhataniiru. Guyyicha kallattii hundaan fardeen keenya gara Finfinneetti yaa’uun Caffee Araaraa Dirree Masqalaatti wal argu.
Ayyaanni Adwaa baranaas yeroo jalqabaatiif qe’ee warra aarsaa ishiif kanfaleetti kabajaan kabajama.

Waraanni Adwaa mallattoo injifannoo ummata biyyattii hundaa ta’us, hirmaannaa fardeen Oromoo kiloomeetira kumaa ol gulufanii dhufaniin alatti waan hin yaadamne ta’uu Yuunvarsiitii Haramayaatti barsiisaan seenaa Doktar Kadiir Shuunee ni dubbatu.
Qeerroon keenya irraa hafuun booreedha. Seenaa hojjechaa turre kan oduudhaan dhagayanii amanuun itti ulfaate qabatamaan itti agarsiifna jedhu.

Adwaan injifannoo gootota keenyaa ta’ee osoo jiru garuu seenaa hatuudhaan akka waan qaamni biroo argamsiiseetti ilaallamaa turuun qaawwa qorannoo seenaa biyyi tun qabdu kan agarsiisu ta’uusaafi biyya kana keessatti beekkamtiin kan kennamaa ture abbaa hojjate caalaa abbaa hatee kan ofii fakkeeffateef ta’uu dubbatu.

Injifannoo Adwaa keessatti shoora Oromoo kan ibsan ragaaleen seenaa hedduu afaanota biyyoota alaatiin barreeffaman jiraachuusaatiin dhalootni booda injifannoo kana “kan kooti” jedhee ittiin boonu akka qabu kaasu.

Weeraraa sana kan injifanne meeshaa waraanatiin caaludhaan osoo hintaane jabina xinsammuu, jaalalaafi tokkummaan ka’uudha kan jedhu immoo Pirezdaantiin Federeshiinii Dargaggoota Oromiyaafi Itoophiyaa Dargaggoo Taarraqanyi Abduljabbar, dhugaan kun osoo jiru garuu qaamootni tokko tokko injifannoo kana kan isaanii duwwaa fakkeessanii warri dhiheessan waan jiraniif of sirreessuu akka qabani ibsa.

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

2 Comments to “Yaadannoo Injifannoo Adwaa: Qe’ee warra abbaa qabsootti”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *