Finfinnee: Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa kilabni Jimmaa Abbaa Jifaar Guraandhala 29 bara 2011 irraa kaasee dorgommii federeeshinichi qopheessu kamirrattuu hirmaachuu akka hindandeenye tibbana ibseera.
Kunis kilabichi taphataa Abdulfattaa Kamaal jedhamuuf mindaa ji’oota jahaa kaffaluu waan dideef dorgommiiwwan adeemsifaman mararraa kan dhorkame ta’uu kan eeruudha.
Pirezidaantiin kilaba Jimmaa Abbaa Jifaar Obbo Ajaa’ibaa Abbaamaccaa ibsa dheengadda Gaazexaa bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Guraandhala 29 bara 2011 irraa kaasee kilabni keenya dorgommii kamuurrattuu hirmaachuu akka hindandeenye dhorkamuusaa xalayaan beeksiseera.
Kunis, himannaa taphataa Abdulfattaa Kamaaliif mindaa ji’oota jahaatiin walqabatee dhiyeeffateen federeeshinichi murtee kanarra gahuunsaa eerameera jedhu.
Akka ibsa Obbo Ajaa’ibaatti, kilabni kamuu wayita taphattoota wajjin waliigaltee seenu yoo xiqqaate waggaa tokkoof; yoo guddate ammoo waggoota shaniif mallatteessisuun danda’a. Kilabichis adeemsuma kana bu’uureffachuun taphataa Abdulfattaa wajjin ji’oota jaha qofaaf waliigaltee afaanii raawwachuusaanii eeran.
Erga ji’a booda garuu taphatichi waadaa ji’oota jahaa afaanii seene diigee mindaa ji’oota jahaa argachuuf jecha kilabicha Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaarratti himachuusaa ibsu. Federeeshinichis himannaa taphatichi dhiyeeffate qofa fudhatee kilabicha dorgommiiwwan mararraa dhorkuunsaa fudhatama hinqabuu jedhu. Hundarra ammoo murteen federeeshinichaa daran kan ariifateefi yeroosaa hineeggannedha jechuun qeequ.
Dursaan garee kilabichaa Obbo Naasir Abbaa Diggaas gamasaaniin akka jedhanitti, murteen federeeshinichi kilaba Jimmaa Abbaa Jifaarirratti dabarse ulaagaa kamiinuu fudhatama hinqabu. Kunis, himannaan Abdulfataan dhiyeeffate ija seeraatiin sirrii ta’uyyuu waliigalteen taasifame ji’oota jahaaf qofa ta’uu federeeshinichi ni beeka.
Tapahattootni tokko tokko waliigaltee kilaboota waliin taasisan sababa quufsaa hintaaneen kan diigan ta’uus eeranii, taphataa Abdulfattaanis waliigaltee bara 2009 ji’oota jahaaf kilabicha waliin seenee ture waan diigeef malee mindaan dhorkame kan hinjirre ta’uu ibsu.
Murteefi dhorka federeeshinichaa kaasuuf ammoo mindaa taphatichaa kan ji’oota jahaa ji’a ji’aan kaffalamuu akka qabu koreen maanaajimantii kilabichaa tibbana walgahii hatattamaa gaggeesseen murtaa’eerra gahamuusaas dursichi himaniiru.
Mindaan Abdulfattaa Kamaal ji’a kanarraa kaasee kaffalamuu eegalamnaan Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa murticha kan kaasu ta’uu beeksiseera. Seerriifi hojmaatni waliigaltee kilabootaafi taphattootaa hojiirra jiru hanqina waan qabuuf fooyya’uu akka qabus gaafataniiru.
Takkaalliny Gabayyootiin
4 Comments to “Kilaba Jimmaa Abbaa Jifaariifi murtee federeeshinichaa ariifate”