Hawwiin daangaa hinqabu, Finfinneen garuu abbaa qabdi

Finfinneen qe’ee Qajeelaa Dooyyoo, Abeebee Tufaa, Guddataa Araddoo, Jamoo Dabalee, Soraa Loomee, Galatee Asheetee, Axaalee Jaatanii, Shubbuu Ejersaafi madda ilmaan Tufaa Munaa, akkasumas wiirtuu Maccaafi Tuulamaa handhuura Oromiyaa kan heerriifi seenaan lafa kaa’e kan Oromtichaati jedhanii ragaa bahuun alatti kan eenyuuti jedhanii gaafachuunuu  fafa.

Akkuma, “Qamaleen abbaa harbuu ari’atti” osoo ilmaan Maccaafi Tuulamaa taa’anii kaan nyaara aaddatte afaan guuttee Finfinneen kankooti jettee kaatu kun maal jedhamti? Hawwiifi fedhiin daangaa dhabullee roora’uuf gururi’uun amaluma harcaatota sirna dulloomaa saayinsiin osoo hindeggaramiin galaafatanii deemaniiti.

Birooshariin Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa bardheengaddaa dhimmuma kanarratti qopheesse tokko akka ibsutti, ilaalchi harcaatota kanaan Itoophiyaan olaantummaa saba tokkootiin kan ijaaramte godhanii himuurra darbee rakkoo hawaasummaa isaaniirra qaqqabaa ture jalaa baraaramuuf kutaalee biyyattiirratti faffaca’uun erga lubbuu horatanii akkuma, “Dambiin halkan tokkoof na bulchi” jettee muka dhuunfattu kan ormaa kan ofii godhatanii ilaaluun kun erga calaqqisuu qabee bubbuleera.

Ija baasanii akka har’aa dubbachuu baatanis miirri ofittummaa abbummaa namaatti isaan boossisu hirqimfannaa garaa keessaa isaanitti ta’aa jiraachuu eenyuyyuu ni beeka. Keessumaa miirri Itoophiyaanummaa wayita ka’utti nu malee warreen jedhan hedduunsaanii shoora saboota biraa jijjiirama Itoophiyaa keessatti taphatan booddeetti dhiisuunis ni calaqqisa.

Ilaalchi, “Numalee Itoophiyaaf kan beeku hinjiru” jedhu kun ofittummaafi boodatti hafummaa yoo ta’u, farra jijjiirama haaraa yeroo ammaa qabsoo qaaliin galmaahe ta’anii mul’achuutti jiru.

Dimokraasiin Itoophiyaa keessaa haalaan lafa qabachuu dhabuusaarraa kan ka’e humnoonni balaafamoo jaarraa tokkoof  hirkattummaan jiraachaa turan isa durii faarsaa har’a duritti deebisuuf yaalanis sirni abbaa irrummaa ni deebi’a jedhanii yaaduun dhagaa waaduudha.

Yeroo ammaattis sirni federaalizimii biyyattii haala yeroo wajjin walqabatee jabaatee lafa dhaabachuu dhabuusaatiin humnoonni karaa qaxxaamuraatiin aangoo qabachuufi jijjiiramicha gufachiisuu barbaadan abbummaa Finfinnee haaluun miira, “Kan keenya” jedhu calaqqisiisanis Oromoon mirga abbaa biyyummaasaa kabachiifachuun yoomiyyuu caalaa cimee of ijaaruu qaba. Kana gochuuf ammoo lola keessa kan seenu osoo hintaane olaantummaan seeraa akka kabajamu gaafachuutu qofa.

Humnoota abbummaa magaalaa Finfinnee dhuunfachuuf socho’an kanneen ittisuuf  dhimma magaalattii akkaataa  heera biyyattiirratti taa’een deebii kennuun murteessaadha. Dhimmi Finfinneerratti ka’u kamuu dhimma Oromoo qofa ilaallatu ta’uu heera, keeyyata 49 jalatti ibsameera. Akka warreen nyaara haaddatanii ka’an kunneen jedhan garuu akka hintaane ifatti beekamuu qaba.

Yoo yaalames dhama raasuudha. Qaamni ‘Finfinneen kankooti’ jedhee dhaadatu kun sirna federaalizimiifi heera biyyattiin qabdus irra darbaa jiraachuusaa hubachuun gaariidha. Humnoonni sirna federaalizimii faallessan duruu olaantummaasaanii daran calaqqisiisuun ifatti saamichaaf kaachuun alatti faayidaan isaan Oromoof buusan tokkollee akka hinjirre hubatamaadha.

Hawwiin daangaa dhabus kanneen qabeenya namaatti watwaatan kanneen akka callisaniif daangaa seeraa keessa taa’anii kutannoon hojjechuu gaafata. Hundarra ammoo waldhaggeeffachuutiin afaan diinaa baname dhagaa kaahuun kan danda’amu ta’uus hubachuun barbaachisaadha.

Akkuma, “Ijoolleefi maaltu waanuma namaatiif boossi” jedhamu waanuma abbaan fedhe lafaa ka’ee gorori’u faana wacuurra tokkummaa ofii jabeeffatanii mirga abbaa biyyummaa ofii qabatamaan lafarratti agarsiisuuf qindaahuutu furmaata waaraa fida.

Harcaatota barriifi siyaasni gatee bira darbe aadaa weerartummaa abbootiisaaniirra dhaalan sana deebisuuf hiroo dhahatanis faana hiroo dhahachuurra daangaa seeraatiin ofirraa deebisuun dirqama Oromummaafi seenaati.

Magaalaan Finfinnee bara sirna Minilikii kaastee qonnan bulaa Oromoo nyaachaa, buqqisaa, dhiibaa, haqa Oromootaa dhoksaafi seenaasaa awwaaluun seenaa weerartootaa miidhagsanii kitaaba seenaa fafa ta’e dhalootatti dabarsaa turaniiru.

Bara mootii Hayilesillaasees haaluma kanaan itti fufuun Oromummaan yakka ta’uurra darbee enyummaansaa akka awwaalamu godhamaa tureera.

Sirni nama nyaataa Dargiis bulchiinsa ulee abaarsaa Hayilesillaaseerraa fudhateen Oromoof Oromummaarratti duuluun maqaa Itoophiyaanummaa jedhuun eenyummaan Oromoo akka awwaalamuuf hojii hojjeteen qabsaa’ota Oromoo kumaatama ajjeesee seenaa badaa galmeessiseera.

Kitaabileen seenaa biyya keessaa eenyummaa Oromoo labsuu akka laguutti ilaaluun seenaa Oromoo dabsanii katabaa kan turan yoo ta’u, harcaatonni har’a biyya Oromoo dhuunfachuuf gorouri’an kunneen ulee abaarsaa akaakileesaaniirra dhaalan sana ummata bal’aatti fe’uuf yaalanis yaada hokkolaa waan ta’eef kan laga cehu miti.

Ammas Oromoon dhimmasaarratti eenyuunuu mariisisuu kan hinbarbaachisne yoo ta’u,  akkaataa heerriifi seenaan kaahuun mirgi abbaa biyyummaa Finfinnee akka mirkanaa’uufi Oromoon qe’eesaatti kabajamuu akka qabu, akkasumas siyaasa bilchaataadhaan caalee argamuuf hojjechuutu irraa eegama.

Walumaagalatti, Oromoon mirga abbummaa Finfinneerratti seenaa qabatamaa akkoofi akaakayyuusaarraa, akaakileefi  habaabileesaarraa dhaale kan qabu yoo ta’u, ololaan  burjaajja’uun barbaachisaa akka hintaane hubatamuu qaba.

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

5 Comments to “Hawwiin daangaa hinqabu, Finfinneen garuu abbaa qabdi”

  1. Pingback: Apartheid

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *