“Akka lammii biyyaatti dhimma biyyaarratti murteessuuf carraa arganna jennee abdanna” – Obbo Omad Ajuuluu PMNU Gaambeellaa

Finfinnee: Paartiileen deggartootaa eddii yaadni ADWUItti makamuu hojiirra oolee booda paartiilee ADWUItti makamuun waliin akka hojjetaniif ejjennoon qabatame kan isaan gammachiise ta’uu Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Ummatoota Gaambeellaa ibsan.

Pirezdaantichi Obbo Omad Ajuuluu gaafdeebii Wiixatadarbe Dhaabbata Pireesi Itoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, kun gaaffii kanaan dura dhiheessaa turan ta’uusaatiin xiyyeeffannaa argachuusaatti gammadaniiru.

“Kanaan duraa biyya tokko keessa teenyee murtoo qofa qofaa murteessa turre. Akkuma beekamu dhaabbileen deggartoota jedhamnu afurtu jirra; ADWUI’nis afuri. Irra caalmaan murtoo biyyaa ADWUIdhaan murtaa’aa ture. Nuti dhimma naannoo keenyaarratti qofa murteessina turre” jedhu.

Kana booda paartii naannoo sanaa, kanaa jedhamuun hafee akka lammii biyyaatti dhimma biyyaarratti murteessuuf carraa kan itti argatan ta’uus abdachuusaanii ibsaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

One Comment to ““Akka lammii biyyaatti dhimma biyyaarratti murteessuuf carraa arganna jennee abdanna” – Obbo Omad Ajuuluu PMNU Gaambeellaa”

  1. Pingback: fox888

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *