Waldhabdee daangaa Itoophiyaafi Eritiriyaa gidduutti uumamee tureen tulluun jibbaa waggoota 20 oliif ijaaramee ture hariiroo biyyoota lameenii daangessuurra darbee sochii hawaas dinagdee biyyoota kanaa ugguraa tureera.
Hawaasni waggoota 20 dura waliin qabsaa’aa, mirgasaaf waliin hiriiree diina daaraa gochaa ture waldhabdee amriin hiikamuu danda’uun jibba waliif horatee dhagaa gargara bahe ta’ee baroota lakkoofsiseera.
Barri bara fidaatii mootummaan haaromsaa Itoophiyaa ummata bal’aan deggaramu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad wayita aangoo qabatanirraa kaasaanii rasaasa jaalalaa dhukaasan saniin tulluun jibbaa biyyoota lameen gidduu jiru huursee jiguusaan daandiin nagaa banamuu kan eegale fakkaata.
Mootummoonni biyyoota lameenii marii itti fufiinsa qabu taasisuun jaarsummaa tokko malee hariiroon biyyoota lameenii lafa turetti akka deebi’u gochuusaan hawaasni waldheebochaa ture walitti adeemee akka wal iyyaafatu karaa saaqeera.
Jilli Artistoota Eritiriyaa namoota 60 ol qabate Eritiriyaarraa ka’e daawwannaasaa jalqabaa Baahirdaaritti erga dabarseen booda magaalaa Adaamaatti simannaan ho’aafi obbolummaa qondaaltota mootummaa naannoo Oromiyaatiiniifi hawaasa magaalichaan taasifameeraaf.
Kaayyoo jila kanaas aartiin jaalala waan ta’eef lallaba jaalalaa hoggantoota biyyoota lameeniin eegalame babal’isuun aadaan muuxannoo waljijjiirraa akka babal’atu taasisuuf kan aggaame ta’uu gareen jila Artistootaa gamasii dhufanii ni dubbatu.
Artisti Natsira’aab Gabrayyasuus taphata meeshaa muuziqaa Eritiriyaan qabdu keessaa isa tokko yoo ta’u, sochiin muuxannoo waljijjiirraa aartistootaa egaluunsaa hariiroon biyyoota lameenii cimaa jiraachuu kan agarsiisudha jedha. Biyyoonni lameen aadaa sabaafi sablammii babbareedaa qabachuus kaasee, aartiin nageenya jajjabeessa, obbolummaa cimsa; kanaaf aartii walii walbarsiisuun murteessaadha jedha.
Akka Artistiin kun jedhutti, hariiroon biyyoota lamaan gidduutti amma jalqabae kun itti fufiinsa akka qabaatuuf sochiin itti fufiinsa qabu gabbachuu qabaachuutu irra jiraata. Kunis aartiin meeshaa nageenyi, jaalalli, humniifi riqichi obbolummaa itti ijaaramudha. Warraarqsa jaalalaa eegalame kana itti fufsiisuu keessatti sochiin jila artistootaan eegale kun bu’aa guddaa kan buusudha.
Jilli artistoota Eritiriyaarra dhufe kun aartii aadaa kan ofiisaa qofa agarsiisuu dhufe miti kan jedhe Artisti Natsira’aab, agarsiisa aartii Oromoorraa illee muuxannoo guddaa horachuu danda’uusaatti hedduu gammaduusaa ibsa.
Itoophiyaa keessa aadaan aartii sabaafi sablammii garagaraa akkuma jiru, Eritiriyaanis gama kanaan duroomtuu ta’uusheen afaanota sabaafi sablammii garagaraan agarsiisa aartii hinquufamneen hawaasa Adaamaa bohaarsuusaanii kaasanii, kun kan jalqabaa ta’uufi sochiin amma jalqabame kun finiinee gama muuziqaan alattis tattaaffiin misomaafi dinagdee akka fooyya’uufis bu’uura kan buusuu ta’uu hima.
Hogganaan Biiroo Aadaafi Tuurizmii Oromiyaa Doktar Garramuu Hulluuqaa agarsiisa aartii Eritiriyaanotaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamerratti argamuun haasa’a taasisaniin hariiroon Oromoofi Eritiriyaa har’a kan eegale akka hintaane eeranii, mootummaa abbaa irree kuffisuuf qabsoo dirree waliin gaggeessaa turuunsaanii yaadnnoo yoomuu hindagatamanedha.
Jilli kun agarsiisaa aartii garagaraa qabatanii dhiyaachuunsaanii hariiroo Itiyoo-Eritiriyaa eegalame cimsuu keessatti shoora guddaa akka qabu himanii, jalqabbiin kun babal’atee itti fufuu akka qabu kaasu.
Akka ibsa Doktar Garramuutti rasaasni nageenyaa gamoo jibbaa diige hawaasa mara tuttuquusaan jaalalliif obbolummaan dur ture bakkatti deebi’uu danda’eera. Isa kana gabbisuufis sochiin jalqabame kun sadarkaa biyyaattis finiinuun kan irra jiraatudha jedhu.
Eritiriyaan Oromootarraa galata guddaa yoomuu hindagatamne qabdi kan jedhan hogganichi, biqiltuun Eritiriyaa Piroofeesar Asmaroom Laggasaa, aadaan bulchiinsi dimokiraatawaa sirna Gadaa Oromoo beekamtii akka argatuuf hojii boonsaa hojjechuusaa kaasu.
Keessumattuu dimokiraasii Awurooppaanonni har’a shaakalan kanaaf bulchiinsi sirna Gadaa Oromoo madda ta’uu qorannoosaan agarsiisuun alatti addunyaatti ifa bahee akka mul’atu shoora ol’aanaa taphateera jedhu.
Kun ammoo yaadannoo onnee Oromootaa keessaa yoomuu hinbaane kan himan Doktar Garramuun, jilli aartii kunis kana beekee hariiroo waloosaa cimsuun murteessaa ta’uu himu.
Jilli aadaa aartiii Eritiriyaanotaas turtiisaa Adaamaatti dabarserraa daawwannaa gara garaa gaggeessuun muuxannoo qabu qoodee, kan Oromoos qooddatee imala gara Hawaasaatti kan taasise yoo ta’u, sochii hariiroo waliinii eegalame kana kunuunfachuun barbaachisaa ta’uu addeessu.
Turtii Hawaasaatti dabarsaniinis aadaa aartii Eritiriyanotaa sabaafi sablammoota Kibbaaf kan agarsiisan yoo ta’u, ofiis aadaa aartii Itoophiyaa xiqqoo dhandhamuuun booda gara magaalaa guddoo Oromiyaafi teessuma Gamtaa Afrikaa Finfinneetti deebi’aniiru.
Walumaagalatti rasaasni jaalalaa Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimadiin dhukaate gamoo jibbaa Eritiriyaafi Itoophiyaa gidduutti ijaaramee ture diiguun Pireezdaantii Eritiriyaa Isaayyaas Afawarqii kakaasuun nageenyi durii bakkatti akka deebi’u kan taasisedha. Hariiroon muuxannoo waljijjiirraa aartii aadaa Artistoota Eritrriyaan jalqabe kun cimuunsaa egeree biyyoota lamaaniifis murteessaadha.
Waasihun Takileetiin
Suurri Tsahaay Nuguseetiin
Bariisaa Guraandhala 15/2011
5 Comments to ““Aartiin rasaasa tulluun jibbaa itti diigamudha” – Jila Artistoota Eritiriyaa”