Qonnaan bultoonniifi hojjettoonni misoomaa 700 ol iftaan badhaafamu

Finfinnee: Qonnnaan bultoonniifi hojjettoonni misoomaa 700 ol ta’an Dilbata iftaanii kan badhaafaman ta’uu Biiroon Misooma Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaan  biirichaa Obbo Dhaabaa Dabalee ibsa Kibxata darbe gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti,  badhaasni qonnaan bultootaafi hojjettoota misoomaa adda dureef kennamu kun kan duraa caalaa isaan onnachiisuun hojii caaluuf  kakaasuuf yaadameeti.

Qonnaan bultootniifi hojjettootni misoomaa  itti fayyadama paakeejii misooma qonnaa haalaan lafa qabsiisan adda durummaan filatamanii kan madaalaman yoo ta’u,  kanneen moodela ta’an ni badhaafamuu  jedhan.

Akka Oromiyaatti qonnaan bultoonni miliyoona 4.2 tajaajila eksiteenshinii qonnaa qabatamaan kan fayyadaman yoo ta’u, dhibbentaan 23 paakeejii guutuu kana sirriitti hojiirra oolchuusaanii ibsaniiru.

Sirni kenniinsa badhaasaa kun bara bajataa 2010  hanga 2011tti hojiilee misooma qonnaa hojjetamanirratti hundaa’ee kan raawwatu ta’uus hogganichi ibsaniiru.

Badhaafamtoonni hedduunsaanii ulaagaa taa’een calalamuu Obbo Dhaabaan himanii, qonnaan bultootaafi hojjettoota misoomaan alatti dargaggoonniifi qorattoonni bu’aa hojiisaaniin jijjiirama fidan, akkasumas ogeeyyonni qonnaa hojii qorannoo garagaraa taasisuun bu’uura jijjiiramaafi cehumsa qonna ammayyaa babal’isan dabalataan kan hammatamanidha jedhaniiru.

Dargaggoonni badhaafaman kunneenis sosochii mootummaan haaromsa Itoophiyaa taasiseen hojii qonnaa keessatti gurmaahanii kanneen bu’aa quubsaa galmeessisan akka ta’es dubbataniiru.

Akka naannoo Oromiyaatti bara kana lafa hektaara miliyoona jaha qotuuf kan karoorfame yoo ta’u, dhibbentaan 98 qonnaan akka uwwifamu godhamuusaas eeranii, omishni callaa kan darberraa dhibbentaa 20n akka dabalu ta’ee jira.

Omishni callaa yeroorraa yerootti akka guddatuufi aadaan hirkattummaa roobaa jalaa itti bahan akka gabbatu hojii hojjetameen lafti hektaarri 800 ol jallisiin akka misoomu ta’uusaas ibsaniiru.

Fuuldurattis mootummaan guddina dinagdee qonnarraa gara indastiriitti taasifamu saffisiiuuf kan hojjetu ta’uu himanii,  dhiyyeessiilee barbaachisoo guutuufis gamanumaa qophiin taasifamaa jiraa jedhan.

Paakeejiin eksiteenshinii qonnaa lafa akka hinqabanne gufuuwwan mudachaa turan kanneen akka  hanqina dhiyeessa sanyii filatamaa, farra aramaafi calla guddistuu furuufis kallattiin kan kaa’ame ta’uus addeessaniiru.

Rakkoo gama kanaan ka’u gamanumaan furuuf toorri xiyyeeffannoo taa’ee hojiitti kan seenamee jiraa jedhanii, kanuma cimsuuf ammoo  kutannootiin kan hojjetamu ta’uu eeraniiru..

Sirni kenniinsa badhaasa kanaas Dilbata iftaanii magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti kan raawwatamu yoo ta’u, qonnaan bultoonni, hojjetoonni misoomaafi qorattoonni damee qonnaa 716 badhaasa qophaahe kana qooddatu jedhamee eegama.

Waasihun Takileetiin

Bariisaa Guraadhala 15/2011

Recommended For You

One Comment to “Qonnaan bultoonniifi hojjettoonni misoomaa 700 ol iftaan badhaafamu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *