Lakkaawwiin ummataafi manaa gurmaa’ina heeraafi sirna hawaas-dinagdee, akkasumas sirni siyaasa biyyattiin hordofaa jirtu duuchaatti jireenya lammiilee akka fooyyessuuf qophii taasifamu keessatti gahee olaanaa qaba.
Akkuma biyyaattis ta’e naannootti baay’ina ummataa sirrii ta’e beekuun filannoo bilisaafi iftoomina qabu, akkasumas raawwiinsaa milkaa’ina akka qabaatu kan taasisu ta’uu ragaaleen Komishinii Lakkaawwii Ummataarraa argaman ni eeru.
Kaayyoonsaa inni guddaanis dhimmoota bulchiinsaa, filannnoo, qophii karooraa, hordoffiifi deggarsaa, akkasumas qorannoo hawaasa bal’aa fayyadan gaggeessuudhaan ragaalee ummataafi manneenii sassaabuu, qindeessuu, xiinxaluufi tamsaasuudha.
ALItti bara 1976 irraa kaasee lakkaawwiin ummataafi manaa marsaa sadiif kan adeemsifame yoo ta’u, marsaa jalqabaarratti kutaalee biyyattii dhibbantaa 81 ta’u haguuguun danda’ameera. Kanneen lakkaawwichaan hinhammatamne keessaas naannawa horsiisee bultootni irra jireessaan jiraatan, akkasumas baadiyyaafi magaalota biyyattii muraasa ta’uu hubachuun danda’ameera.
Lakkaawwiin ummataafi manaa marsaa lammaffaan kan adeemsifame bara 1987 yoo ta’u, kutaalee biyyattii irra jireessaan kan haguuge ture. Baruma kana naannawwan muraasa sirna lakkaawichaan hinhammatamne tilmaama keessa galchuun waliigalaan baay’inni ummata Itoophiyaa miliyoona 53.5 ture.
Lakkaawwiin ummataafi manaa sadaffaan ammoo kan adeemsifame bara 1999tti yoo ta’u, wayita san seenaa Itoophiyaa keessatti si’a jalqabaatiif kutaalee biyyattii hunda kan hammate ture. Bu’aa lakkaawwii kanaanis baay’inni ummataa Itoophiyaa miliyoona 74 ture.
Ta’us, bu’aan lakkaawwii marsaa sadaffaa erga mootummaatti beeksifamee booda kallattiilee garagaraatiin komiiwwan ummataa hanga Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti dhagahamaa turaniiru.
Lakkaawwiin ummataafi manaa marsaa afraffaaf adeemsifamu Bitootessa 29 bara 2011 kan eegalamu ta’uu komishinichaan ibsameera. Lakkaawwiin marsaa afraffaa kunis bara darbe kan adeemsifamuu ture sababa rakkoon nageenyaa uumameefi hojichas teknolojii haaraatiin deggaruuf yaadamee baranatti akka darbu taasifameera.
Komiiwwaniifi qeeqawwan ummatarraa ka’aa turan furuuf barana xiyyeeffannoo olaanaadhaan kan hojjetamaa jiru yoo ta’u, keessumaa teknolojii dijitaalaatiin hojii lakkaawichaa si’eessuuf haaldureen marti xumuramuusaati kan ibsame.
Lakkaawwiin ummataafi manaa barana adeemsifamu kun jijjiiramoota bara 1999 booda argaman qorachuun waliigalaan ragaalee ummataa qulqullinaan sassaabuun amaloota sirna ummatummaa misooma hawaas-dinagdee wajjin walsimsiisuuf faayidaansaa daran guddaadha.
Kana malees, fedhii lammiileen bu’uuraalee misoomaa kanneen akka bishaan dhugaatii, humna elektirikii, telekomunikeeshinii, daandiifi mana jireenyaatiif qaban guutuuf kan gargaaruudha. Guddinni ummataas qabeenya uumamaa biyyattiin qabdu waliin akka walunatu gochuuf kan fayyadu ta’uurra darbee tarsiimoowwan tajaajila sirna daldalaafi invastimantii babal’isuu keessatti gahee guddaa qabaata.
Walgeettii carraa barnootaafi tajaajila fayyaa haalaan diriirsuuf karooraafi imaammata sektarota kanneenii akka fooyya’u gochuu keessattis gaheen ragaalee waliigala ummataa beekuu guddaadha. Yeroodhaa yerootti lammiilee hojii hinqabneef keessumaa dargaggootaaf carraa hojii uumuufi hojiirra oolmaasaa hordofuuf faayidaansaa olaanaadha.
Itoophiyaan sababa balaawwan uumamaafi namtolcheetiin keessumaa rakkoo jijjiirama qilleensaatiin walqabataniin dararamaa turteetti. Keessumaa ammoo sababa dhiibbaa hongeetiin dhaqqabuu malan dandamachuuf dursanii ragaalee ummataa beekuun dirqama. Kana gochuuf ammoo karooraafi imaammata qopheessuu gaafata.
Sababoota gara garaatiin lammiilee miidhama qaamaa qabaniifi umriisaaniirraa kan ka’e kanneen deggarsa addaa barbaadan misooma hunda keessatti kanneen biroo waliin qixa hirmaannaafi fayyadamummaa isaanii akka mirkaneeffataniif faayidaa olaanaa kan qabu ta’uusaa hubatameera.
Dimshaashumatti, lakkaawwiin ummataafi manaa marsaa afraffaa Bitootessa 29 eegalee hanga Ebla 20/2011tti kan adeemsifamudha. Hojii kana milkeessuun ammoo gahee lammiilee maraa waan ta’eef hunduu tumsa barbaachisu gochuu qabaan dhaamsa keenya.
Takkaalliny Gabayyootiin
Bariisaa Guraandhala 15/2011
buy rybelsus http://rybelsus.tech/# rybelsus cost
good price