Injifannoo Adwaa 123fa boru kabajuuf qophiin xumurame

Finfinnee: Injifannoo Adwaa 123fa boru haala ho’aan kabajuuf qophiin xumuramuu Biiroon Aadaafi Tuurizmii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Ittigaafatamaan biirichaa, Gargaaraa Pirofeesaraa Nabiyyuu Baayyee ibsa dheengadda kennaniin injifannoon Adwaa wareegama sabootaafi sablammiileen argame kana sirna ho’aadhaan kabajuuf qophiin xumuramuusaa himaniiru. Wareegamni aarsaa qaalii abbootiin argame kun dhalootaan dhaalamuu akka qabus eeraniiru.

Kaayyoon waggaa waggaan kabajamuu ayyaana kanaa gootummaa Itoophiyaanotaa ibsuuf qofa kan akeeke miti kan jedhanii, injifannichi dhalootaa dhalootatti akka darbu gochuufis  yaadamee ta’uu eeru.

Lammiileen hundi inifannichi kan hundasaanii kankooti jedhanii miira ittigaafatamummaan kabajuu akka qaban kan himani Itti Gaafatamichi siidaa hindabarre dhaloota keessa kaahuuf gamanumaa qophiin xumuramuu beeksisaniiru.

Jala bultii ayyanichaa miidhagsuufis afeerraan aartii jalqabaa hoteela Xaayituutti raawwata jedhaniiru.

Kanamalees agarsiisni aartii qabsoo darbe yaadachiisu Birbirsa Goorootti kan gaggeeffamu ta’uullee ittigaafatamichi ibsanii, imalli lukaas Birbirsa Gooroorraa  hanga riqicha Adwaatti taasifama jedhaniiru.

Kanamalees aadaan sassaabbii gibiraa iftoominaafi miira ittigaafatamummaan akka qabaatuuf guyyaa jala bultichaa kaffaltiin gibiraa Masaraa Mootummaa Inxooxxootti kan gaggeeffamu ta’uus ibsaniiru.

Guyyumsana sa’aatii 8:00 eegalee affeerraan sirba ammayyaa artistoota bebbeekamoon deeggarame Dirree Masqalaatti raawwachuuf gamanumaa qophiin xumuramuu ittigaafatamaan biirichaa ibsanii, gareen agarsiisa aadaa saba Draasheellee ayyaanicha dabaaluuf magaalaa Finfinnee galuusaa dubbatanii jiru.

Ayyaanni Adwaa 123fa bara kanaa Siidaa hindabarre dhaloota sabaafi sablammiilee Itoophiyaa keessa kaahuufi miirri tokkummaa dur ture akka itti fufu taasisuuf bu’uura kan buusu ta’uus beeksisaniiru.

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

2 Comments to “Injifannoo Adwaa 123fa boru kabajuuf qophiin xumurame”

  1. Pingback: ruay

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *