Gaggeessitoota ummataaf gurra ergisan

Godinni Wallagga Lixaa aanaalee 23 qabdu keessaa aanaan Beegii ishii tokko. Dilbata darbe Ministirri Muummee RFDI, Doktar Abiyyi Ahmadiifi Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa aanicha, Magaalaa Beegiitti argamanii hawaasa wajjin mari’ataniiru.

Gaggeessitootni lameenuu rakkoo hawaasa aanichaa dhaggeeffachuu isaaniitti kan gammadan ta’uu hoggantootni godichaafi Aanaa Beegii ni dubbatu.

Bulchaan Aanaa Beegii Obbo Fadiluu Zaakir akka ibsanitti, waggoota shanan darbanirraa kaasee Aanaa Begiitti rakkoowwan nageenyaa guguddoon kan turan yemmuu ta’u, mootummaan naannoo Oromiyaa yeroo rakkoolee kanneen furuuf tattaaffii gochaa tureera. Kana waliin ammoo rakkoowwan bulchiinsa gaariifi gaaffiilee misoomaan walqabatee komiiwwan bal’aan hawaasa aanichaa irraa ka’aa tureeras jedhu.

Rakkoo daandii, bishaan dhugaatii, humna elektirikiifi pilaaniin magaalaa Beegii sadarkaasaa kan eeggate ta’uu dhabuufaa akka fakkeenyaatti hawaasni yeroowwan addaddaatti akka furamuuf iyyachaa kan tureefi ammas gaafachaa jiru ta’uu eeran. Waltajjii Doktar Abiyyiifi Obbo Lammaan hawaasa Beegii waliin taasisanirrattis kanumatti calaqqisee jedhu.

Gaggeessitootni kunneen Beegiitti argamanii akkaataa rakkooleen nageenyaa furamaniifi gaaffiileen misoomaa dhawata dhawataan itti deebi’anitti mari’atanii waliigalteerra gahaniiru. Kanaanis kutaaleen hawaasaa marti nageenyaaf waardiyyaa akka dhaabatan, akkasumas  sochiileen hawaasaa kanneen akka  hojii baruu barsiisuu, daldalaafi geejibaa lamuu akka ugguramneef kutannoon kan hojjetan ta’uu gaggeessitoota lameeniif ibsameeraa jedhu. Kanattis Doktar Abiyyiifi Obbo Lammaan hedduu kan gammadan ta’uu eeru.

Obbo Waaqgaarii Qajeelaa Ittigaafatamaa Waajjira Bulchiinsaafi Nageenya Godina Wallagga Lixaa yoo ta’an, gaggeessitootni biyyattii lameen godinichatti argamanii hawaasa wajjin mari’achuusaaniitti komiin duraan ture furamuusaa ibsu.

Rakkoon nageenyaa yeroo dheeraaf tures furamaa jiraachuusaatti bawaasni Aanaa Beegiifi godinichaa boqonnaa argateeraa jedhu. Erga nageenyi waaraan mirkanaa’ee boodas gaafiileen misoomaa jechuun ijaarsi daandii ispaaltii, bishaan dhugaatii qulqulluufi hanqinni humna elektirikiis suuta suuta mootummaa naannichaatiin furamaa kan deeman ta’uu dubbatu.

Hangasitti garuu hawaasni obsaan eeggachaa mootummaa waliin keessumaa dhimma nageenyaarratti cichee hojjechuu akka qabu yaadachiisu. Doktar Abiyyii Ahmadiifi Obbo Lammaa Magarsaarraas kallattiin kenname isuma kana akka ta’e ibsu.

Obbo Lammaa Magarsaas gaaffiileefi komiiwwan hawaasarraa dhiyaataniif deebii kennaniin akka jedhanitti, halkaniifi guyyaa kan hojjetan badhaadhina ummataaf waan ta’eef, yeroo, beekumsaafi qabeenyi ummata Oromoorraa qusatan tokkollee hinjiru.

“Yoo waltumsuun wal bira dhaabbannee hojjenne rakkoon nuti furuu hindandeenye hinjiraatu. Dhimmi ijoon waan hunda dursuu qabu garuu nageenya; nageenyi jiraannaan gaaffiin misoomaa kamuu deebi’uu danda’a. Kanaaf nageenya naannoo keenyaa mirkaneessuuf waliin yaa hojjennu”  jedhan. Hawaasni magaalichaa kan itti gammade ta’uu dubbatu.

Doktar Abiyyii Ahmadis deebii kan kennan yoo ta’u, hojiileen marti har’aaf otoo hintaane boruuf akka tajaajilanitti kan hojjetaman ta’uu dubbatan. Kana qajeelchuuf karooraafi xiinxalaan socho’uun murteessaa akka ta’e hubachiisan.

Hundarra ammoo nageenyaaf dursa kennuun yoomillee kan  hojjennu taanaan, akkasumas akka sabaatti tokkummaa keenya cimsinee yoo deemne Oromiyaa guddatteefi misoomte ijaaruun kan danda’amu ta’uu ibsan.

Dimshaashumatti, mootummaan naannoo Oromiyaas tahe Federaalaa nageenya waaraa dhugoomsuufi misoomaaf waadaa kaleessa gale har’as kan eegu waan ta’eef, hawaasni Aanaa Beegiifi godinichaa qindoominaan socho’uu akka qaban hubachiisan.

Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Guraandhala 15/2011

 

Recommended For You

3 Comments to “Gaggeessitoota ummataaf gurra ergisan”

  1. Pingback: book hotel

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *